Waliigalteen taasifamee guyyaan booda Raashiyaan buufata Yukireen misaa'elaan haleelte

Maxxanfame

Miidhaan Yukreen deebiisanii biyya alatti erguu eegalchiisuuf waliigalteen Kiyiiviifi Mooskoo jidduutti taasifamee sa'aatiiwwan muraasaan booda Raashiyaan buufataalee Yukireen ijoo misaa'eelaan haleelte.

Miisaa'eeloonni lama buufata magaalaa Oddeessaa keessaa Sambta ganama haleelluu Ministeerri Yukireen beeksiise.

Hogganaan humna qilleensaa Yukireen, man-kuusaalee miidhaanii buufatichirraa beekaa xiyyeefatame jechuun Raashiyaa himatan.

Akka waliigalte Jimaata kaleessaa taasifameetti, osoo dooniiwwan miidhaanii darbaa jiranuu buufataalee akka hin haleellee Raashiyaan waligalte turte.

Jidduugalli Ajajaa Waraana Yukireen Kibbaa karaa toora miidiyaa hawaasaatiin akka jedhaniitti, miisaa'eloonni lamma buufaticha haleellanii kaan lama ammoo sirnawwan ittisa qilleensaatiin fashaleeffamaniiru. Oleksiy Honcharenko, Miseensi mana maree naannichaa, Teelegraamii irratti akka barreessaniitti, haleelichaan booda bufanni magaalatii ibiddaan qabateera.

''Jarrii faallaawwan kunneen gama taokkoo waliigalte mallatteessaa gama biraatiin ammoo miisaa'eela dhukaasu,'' jechuun barreessan.

"Kanaafu, xiyyaaroota argachuun bakka balaliinsa Federeshiinii Raashiyaa Galaana Guraachaa galaana galchu barbaadna. Kunis ala erguu miidhaanitiif haala gaarii ta'a'' jedhan.

Haleellaan kanaan badii cimaan qaqabuufi lubbuun badu kan barame hin jiru. Barreessaa Olaanaan Morummoota Gamtoomanii Antoonii Gutareez, kan sirna mallattoo Jimaataa irra turan, haleellaa ammaa raawwatame cimsuun balaalleefataniiru.

''Kaleessa qaamooleen hunduu waltajjii addunyaa gubbaatti miidhaanii fi oomishaaleen biraa Yukireen nagaan gabaawwan addunyaatiif akka seena mirkanneessuuf kutannoosaanii ifa taasisanii ture,' jedhan.

"Oomishaaleen kunneenis rakkina nyaata addunya mudate furuufi lammiilee miiliyoonoota addunyaa guutuutti rakkataa jiran salphisuuf baayyee barbaadamu. Kanaafu Hojiirra oolmaa guutuun Federeshinii Raashiyaa, Yukireeniifi Tarkiiyyee murteessaadha,'' jedhanii ture.

Ambaasaadarri Ameerikaa Birjiit Biriink haleellaa kanaan ''baayyee naasiisaa'' jechuun, Raashiyaan ''ittigaafatamu qabdi'' jedhan.

Guyyaa Jimaataa, qondaaltoonno Yukireeniifi Raashiyaa midhaan toonii miiliyoonootaa buufataalee Yukireen irratti danqamee akka ergamuuf waliigalteerra gahanii ture.

Akka dippilomaatoonni jedhaniitti, waliigalticha keessatti osoo dooniiwwan midhaan dabarsaa jiranu Raashiyaan buufataalee akka hin haleellee fi Yukireen ammoo kaargoowwan doonii karaa bishaan isheetiin akka qajeelchitu waliigalame.

Waliigaltee baatiiwwan lamaan booda irratti waliigalame kanaanis, jidduugalli qindeessuufi to'annoo Istaanbul keessatti hundeeffamee qondaaltoota UN, Tarkiyyee, Raashiyaafi Yukireen akka hamatu jedhamee ture. Yoo qamooleen lamaan irratti waliigalame ammoo kan fooyyeefamu danda'u ta'a.

Andriy Yermak, Hogganaan waajjira Pirezidaanti Volodmiir Zelenskii, haleellicha balaaleeffachuu ''Raashiyaan itti yaaddee rakkoo nyaataa umaa jirti'' jechuun himatan.

''Misaa'eeloonni Raashiyaa kunneenis kaballaaVilaadmiir Puutiin fuula Barreessaa Olaanaa UN Antoonii Gutareezii fi Pirezidaantii Tarkiyee Resiip Erdogaan, kanneen waliigalteerra gahuuf yaalii hedduu taasisanii fi kan Yukireen ulfina baayyee qabduuti'' jedhan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Yukireen, Oleeh Nikolenko.

Walaan lafoo keessatti, looltoonni Raashiyaa bulchiinsa Kherson keessaa sarara dhiyeessitii irraa humnootii Yukireeniin adda kutamu qondaalli waaraanaa Biritish himan. Yoo riqichiwwan barbadaa'an ammoo, sararriiwwan dhiyyeessitii Raashiyaa baayyee adda fagaata.