Dhimmoota shan kan dhiironni badaa hin haasofne garuu yaaddessoo ta'an

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Addunyaa kanarratti garaagarummaa sakandiiwwan 40tiin bakka ta'eetti namni tokko of akka ajjeesu ragaale ni agarsiisu. Yeroo hedduu kan ofiin of ajjeesan ammoo dhiirota.

Kunis irra caalaan sababa dhiiroonni rakkoo isaanii himatanii qarqaarsa hin gaafannef akka ta'e mul'isu qorannoon. Ofii dhimmoonni dhiironni silaa haasa'uu qaban garuu kan dhokfachuun ittiin rakkoof saaxilaman maali fa'i?

Miidiyaa hawaasaa fi dhugaa

Itti fayyadamni miidiyaa hawaasaa of eeggannoon yoo ta'e malee fayyaa sammuu irratti miidhaa qabaachuu akka malu gorsu qorattoonni damee kanaa.

Qorannoon Yuunivarsitii Peenisilvaalniyaa akka mirkaneesseetti, namni tokko hammuma miidiyaa hawaasaa irra turuun kophummaan itti dhagaahamaa deema. Dhiibbaan inni dhaqqabsiisuus kan sirreessuun danda'amu miti jedhu.

"Yeroo miidiyaa hawaasaa irratti dabarsitan hir'isuun mukaa'uu akkasumas miira kophummaa ni xiqqeessa" jedhu qorannicha kan barreessan ogeettiin xiin-sammuu Meelisaa Haant.

Garuu miidiyaan hawaasaa akkamiin nama miidhuu danda'a?

Yeroo baay'ee wanti miidiyaa hawaasaa irratti qoodamu kan dhugaan qabatamaa jiru hin mul'isu fi hordoftoota baayyee ittiin argachuuf jedhamee kan qoodamudha jedhu pirofeesarri saayikoolojii Yuunivarsiitii Michigaan.

"Namoonni wayita gara miidiyaa hawaasaa seenan wantoota dhugaa lafa jiru irraa baay'ee fagoo ta'an argu. Ta'us dhugaa jireenya isaanii fi kan miidiyaa hawaasaa wal bira qabanii madaaluu hin dhiisan, suun miira namootaa irratti dhiibbaa qabaata" jedhu.

Miira kophummaa

Qorannoo guddicha sagantaan Yaalii kophummaa BBC dhaaba 'Wellcome Collection' jedhamu waliin hojjeteen dargaggoonni umurii waggaa 16 hanga 24 yeroo mara warra kophummaan itti dhagaa'amu.

Qorannoon Yuunivarsitii Oksfoord bara 2017tti baase akka mul'isutti, kophummaan dhiirota irratti ni hammaata. Irraa dandamachuufis ni rakkatu.

Qorannoo kana kan hojjete Roobin Dunbar akka jedhutti, hiriyummaan dhiironni dubartoota waliin qaban bilbilaan sa'aatii dheeraa haasa'uu danda'uu irratti murtaa'a.

Kan dhiirota gidduu ammoo waliin waa gochuukanneen akka kubbaa taphachuu, mana dhugaatii waliin deemuu, waliin yeroo dabarsuu gaafata jedha.

Kophummaan sadarkaa hamaarra wayita gahu, qaama irraanis ta'e sammuurraan dhiibbaa fayyaa geesisuu danda'a.

Qorannoowwan kophummaan kallattiin dhibee waa dagachuufi dhukkuboota biroof akka nama saaxiluu danda'u agarsiisu.

Boo'ichaan miira ibsachuu dhabuu

Qorannoowwan hedduun akka mul'isanitti, boo'ichi miira namaa qooddachuu fi hariiroo hawaasummaa cimaa uumuuf ni gargaara.

Haata'u malee ilaalchi hawaasaa "dhiirri hin boo'u" jedhu dhugaa kanaaf rakkoo ta'eera jedhu qorattoonni.

Dhiirota umuriin isaanii waggaa 18-24 gidduu jiran keessaa dhibbeentaan 55 kan ta'an, boo'ichi dhiirummaa isaanii akka xiqqeessu yaadu jedha qorannoon UK keessatti taasifame tokko.

"Ijoolleen dhiiraa akka miira isaanii hin ibsanne goone guddifna, sababi isaas miira ofii boo'ichaan ibsachuun akka dadhabinaatti fudhatama" jedha dhaabbata Awustiraaliyaa dhimma kanarratti gorsa kennu kan hogganu Kaalmon Odirisool.

Yaaddoo maatii bulchuu

Qorannoon dhiyeenya UK keessatti taasifame akka himutti dhiironni haadha warraa isaanii caalaa galii argamsiisuu akka qaban yaadu. Isaan keessaa Olumidee Durojaaye tokko.

"Abbaan koo halkanii guyyaa hojjetee, oliifi gadi kaatee maatii keenya bulchaa ture, akkas ta'uun hawwe" jedha.

"Gahee 'dhiira' irraa eegamu sana baahachuuf maallaqni akka na barbaachisu yaaduun eegale."

Itti gaafatamummaan maallaqaa akkanaa jiraachuun fayyaa sammuu daran miidhuu danda'a. ''Carraa hojii dhabuun yaadni of ajjeesuu akka dabalu taasisa'' jedha qorannoon Bara 2015 qoratame.

Rakkoon guddaan ammoo wayita namoonni galii isaanii kan namoota kaanii waliin wal bira qabanii madaalan kan uumamu akka ta'e mul'isa.

Gammachuu dhaabbii qaamaa ofii

Sagantaa TV biyya UK tokko irratti dorgomuun sadaffaa kan bahe Joosh, ergasii beekamtiin isaa akka dabale dubbata.

Achi booda waa'ee dhaabbii qaama isaa cinqamuu akka eegale hima.

"Manuma ispoortii ykn 'Gym' keessan jiraachaa ture jechuun ni danda'ama. Akkas ta'ees qaama kooti gammachuu argachuu hin dandeenye. Yeroo kudhaniin daawitii keessatti of ilaalaan oola."

"Wanti hamaan ammoo dargaggeessi dhaabbii qaamaa bareedaa qabu tokko gaafa agartu of jibbuu eegalta" jechuun attamiin akka dhaabbiin qaamaasaa rakkoo akka ta'ee ture yaadata.