Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tajaajilli bilbilaa Safaricom Dirree Dhawaatti Hojii jalqabuufi
Tajaajilli bilbilaa Keeniyaa, Safaricom ji’a Adoolessa kaasee Dirree Dhawaatti tajaajila akka eegalu beeksisee jira.
Safaricom har’a Adolleessa 7, 2022 fuula tiwiitara isaa irratti akka ibsetti Itoophiyaa keessatti Adoolessa dhufuu kaasee ifatti tajaajila kennuu akka eegalu ibsee jira.
Safaricom Itoophiyaatti tajaajila telekoomii Dirree Dhawaatti jalqabuuf jedhus hanga Ebla bara 2023 tti magaalota Itoophiyaa 25 keessatti tajaajila telekoomii kennuuf karoora akka qabu beeksiseera.
Afrikaatti dhaabbilee telekoomii gurguddoo muraasa ta’an keessaa tokko kan ta’e Safaricom, Itoophiyaatti erga hojii erga jalqabee kaffaltii hayyamaaf baase dabalatee doolaara biliyeena baasuu isaa beeksiseera.
Dhaabbatichi fuula tiwitara isaa irratti akka beeksisetti hanga ammaatti lammiilee Itoophiyaa 320 ta’aniif carraa hojii baneera.
Safaricom Itoophiyaa keessatti lakkoofsa bilbilaa jalqabisaa '07' ta'een tajaajila kennuu akka eegalu kana dura beeksisee ture.
Kana dura dhaabbattichi bara kana ji’a Muddee keessa hojii akka eegalu ibsus sababoota garaa garaan hanga ammaa hojii hin eegalin tureera.
Kanaaf sababni dhaabbatichi dhiyeesse walii galteen kaffaltii bu’uuraalee misoomaa Itiyoo telekom (Ethio Telecom) wajjin jalqabame irratti walii hin galamin turuu, neetwoorkii diriirsuu fi hojiilen bu’uuraalee misoomaa biroo yerodhaan xumuramuu dhabuudha.
Waggoota sadii Itoophiyaan tajaajila damee telekoomii keessa abbootin qabeenyaa akka galaniif ifa erga gootee booda, kaampaaniwwan lama eeyyama akka argatan beeksifte.
Kubbaaniyaan ‘Global Partnership for Ethiopia’ jedhamuu eeyyama telekoom Itoophiyaan caalbaasif dhiyeessete lamaan keessaa tokko mo’atee ture.
Kubbaaniyoonni akka Safaricom, Vodafon, CDC Giruup, Sumetom fa’aa warreen Itoophiyaa keessatti tajaajila telekoom kennuuf eeyyama argataniidha.
Kubbaaniyaan ‘Global Partnership for Ethiopia’ jedhamu doolara miliyeena 850 dhiyeessun caalbaasii mo’ate.
Safaricom damee tajaajijla telekoomii mootummadhan waggoota hedduuf to’atamee ture keessa seenee hojjachuudhaf kubbaaniyaa dhuunfaa isa jalqabaa ta’a jechuudha.