Waldaa Kiristaanaa ijoolleerra 'seexanan baasa' jedhuufi falmii hordofsiise

Maxxanfame

Waldaan Kiristaanaa UK jiru mucaa umurii ganna 16 keessa haafura hamaa baasuuf utuu yaaluu viidiyoo dhoksaan waraabame irratti argame.

Paastariin waldaan Universal Church of the Kingdom of God (UCKG), mucaa kana keessa seexana baasuuf jecha "kadhannaa cimaa" utuu gaggeessuu argameera.

Miseensa waldaa kanaa kan ture namni saala wal fakkaata jaallatu tokko yeroo inni mucaa ganna 13 turetti akka inni dubartii jaallatuuf ykn saala faallaa jaallatuuf jecha "kadhannaan cimaa" akka irratti gaggeeffame BBC Panaroomaatti himeera.

UCKG akka jedhutti ijoolleen umurii ganna 18 gadi ta'an sagantaa "kadhannaa cimaa" hirmaachuu akka hin dandeenyeefi waldichi "tajaajilli conversion therapy jedhamu akka hin gaggeessine" himeera.

Convertion therapy jechuun tajaajila ykn 'wal'aansaa' namoota saala wal fakkaata jaallatan jijjiiruuf taasifamudha.

Qorannoon BBC Panaroma kana argate:

Waldaan kun haafura hamaa nama keessaa baasuun akka dhibee xiinsammu fayyisuuf akka gargaaru miseensota isaatti hime.

Hoogganan waldiichaa damee UK dhibeen eeppilapsii [gaggabdoo]"rakkoo hafuuraa" akka ta'etti ibsa.

Waldaan UCKG kan akka dhaabbata tola ooltummaatti galmaa'ee jiru, dameewwan 35 UK keessa jiran dabalatee addunyaa guutuutti dameewwan hedduu qaba. Biyyatti keessatti miseensota 10,000 ol akka qabu waldaan kun, waldaa Kiristaana Pentekoostaal akka ta'e hima.

Kadhannaan haafuura hamaa nama keessaa baasuuf taasifamu waldaalee Kiristaanaa keessatti waan haaraa miti. Waldaaleen tokko tokko kadhannaa kana 'tajaajila fayyinaa ykn seexana baasuu" jechuun waamu - ta'us maqaa seexana baasuu jedhu UCKG'n hin fayyadamu.

Lubni Penteekostaalii aadaa Kiristaanaa adda adda walitti fiduuf hojjetu Dr Joo Aldreed, "Waldaan 'The Church of England" damee hunda keessatti namoota tajaajila seexana baasu kennan qaba. Gaaffiin isaa kun akkamiin hojjetama kan jedhudha," jedha.

UCKG'tti "kadhaannaan cimaa" yeroo hedduu kan taasifamu paastariin harka isaa mataa miseensa waldichaarra kaa'uun, haafurri hamaa akka qaama isaanii gadhiisee ba'uuf ajajuunidha. Waldichi tajaajila "hafuura qulqulleessu" jedhee waamu kana torban torbaniin " raakkoo jiru hundeerra buqqisuuf" jecha akka gaggeessu hima.

Ajjeechaa daa'ima ganna saddeet Viiktooriyaa Kilimbii, kan akkayyaa isheefi jaallallee akkayaa isheen dararmtee ajjeefamte hordofee UCKG qeeqamaa tureera.

Bara 2000'tti du'a daa'ima kanaa torban tokko dursee, akkayyaansheefi jaalalleenshee Viiktooriyaa - kan mallattoo akka daraarri irra ga'aa jiru qabdu- fuudhanii gara damee waldaa kanaatti ishee geessani.

Paastariin waldichaa tokko daa'imni kun seexanaan qabamteetti jedhee yaaduun, gara tajaajila "kadhannaa cimaatti" akka geeffamtuuf yaada dhiyeesse. Boodarra, utuu tajaajilli kun hin gaggeeffamiin, paastarichi akkayyaan ishee Viiktoriyaa gara hospitaalaatti akka geessituuf itti hime.

