Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dachee Tigraayirra 'rasaasaa hanga boombii xiyyaaraatti facaa'anii argamu'
Tibba kana oduun naannoo Tigraay Qollaa Tambeenii dhagahame kan yaaddoo uume ta'eera.
Bulchaan aanichaa akka jedhanitti, erga waliigaltee Piriitooriyaan mallateeffame booda dhootuwwan waraanaarratti osoo hin dhuka'iin hafan ykn awwaalaman balaa qaqqabsiisaniin namootni 100 ol ta'an du'aa fi miidhaa qaamaaf saaxilaman.
Obbo Taklaay Tesfaayee ''bakki dhootuu(faanjiin) itti hin awwaalamne hin jiru'' jechuun BBCtti himan.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf wayita gaggeefamaa ture humnoota Tigraay loluuf gara naannicha kan seenan; waraanni Federaalaa, hidhattootni Amaaraafi humnootni Eertiraa Qollaa Tambeen keessa yeroo dheeraaf akka turan dubbatan.
Sababa kanaattis meeshaaleen waraanaa gurguddaafi xixiqqaan waraana booda osoo hin funaanamne hafuu Obbo Taklaay himan.
''Waliigalatti gandoota hunda keessa fanjiiwwan awwaalamaniifi lafatti gataman ni jiru.
'Diinni gadhiisee erga bahee booda, aanaa keenya keessa namootni nagaa 112 ta'an lubbuufi qaama isaanii dhaban. Isaan keessaa du'an namoota saddeeti.
Bulchaan aanichaa kun dhootuwwan iddoowwan jireenyaa, ooyiruu qonnaafi kaanittis gatamanii hafan daa'immaniifi hooriirratti miidhaa geessisaa jiraachuu himan.
Ijoolleen osoo hin beekin ittiin taphachuuf wayita fudhan dho'a, namoonni gaheeyyiin ammoo sibiilota irraa baasanii meeshaalee mana keessaa tolchuuf yeroo yaalan dho’uun balaa du’aa fi miidhaa qaamaa qaqqabsiisa.
Daa'imni tokko manatti taphachaa osoo jirtuu fanjiin dhohee Hospitaala Ayider geeffamuu Bulchaan Aanaa Tenben Vaalii Obbo Taklaay Tesfaayee BBC'tti himan.
''Tigiraayitti lafti dhootuun ittii hin awwaalamne hin jiru''
Tigraay bakkeewwan hedduutti sababa meeshaa waraanaa salphaa fi gurguddaa kaan lafatti gatamanii, kaan lafa keessa awwalamaniif jiraaatonni balaadhaaf saaxilamoodha.
" Tigraay bakka hundatti rasaasarraa kaasee hanga boombii xiyyaara gurguddaatti boombii dhohee fi hin dhoonetu jira," jedhu qondaalli Waajira Bulchiinsaafi Nageenyaa Tigraay Koloneel Gebramikaa'el Hagoos.
Sababa kanaan, ummanni naannichaa balaadhaaf saaxilamuu kan himan koloneelichi, dhootuun kun ''manneen barnootaa, ooyruu qonnaa, bakka ummanni itti walitti qabamu, mana kuusaa fi naannoo waraanni itti gaggeeffame keessatti bittimee jira'' jedhan.
"Namoonni qe'eerraa buqqa'an wayita deebi'an balaa kanaaf saaxilamoo ta'u. Kanaaf hojiin bal'aan barbaachisa,'' jedhan.
Koloneel Gebramikaa'el akka ibsutti, kanaan duras meeshaan waraanaa bakkeewwan manneen jireenyaatti hafan yeroo dheeraaf naannolee naannichaa adda addaatti balaa qaqqabsiisaa ture.
" Bakkeewwan akka Sanqaxaa, Cilaa-Qollaa Tanbeen, Godinaalee giddugaleessaa fi dhihaa Tigiraayitti balaan mudachaa jira'' jedhan.
Gosoonni dhootuu kana; madfii, mormaaraa fi boombii xiyyaara dabalata.
Sulula gammoojjii Tanbeen keessatti lolli cimaan gaggeeffamu kan bulchaan aanaa Obbo Takilaay, meeshaalee waraanaa kana dhabamsiisuuf dandeettii hin qabnu" jedhan.
Hawaasni akka eegu barsiisaa jiraachu ibsuun "naannoo kana dhootuun jira itti hin dhihaatinaa,'' jechuurra kan darbe fashaalessuuf dandeettii hin qabnu jedhan.
Koloneel Gebramikaa'el akka himanitti, erga waliigalteen nagaa mallattaa'ee booda manneen barnootaarra dhootuun qulqulleeffamaa turuu himan.
''ALI Sadaasa bara 2015 barnoonni eegalamu dura manneen barnoota keessaa dhootuun qulqullaa'e'' jedhan.
Manneen barnootaa keessatti dhootuu heddutu argame jedhan.
Dhaabbileen tola-ooltotaa waliin qondoomuun manneen barnootaa 1,900 ol sakatta'maniiru.
Bulchiinsi yeroo naannoo Tigiraay dhootuuwwan gataman fashaleessuuf yaalaa jiraatus, hojiin hanga yoonatti hojjatame gahaa miti jedhan Koloneel Gebramikaa'el.