Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhimma daa'imman dhalatanii gataman magaalaa Jimmaatti yaaddoo uume
“Guyyoota 10 keessatti daa’imman gatamanii argaman jaha ofitti fudhanne,” Aadde Zabanaay Asfaaw hundeesituufi hoji-gaggeessituu Dhaabbata Tola Ooltummaa Saw la Saw jedhamuuti.
Tibba kana dhimmi daa’imman reefu dhalatan magaalaa Jimmaa keessatti gatamanii argamanii marsaalee hawaasaarratti baay’inaan qoodamaa jira.
Lakkoofsi daa’immanii gatamanii argaman dabaluunsaa yaaddoo akka itti uume Aadde Zabanaay BBC’tti himaniiru.
“Kaleessa galgala [Kamisa 21, 2024] sa’aa 3:00 irratti gara giddugala keenyaa kan seente (haatishee) bo’oo bishaanii keessatti ishee gatte.
''Konkolaataa jalatti ni gatu, iddoo namni isaan hin argine gandoota qarqara magaalaa jiraniifi buufata konkolaataa keessatti gatu,” jedhan.
Daa’imman jahaan guyyoota kudhan darban keessatti gatamanii argaman hundi isaanii erga dhalatanii torbee tokkoo ol kan hintaanedha.
“Kan kaleessa [Kamisa] argamte erga dhalattee reefuu guyyaa tokko. Guyyoota sadii dura kan dhufes daa’ima guyyaa tokkooti” jedhan.
Dhimma yaaddoo ta'e…
Lakkoofsi daa’imman guyyoota 10 darban keessatti gara giddugala isaanii seenan jaha ta’ullee akka magaalaa Jimmaatti gatamanii kan argaman garuu kanaa ol akka ta’e Aadde Zabanaay ni himu.
Kanaan dura yeroo ji’a tokkoo keessatti daa’imman gatamanii argaman saddeet ofitti fudhatanii akka turan himuun, lakkoofsi tibbanaa garuu guddaa akka ta’e dubbatan.
Lakkoofsi daa’immanii gara isaanii dhufan dabalaa jiraachuunsaa magaalicha keessatti daa’imman baay’een gatamaa jiraachuu kan agarsiisu akka ta’es himu.
“Lakkoofsichi dabalaa dhufuun yaaddeessaa nutti ta’eera. Nuti bajata dhaabbataa ta’e hinqabnu. Mana jireenyaakoo keessattin hojjedha. Maal goona?” jechuun yaaddoo qaban himaniiru.
Daa’imman kunneen gargaarsa namootarraa argataniin akka tursiisan kan himan Aadde Zabanaay, “daa’imni nutti baay’ateera. Har’umayyuu daa’imni meeqa dhufuu akka danda’u tilmaamuu hin danda’u,” jedhan.
“Dur namni daa’ima dafee dafee fudhata. Amma garuu ‘daa’ima fudhachuuf mitii ofiifuu jireenyi natti ulfaatera’ jedhu” jedhan.
Sababa…
Rakkoon diinagdee sababa ijoo haawwan daa’imman kichuu dahan akka gatan taasisu himu Aadde Zabanaay Asfaaw.
“Akkuma beekamu haalli diinagdee baay’ee hammaachaa jira. Kunneen daa’imasaanii gataa jiranis namoota sadarkaa diinagdee gadi aanaa qabanidha.''
Ilaalchi hawaasaammoo sababa isa lammataa akka ta’e himu.
“Dubartiin tokko callistee yoo deesse (gaa’ila malee) maatiinshee ishee lagata, ishee arrabsuun yeroosaa dabarsa.
''Wanti sun erga uumamee booda ‘takkaa uumameera’ jedhee deeggarsa xinsammuu hin taasisuuf. Dubartii sana manaa baasuu barbaadu,” jedhu.
Dubartoonni kunneen manaa bahanii hojii argachuufillee akka rakkatan kan himan Aadde Zabanaay, hojjechiistoonni baay’een dubartoota daa’ima ofbiraa qaban qacaruuf fedhii kan hinqabne ta’uus himan.
Dabalataan, maloota ulfa itti ittisuun danda’amurratti hubannoon jirus gadi aanaa ta’uunsaa hammaachuu rakkinichaaf sababa tokko akka ta’e eeraniiru.
Kanaafis “Qaamoleen sirna wal hormaataarratti hojjetan dhimma kanarratti haalaan yaaduu qabu.
''Rakkinichi ifatti as adeemaa jira” jedhan. Kana malees, mootummaan dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuu akka qabus dhaamaniiru.
Gama biraatiin dhaabbanni tola-ooltummaa Saw la Saw ALI bara 2010 hundeeffamuu kan himan hundeessituufii hoji-gaggeessituun dhaabbatichaa, dhaabbatichi maanguddoota dadhaboo deeggarsa hinqabne gargaaruun cinatti daa’imman gatamanii argaman ofitti fudhachuun tursiisuun guddifachaan kenna.
“Hojii ijoon Dhaabbata Tola Ooltummaa Saw la Saw daa’imman du’arraa oolchuudha. Kanarraa kan ka’e daa’imman baay’een gara keenya ni dhufu” jedhan.
“Hanga ammaatti daa’imman 54 guddifachaan akka kennaman taasifneerra. Daa’imman kunneen namoota mootummaan ‘ulaagaa guutaniiru’ jedheef mana murtiin ragga’ee kan kennamanidha” jechuunis himaniiru.
Dhaabbanni Saw la Saw Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii waliin kan hojjetu yoo ta’u, daa’imman gataman kana kaasee isaaniif kennu waajjiricha ta’uullee dubbatu.
Jalqaba yeroo daa’imni argamu poolisiin waamamee daa’imichi warra Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa’immaniif kennama. Isaan immoo dhaabbatichatti [Saw la Saw]tti dabarsu.
Eeruun galgala ykn halkan yoo isaan qaqqabeefii yaaddoon bineensaan nyaatamuufaa yoo jiraate dafanii deemanii erga kaasanii booda waajjira poolisiitti akka geessanis Aadde Zabanaay BBC'tti himaniiru.
Akkuma kana guddifachaaf daa’ima yeroo kennanis warra Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii waliin akka hojjetan dubbatu hundeessituun dhaabbata tol-aooltummaa kun.