Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Indiyaatti namni filannoo filachuun kan jalqabaa ta'e waggaa 105tti du'e
Namni filannoo jalqabaa Indiyaan gaggeessiterratti sagaleesaa kenne umriisaa waggaa 105tti du'e.
Shyam Saran Negi wayita Indiyaan waanjoo kolonii Ingilizii ofirraa fonqolchuun walaba taatu filannoo jalqabaa gaggeessiterratti nama sagaleesaa kennedha.
Aab Negin yeroo sanarraa kaasanii osoo walirraa hin kutin filannoowwan gaggeeffaman irratti sagaleesaa kennaa ture.
Du'uusaa guyyaa sadi durallee filannoo mana maree naannoosaa taate bulchiinsa Himachal Pradesh keessatti gaggeeffamerratti hirmaachuun sagaleesaa kenneera.
Namni barsiisaa turee booda soorama ba'ee amma lubbuun hin jirre kun, filannoo dimokiraatawaa biyyisaa bara 1952 gaggeessiterratti hirmaachuun nama jalqabaati jedhama.
Filannoo kanaan Paartiin Kongiresii Biyyaalessaa Indiyaa injifannoo guddaa argate, Jawaharlal Nehru bulchiinsa kolonii waggoota 100 (1848-1947) booda ministira muummee jalqabaa filannoo dimokiraatawaan aangootti dhufe ta'e.
Aab Negin bara 2014 ambaasaaddar Komishinii Filannoo biyyattii ta'uun namoonni akka ba'anii filatan kakaasaa ture.
Filannoon karaa ittiin sagalee ofii kennuun mirga ofii kabachiifatan ta'uu barsiisaa ture.
''Dargaggoonni adeemsa ijaarsa dimokiraasii keessatti hirmaachuu qabu. Kun mirga keenya akkasumas ammoo dirqama keenya. Filannoo keessatti hirmaachuun karaa ittiin mirga keenya kabachiifataa dirqama keenya baanuudha,'' jechuun barruu Indiyaa- Tribute jedhamutti himee ture.
Reenfa nama kanaaf gaggeessaan gootaa fi kabajaa akka taasifamu Ministirri Muummee Naarendiraa Muudii himaniiru.