Koomishiniin tola ooltummaa gaabasa baaseen, du'a daa'ima kanaa guyyootiin dursee, "haalli hamaa Viiktoriyaan keessa turte hin hubatamne, qaamaa ilaallatuttis hin gabaafamne," jedheera. Waldan kun qajeelfama eegumsa daa'immannii sirrii hin qabu jechuun "yaaddoo" akka qabus ibseera.

Qeeqa irratti ka'e hordofee, waldaan kun qajeelfama eegumsaa baase. Amma, ijoollee umurii ganna 18 gadi irratti ykn bakka isaan jiranitti tajaajila "kadhanna cimaa" akka hin gaggeessine himeera.

BBC Panaroma kibba Landan, Biriksitoonitti tajaajila dargaggooraa UCKG kan ijoolleefi daraggootni irratti hirmaatan daawwateera.

Viidiyoon dhoksaan waraabame yeroo paastorichi miseensota kana umurii isaani irratti hundaa'uun gartuun gargar qoodu agarsiisa.

Mucaan yeroo sanatti umuriin isaa ganna 16 ta'uu gazexeessitoota dhorkaan hojjechaa jiranitti hime, paastarii kanarra "kadhannaa cimaa" waan fakkaatu yeroo kennamuuf ni mul'ata.

"Waaqayyookoo, abiddikee hafuuraa hamaa dhokaatee jiru haa gubu," jedha paastarichi.

Paastarichi mataa mucaa kanaa qabee, hafuurri hamaa mucaa kana seenee jedhu akka ba'uuf kadhannaa taasisa.

BBC'n viidiyoo kana garee qorannoo walabaa eegumsa daa'immanii mootummaa keessatti miseensa kan taatee Jaanin Deevisitti agarsiisee ture.

"Waggootii digdama dura du'a Viktooriyaa Kilibii hordofee akka viidiyoo natti agarsiistu kanaan, UCKG maal baranneerra jedhanii of gaafachuu qabu," jetti.

"Qajeelfamootni eegumsaa waan gaariidha garuu hojiirra hin oolchaman taanaan homaa bua'aa hin qabani. Hooma hiika hin qabani."

UCKG ibsa baaseen: "Kadhannaan cimaa... kan gaaggeeffaman taajaajiloota fayyinaa addaa irrattidha. Namni umurii ganna 19 gadi ta'ee kamuu tajaajila kana irratti hirmaachuu hin danda'u" jedha.

Himata qajeelfama eegumsaa isaa kana cabseera jedhu kana akka cimsee mormus ibseera.

UK keessatti dameewwan 30 ol kan qabu waldaan Universal Church of the Kingdom of God (UCKG) jireenya nama hedduu akka jijjiiru hima.

BBC Panaroma namoota miseensa UCKG turan 40 dubbiseera - gariin isanii waggoota dura waldaa kanaa ba'aan. kaan ammoo ji'ootaan dura.

Sharon miseensa waldaa UCKG damee Landan Istraatford kan taate umurii ganna 19tti.

Paastorii waldichaa tokkotti dhibee xiinsammuu dipireeshinii akka qabdu yemmuu itti himte, akka wal'aansa fayyaa argattuuf takkaayyu akka itti hin himne dubbatti.

Qajeelfamni eegumsa UCKG, namoota dhibee xiinsammuu qabaniif 'kadhannaan cimaa hin gaggeefamu jedhus, fallaa kanaan Shaaroon "kadhannaan cimaa" akka gaggeefameef himti.

"Yeroo tokkotti sadarkaan tajaajila kana deemuuf sodadhurran ga'e sababiin isaad yeroo hunda namoota irratti qiyyeefatamu keessaa tokkon ture," jetti.

Waldaan kun "kadhaannaan cimaa" waan nama sodaachisu ykn miidhaa geessisu akka ta'uuf hin yaadamne, akkasumas namni kamuu akka irratti qiyyeefammeetti itti dhaga'aamuu hin qabu jedha. Dabaluunis "yoo yaaddoon dhibee xiinsammuu akka jiru" barame "garuun eegumsaa isaa gara wal'aansaatti erguuniif gargaara" jedha.

BBC'n miseensa duraanii UCKG "Maark" - deebii waldichi kennuun wan yaadda'eef maqaa isaa sirrii ibsuu hin feene dubbiseera. Yeroo inni mucaa umurii ganna 13 turetti akka inni saala fallaa jaallatuuf "kadhaannaan cimaa" akka taasifameef hima.

