Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Piriimer Liigii torban shanaffaa Maan Siitiifi Arsenaal walitti fiduun maaltu eegama? Tilmaamni dhiyaateera
Sagantaa Piriimer Liigii Ingiiiz torban shanaffaatiin kan Maanchester Siitiin Arsenaaliin dirreesaa Itihaaditti simatee keessummeessu haalaan kan eegamuudha.
Kilaboonni kunneen lamaan bara darbe keessa kokkee walqabaa turanii dhumarratti Maanchester Siitiin qabxii lama qofaan caalee shaampiyoonaa ta’uun isaa ni yaadatama. Akkas ta’ee garuu tapha si’a lama waliin taphataniin tokko wal qixa bahanii tokko ammoo Arsenaaltu mo’atee ture.
Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan, taphni garee jajjaboo kana gidduutti Dilbata gaggeeffamu goolii malee xumurama jedhe. Ta’us garuu taphoonni gurguddoo akkasii qabxii wal qixa ta’een xumurama jechuus hin barbaadu,“ jedheera.
Tapha akkaan eegamu kana dabalatee maaltu eegama?
Kiriis Saatan tilmaama torban darbee (torban afuraffaa)tiin taphoota gurguddoorrati hin milkoofne.
Tapha Darbii Landon Kaabaa Tootenhaam dirree isaarratti Arsenaaliin simatee gaggeeffameen Tootenhaam Arsenaaliin 3-2n mo’ata jedhee ture. Kan ta’e garuu Arsenaal 1-0n mo’atee qabxii barbaachistuu sadan isaa abatee galeera.
Akkuma kana ammoo tapha Liiverpuul dirreesaa Anfiild irratti Nootingihaam Forest simatee gaggeesse 2-0 jedhee ilmaamee ture Kiriis Saatan. Kan ta’e garuu Liiverpuul dirreesaarrratti Nootingihaam Forestiin 1-0n mo’ameera.
Taphoota tilmaamuun itti milkaa‘es qaba ogeessi kubbaa miilaa kun.
Sambata, Fulbaana 21
Weest Haam v Chelsii
Weest Ham leenjisaa duraanii Deevis Mooyes kan ari'uuf kan murteesse leenjisaa 'akka Weest Haamitti' taphatu mallatteesisuuf kan jedhu ture.
Leenjisaa Yuleen Lopteeguu qacaruun alatti taphattoota paawondii miliyoona 130n mallatteesisus bu'aa Mooyes caalu argamsiisuu isaanii garuu adeemsa keessa kan ilaalamu ta'a.
Weest Haam sochii gaarii agarsiisuu dhabuun alatti Chelsiinis amansiisaa waan hin taaneef tilmaamuuf tapha nama rakkisudha.
Garee mo'atu adda baasuudhaaf rakkisaa ta'a.
Tilmaama: 1-1
Aston Viilaa v Woolvis
Woolvis tapha kanarraa qabxii argachuu baatus bara kana qabxii gaarii galmeessisa.
Leenjisaan Aston Viilaa Unaayee Emiree gareen isaa dorgommii Shaampiyoons Liigiifi Piriimer Liigii keessatti qabuun, madaallii kilabasaa eegsifachuu qaba.
Torban darbe goolii ittiin everten mo'ate kan lakkofsise Joon Duraan gareen kun taphattoota gahaa qabaataa dhufuu agarsiisuu nda'eera.
Shaampiyoons Liigiitiin Yaang Booyis mo'ataniii hamilee gaariirra waan jiraniif miillana Woolvis waliinis ni milkaa'u.
Tilmaama: 2-0
Fuulhaam v Niwukasil
Bara dorgommii dabre keessa Fuulhaam dirre isaarratti taphoota taphate 19 keessaa 9 kan mo'ate yoo ta'u, saddet ammoo qabxii qooddateera.
Niiwukasil ammoo garee tilmaamuun hin danda'amne ta'eera.
Gareen kun hanga ammaa akka gareetti qabxii argachuu caalaa dhuunfaarratti hirkateera.
Taphni kun wal qixa xumurama natti fakkaata.
Tilmaama: 1-1
Leester v Everten
gareen lamaanuu 2fi 0n dursuu danda'anillee, boodara Leester Kiristaal paalas waliin wal qixa xumureera. Everten garuu Aton Viilaan mo'ameera.
Tapha kanaan gareen leenjisaa Shoon Daayish qabxii sadan isaa torban itti milkaaffatu fakkaata.
Deeggartoonni tokko tokko amantaan leenjisaa kanarratti qaban hir;ataa dhufeera.
Garee laafaa kanaan mo'amuun ammoo dhiibbaa jiru itti cimsa.
Tilmaama: 1-2
Liiverpull v Barnimaaz
Liiverpuul erga torban darbe Nootingihaam Forestiin mo'amee booda tapha Shaampiyoons Liigiirratti AC Miilaniin mo'atee deebii kenneera.
