Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daa'imni 'Raajii' jedhamteefi kirikira lafaa Siiriyaarra hafte akkam taate?
Daa’imni Afraa jedhamtu Siiriyaatti caccabaa gamoo jige keessaa yeroo argamtu, hiddi handhuuraa haadharraa hin cinne.
Haati daa’ima kana deesse battaluma sana duute.
Viidiyoon daa'ima kirkira lafaa ji'a Guraandhala mudaterraa haala ajaa’iba baraaramu agarsiisu qalbii hawaasa addunyaa booji'e.
Ergasii daa’imni ‘Raajii’ jedhamte kun bayyanateetti.
Amma Afraan erga dhalattee baatii ji'a jaha - daa'ima gammaddu fi fayyaa qabeetti taate.
Adaadaa fi eessumni ishee ijoollee isaanii torba waliin magaalaa Siiriyaa Jindayris jedhamtu kan daangaa Turkii irraa fagoo hin taane keessatti guddisaa jiru.
"Isheen baayyee ammallee daa’ima, garuu abbaa ishee fi obboleettii ishee Nawaraa na yaadachiisti, keessattuu yeroo seeqxu.
Isaanis kirkira lafaatiin du'aan," jedha eessumni shee ishee Kaalil al-Sawadi, daa'ima seeqxu kana oliif raasaa.
‘’Warrii ishee yeroo baayyee nu waliin turu turan. Isheenis takkaa nu hin rakkifne,‘‘ jedhe.
Guraandhala 6, 2023 kirkirri lafaa hamaan kun Jindaayris erga mudateen booda haadha Afraa ciniinsuun qabee mana ishee jijjige jalatti deesse.
Haati Afraa osoo lubbu- baraartoonni hin argatin duute.
Daa'imni Afraa jedhamtu qofatu miseensa maatii dhiyoo ishee keessaa lubbuun hafe ture - abbaan ishee Abu Rudaayinaa fi obbolaan ishee afran hundi isaanii lubbuu dhabaniiru.
"Manni Abu Rudaayinaan jiguu argine," jedha Kaliil. "Haati warraakoo: 'Obboleessa koo, obboleessa koo' jettee iyyuu eegalte."
Kaliil yeroo Afraa mana jijjige jalaa harkisee baase akka gaariitti yaadata: "Foddaan manaa isaan irratti jigee ture. Namni wayii naaf bilbilee reeffa dubartii argine naan jedhe.
Akkuman achi ga'een qotuu eegale, sana booda sagalee tokkon dhaga'e. Innis ture.
" Afraan hidda handhuura haadha isheerraa hin cinne. Ishee baraaruuf murteeffanne, yaadannoo maatii ishee hafe ishee qofa ta’uu beekna turre."
Viidiyoon wayita daa’imni kun baraaramtu agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti qoodamee saffisaan qoodame.
Sana booda daa'imni kun gara hospitaalaatti geeffamte, jalqaba irratti maqaa ‘Ayaa’ jedhutu moggaafamef, hiikni isaas afaan Arabaatiin raajii ykn ajaa’iba jechuudha.
Doktarri ishee kunuunsu akka jedhetti, isheen qaamni ishee rukutamuu fi dirmammu akka qabduu fi hafuura baafachuu dadhabde hime.
Ji'a jaha booda miidhaan sun hin mul'atu. ‘’Battala kirkirri lafaa mudatetti lapheen ishee rakkoo qabaa, sababa dhukkee mana jijjigerraa ka'een.
Amma garuu fayyaan buleettidha," jedha Kaliil. "Haala fayyaa ishee ilaaluuf doktoraoota bira geesseera amma guutumaan guututti fayya buleettidha" jedhe.
Garuu ji'oonni jahan darban yeroo rakko ture.
Yeroo Afraan hospitaala turtetti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman addunyaa guutuurraa guddifachuuf waan yaadaniif, Kaliil fi haati warraa isaa Hala osoo ishee kunuunsuuf hin eeyyamamiin dura dhuguma firooma akka qaban mirkaneessuu qabu turan.
"Afraa nuuf kennuu akka hin barbaanne natti dhaga'ame" jedha.
