Chaayinaatti barataan tokko du'uu hordofee mormiin ummataa cime

Viidiyoo adda baafame  tokko keessatti  wayita poolisiin tokko nama  uleedhaan tumu kan mul'isu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Chaayinaa magaalaa Puchengi keessatti du'a mucaa umrii kudha wayii keessa jiru hordofee mormiin ummataa cimaan gaggaeeffamaa jiraachuu viidiyoowwaan qoodamanirraa BBC'n mirkaneessera.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodame irratti mormitoonni poolisootatti yeroo waa darbatanii fi poolisootni mormtoota reeban mul'isa.

Angawoonni akka jedhanitti dargaggeessi kun Amajjii 2 balaa dormii mana barumsaa isaa keessatti mudateen kufee du'e.

Garuu du'a isaa hordofee himannaa fi mormiin sadarkaa adda addaa miidiyaa hawaasaa irratti babal'ataa deeme.

Yeroo muraasa booda mormiin ummataa kun gara daanditti bahuun guyyoota hedduuf taasifame.

Hiriirri mormii ummataa Chaayinaa keessatti waan hin baratamne miti, garuu erga mormii waraqaa adii bara 2022 imaammata Covid mormuun, qeeqni jabaan Paartii Koominiistii Chaayinaa fi Pirezidaantii Xi Jinping irratti mul'ate as aanga'oonni xiyyeeffannaa guddaa itti kennan

Miidiyaaleen mootummaa mormii magaalaa Puchengi keessatti geggeeffame kana gabaasurraa of qusataniiru.

Viidiyoowwaan mormii toora interneetii irratti fe'amanis buufamaa jiru. BBC'n bakka bu'aa kutaa beeksisa mootummaa Puchengi qunnamun dhimmicha irratti odeeffannoo akka kennan gaafatus mormiin akka hin jirre haaleera. Sochiin qondaalota biroo irraa deebii argachuuf taasifame biroos hin milkoofne.

Viidiyoon hedduun Chaayinaa keessaa miliqee X irratti kan maxxanfame yoo ta'u BBC'n viidiyoon kun Giddugala Barnoota Ogummaa Pucheng keessatti kan waraabame ta'uu mirkaneessee jira.

Guyyoota muraasa darban mormiin kun akka babal'ate osoo hin gabaafamin duras viidiyoo haaraan kun kanneen kanaan duraa toora interneetii irratti bahan waliin hin argamne.

suuraa viidiyoo wayita namni mormiif ba'e tokko dhiiga ofirraa haqu mul'isu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ibsa jalqaba torban kanaa baasaniin qondaaltonni akka jedhanitti, barataan maqaan isaa Dangi jedhamu barataa waggaa sadaffaa giddugala barnootaa Puchengi keessatti argamu ture.

Akkataa du'a isaa ilaalchisee aanga'oonni dhoksuuf yaalaniis odeeffannoon himannaan toora interneetii irra naanna'u akka ibsutti, Daangi gurbaa kanaan dura waliin lolee ture tokkoon erga doorsifamee booda of ajjeese.

Yaadni maatii isaa irraa hin mirkanoofne kan naanna'aa ture yoo ta'u, miidhaan qaama Dang irratti qaqqabe taateewwan aanga'oonni dubbatan waliin kan wal hin simne ta'uutu himama.

Ibsichi garuu "barataan tokko gamoo mana barnootaa irraa kufee du'e" jechuun jedha. Itti dabaluudhaanis poolisiin qorannoo reeffaa gaggeessee, "yeroo ammaa kana akka dhimma yakkaatti hambisee jira" jedheera.

Gochi kun namoota hedduu aarsuun heedduun mormii kanaaf ba'aniiru. Viidiyoonni X irratti maxxanfaman akka agarsiisanittis namoonni Giddugala Barnoota Ogummaa Pucheng keessatti wayita sirna gaggeessa raawwatan "dhugaa nuuf himaa" jechuun mana barnootichaa weeraruun poolisii waliin walitti bu'uu agarsiisa.

Viidiyoon mirkanaa'e tokko mormitoonni meeshaalee waa poolisiitti darbachuu akkasumas qondaaltonni namoota uleedhaan reebanii fi hidhan mul'isa

Angawoonni ummanni "oduu akka hin uumne fi oduutti akka hin amanne, ykn oduu akka hin facaasne" akekkachiisaniiru.