Mohaammed Saalaah dabalatee taphattoonni tkko tokko tapha Forest waliin turerratti gaarii hin turre.
barnimaaz ammoo leenjisaa Andonii Irraa'olaa jalatti garee rakkisaa ta'aa dufra. Taphoota baranaa kana hanga kanaan dura argatan caalatu isanaiif malayyuuti.
Taphni kun Liiverpuuliif salphaa ta'uu baatus akka tapha Nootigihaam Forest waliin ture dilallaa'anii hin dhiyaatan. Carraawwan uumanii itti ni fayyadamu.
Tilmaama: 2 – 0
Saawuzhampitan v Ipsiwiich
Kilaboonni lachanuu bara dorgommmii kana keessa yeroo jalqabatiif mo'achuudhaaf dirree seenu. Ipsiwiich hanga ammaatti qabxii lama qaba. Gareen kunneen lamaan bara darbe yeroo shaampiyoonship keessa taphatanitti Ipsiwiich dirree isaafi dirree isaatiin alatti no'achuun qabxii ja'a irraa fudhateera.
Kilaboonni lamaaniyyu qabxii sadii argachuu taphatanillee taphni kun wal qixaan xumurama.
Tilmaama: 1 – 1
Tootenhaam v Bireentifoord
Taphni kun Tootenhaamiif rakkisaa ta'a.
Bireentifoord tapha torban darbe maanchester Siitii waliin taphateen sirriitti gurmaa'ee cimina agarsiiseera. Goolii tokko kan lakkoofsise taphataan isanii Yohaan Wisaan garuu miidhamaan dirree keessaa jala abahe.
Tootenhaam akkuma bara darbee naannoo karra warra masaanii seenanii sodaachisuu dadhabuun isaanii akka yaaddootti ka'aa jira.
Tapha kanarratti caalaa cimanii dhiyaachuun kan isaanirra jiraatu yoo ta'u, dirreesaniirratti waan taphataniifis tilmaamni mo'achuu ni kennamaaf.
Tilmaama: 2 – 1
Kiristaal Palaas v Maanchester Yunaayitid
Bara darbe wari Paalaas maanchester Yunaayitid 4-0n mo'atanii kan turan yoo ta'u, goolii lama kan isaaniif lakkoofsise Maayikil Olisee gurguraniiru.
Leenjisaan Oliiver Gilaasner gara kilaba kanaa yeroo dhufetti bu'aa gaarii galmeessullee bara kana garuu imalli isaa kun bareeda hin fakkaatu.
Tapha jifachuurratti kilaba hundaa'an ta'uun isaanii ammoo maancheetiif kan mijatu waan ta'eef warri Reed Deevils amma cimaa dhufuu tapha torban darbe Saawozihampitan waliin turerratti agarsiisaniiru.
Tapha torban darbeetiin maanchester Yunaayitid erga Andiree Onaanaa rukkuttaa peenaaliitii hambisee booda gareen kun fooyya'ee argamuu qofa osoo hin taane, jifataan gare kanaa Maarkes raashifoord sochii gaarii agarsiiseera.
Tapha toban kanaatiin maanchester Yunayitid qabxii sadan isaa ni argata. Hireen eriik Teen hanga baramuu baatus, gareen kun akka daandii sirriirra jira.
Tilmaama: 1 – 2
Dilbata, Fulbaana 22
Biraayiten v Nootingihaam Forest
Forest sarara ittisaa cimaa qabuufi torban darbe Liiverpuuliin mo'achuu isaatiin, ammas ni mo'ama jedhanii tilmaamuun rakkisaadha.
Taphattoonni sarara gidduu dandeettii agarsiisaniin alatti dhiibbaa taphattoonni jijjiiramanii seenanis dhiibbaa uumuu akka danda'an agarsiisaniiru.
Biraayiten ammoo kilaba goolii lakkoofsisuu danda'udha.
gareen kun dirree isaarratti akka hin mo'amne yoo tilmaamne ammoo taphni kun qaphxii wal qixa ta'een xumurama jedheen yaada.
Tilmaama: 1 – 1
Maanchester Siitii v Arsenaal
Arsenaal bara darbe Maanchester Siitiin akka goolii irratti hin lakkoofsisne gochuu danda'u, qabxii lama qofaan Siitiin caalame shaampiyoonaa Liigichaa osoo hin ta'iin hafeer.
Tapha ittisuurratti xiyyeeffate hordofuunis waancaa Liigichaa isaan dhabsiise jedhanii warri yaadanis jiru.
Shaampiyoons Liigii Awurooppa irratti Inter Miilaan akkamitti akka Maanchester Siitii dura dhaabbachuun taphachuun itti danda'u agarsiiseera.
Arsenaal sarara ittisaa cimaa ijaareera. Deebisanii haleeluutii Siitii dhiphisuun akka danda'amu ammoo Inter Miilaan irraa barachuun ni danda'ama.
Garuu Siitiin tapha Shaampiyoons Liigii goolii irraa hin argatiin hafeef tapha miilanaa kanaan deebii kenna jedhamee eegama.
Tilmaama: 2-1