"Akka ani geeyi (nama saala walfakkaataa jaallatu ) ta'e yeroo baran, seexanatu akkas si taasisa jira naan jechuun, akka ani tajaajila Jimaata kan tajaajila seexana baasu irratti gaggeessan irratti akkan hirmaachu qabu natti himani," jedha.

Kadhannaan kun torban torbaniin waggaa afur oliif akka isaaf taasifame kan himu Maark, akka dubartoota jaallatu of amansiisuun yaaaluu isaa hima. "Halkan bo'aan rafa," jedha. " Garmalee of jibbaa waanan tureef yeroo baayyee cimaa ture," jedha.

UCKG'n " tajaajila saala jaallatan geeddaruu akka hin kennine" BBC'tti himuun, "tajaajilli kadhannaa cimaa dhimma saala jaallatanii ykn filannoo korniyaaf hin kennamu" jedha. Dabaluunis " namoota saala kamuu jaallatan waldaachatti akka simataman," himeera.

Tajaajila fayyinaa BBC'n dhoksaan viidiyoo waraabe kan "kadhannaan cimaa" itti gaggeeffame irratti, Lubni Jeemsi Markees -UK'tti hogganaa UCKG kan ta'e - dhibeewwan tokko tokko rakkoo hafuuraa akka ta'eefi rakkooleen dhibee xiinsammuu hafuura hamaa waliin hidhata akka qaban dubbata.

"Dhibeen dipireeshinii rakkoo hafuuraadha. Dipireeshinii duuba hafuura hamaatu jira," jedhuun gaazeteessaa BBC of dhoksuun achi jirutti himeera.

"Dhibeen eppileepsii rakkoo meedikaalaa akka ta'e beekna, Maacaafa qulqulluu keessatti Gooftaa Yesuus hafuura hamaa eppilapsii uumaa ture ifatee baaseera. Kanaaf eppilapsiin rakkoo hafuuraa dhibee qaamaan of mul'isu akka ta'e hubanna," jedhe.

UCKG ibsa baaseen " kadhannaan cimaa gargaarsa meedikaalaa ykn ogeessa fayyaa akka bakka bu'uuf kan beeksifamu miti," jedha.

Miseensotni durii waldichaa BBC waliin haasa'an hedduun waldicha dhiisanii ba'uun akka cimaa ture himu.

Reechal kan, waldichaa baateefi amma UCKG mormuun duula gaggeessaa jirtu, baalaa waldaan kun dargaggoota biroo irratti uumuu danda'u akeekkachiisteetti.

" Yeroo ba'uuf yaaddu 'nama as taa'aa ture yaadattaa? Waaldaa dhiisanii ba'anii, amma gaa'ela isaanii hiikaa jiru. Amma kaansarii qabu,' siin jedhu."

Sharon ammoo viidiyoo sukkaneessaa miseensa durii balaa doqdoqqeen isaa qunnamee "mi'i qaamaa isaa bakkeetti ba'ee" jiru mul'isu akka isheetti agarsiisan himti.

Dabaluunis "yeroo waldaa dhiiftee baatu kanatu uumama. seexanni dhufee lubbuukee fudhata jedhani," jetti.

Sagantaa BBC'n dhoksaan waarabe irratti, Alvaaroo Liimaa - luboota UCKG keessaa tokko- waldaa dhiistee erga baatee booda, "harmeenkoo kaansariin sombashee qabatee baayyee dhukkubsatte," jechuun miseensotatti himaniiru.

Ta'us jedha, boodara gara waldaatti deebitee "amma kaansariin ishee hir'achaa jira, guyya guyyaan bayyaannachaa jirti," jedhe.

UCKG "mala doorsisaa akka hin fayyadamnee" miseensummaan fedhii ofiin of kennuu irratti akka hundaa'uufi namoota gowwomsuun ykn humnaan tursuuf fedhii hin qabu" jechuun BBC'tti himeera.

Waldaan kun miseensotni isaa hedduu amma jiran hojii gaarii waldichi hojjettu akka jaallataniifi kabajan hima.

Miseensotni durii waldichaa BBC'n dubbise garuu tasumaan waldichatti akka hin deebine dubbatu.