Haalaan qorannoo DNA gochuu qabdi ture.
"Jalqabarratti qorannoo dhiigaa qofa ture, achiis gara torban booda ammas nu bilbilan. Haadha warraa koo irraa saamuda dhiigaa fi rifeensa biraa fudhatan.
''Osoo debii hin dhageenye guyyoota 10tti siqu fudhate."Seenaa Afraa kanaaf fedhiin guddaan waan tureef, Kaalil fi maatiin isaa osoo bu'aa DNA eegaa jiranii namni tokko ishee butuuf yaalu mala jedhanii yaadda'aniiru.
Yeroo danda'an hospitaala keessa dabarsuudhaan of eeggannoo dabalataa godhaniiru.
"Poolisiin siiviilii fi waraanni ishee eeguuf nu gargaaran," jedha. "Baay'ee turan. Kutaa Afraa cina jiru keessa taa'anii halkanii guyyaa ishee hordofaa turan."
Bu'aan DNA yeroo darbu Haalaan fira dhiigaa ta’uu - obboleettii abbaa Afraa - ta'uu mirkaneessanii intalli xiqqoo kun hospitaala gadhiiste.
Kaliil fi Haalaan wanta jalqaba godhan keessaa tokko maqaa haaraa itti moggaasuu ture - maqaa haadha isheetiin Afraa jedhanii ishee waaman.
"Amma ijoollee koo keessaa isheen tokkodha," jedha Kaliil. "Yeroo baay'ee isheerraa fagaadhee turuu hin danda'u."
"Gaaf guddattu waanta raawwatame ture itti himeen, suuraa haadha, abbaashee fi obbolaa ishee itti agarsiisa.
Maatii ishee guyyaa itti aanutti ganda dhiyoo argamtu Hajji Iskandar jedhamutti awwaalle, bakka awwaalli jumlaa qotameetti."
Haalaa fi haati Afraa yeroo wal fakkaataatti ulfa kan turan yoo ta'u, Afraan erga dhalattee guyyaa sadii booda Haalaan daa'ima durbaa tokkos deesse.
Adadaan ishee kan biraa kirkira lafaatiin duute Ataa jedhamturraa ka’uun maqaa Ataa isheef moggaasan.
Garuu manni isaanii Jindaayrisitti argamu akka malee waan miidhameef kana booda achi jiraachuu hin dandeenye.
"Baqaqaa gurguddaa waan qabuuf nageenyaaf amansiisaa miti," jedha Kaliil.
"Mana fi konkolaataa koo nan dhabe, akka waan bakka duriitti deebi'uuti. Ijoollee koo mana barumsaatti erguullee hin danda'u.
"Ji'a lamaaf kaampii da’annoo tokko keessa jiraatan, jireenyi cimaadha, "garmalee rakkisaa, baayyee ho'aa waan tureef daa'imman lama kunuunsinu ni cima ture"
Maatiin kun dhumarratti bakka amma jiraatanitti mana kireeffatan argachuu danda'aniiru, garuu yeroo dheeraa turuu akka hin dandeenyu jedhanii yaadda’u.
"Baayyee qaala'aa waan ta'eef, abbaan qabeenyaa waan barbaaduuf yeroo dheeraaf turuu fi dhiisuu keenya hin beeku," jedha Kaliil.
Namoonni gara UAE ykn UK akka godaanan gargaaruuf yaada dhiyeessan garuu inni isaan dide. "Dhugaa dubbachuuf ammallee [yoon biyya alaa deeme] Afraa nurraa fudhachuu danda'u jedheen yaadda'a ture."
"Jindayris keessatti namoonni haala hamaa keessa jiraatan akka jiran" nu yaadachiisa.
Magaalaan dhaloota isaa kirkira lafaatiin miidhaa guddaa irra gahe keessaa tokko yoo taatu maatiin kumaatamaan lakkaa'aman biroonis rakkina walfakkaatu keessa of galchaniiru.
Siiriyaa fi Tarkiyaatti namoonni 50,000 ol du'aniiru - yoo xiqqaate namoonni 4,500 kaaba dhiha Siiriyaa keessaa, Walumaagalatti namoonni 50,000tti tilmaaman buqqa’aniiru.