'Nuti yakkamtoota waraanaa waliin marii hin teenyu’ - Abbaa Alangaa 

Maxxanfame

Yukireen waraanaa dhaabuuf jecha Raashiyaa waliin mariif akka hin teenyee abbaan alangaa olaanoon BBC’tti himan.

Miidyaan US dhiheenya kana akka gabaasaniitti, qoondaaltoonni Ameerikaa hoggantoota Yukireen akka ejjannoosaanii laaffisuun marii’ataniif jajabeessuu himanii ture.

Haata’u malee, Andriy Kostiin akka jedhaniitti, waraanaa eegalteef Raashiyaan itti gaafatamtu ta’u qabdi.

Innis mana murti idil-addunyaa irratti himannaa banuun, badii qaqabeef qabeenyaawwan Raashiyaa akka dhorkaman gaafachuu jira.

Aab Kostiin akkasumas waraanichi Yukireen keessatti qofaa osoo hin taanee addunyaa irratti illeen miidhaa uumaa jira yaada jedhu dhiiban.

‘‘Ummanni Yukireen keessatti sababii weerara pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiiniin dararamaa jiru,’’ jedhan’’Isaaniis miisaa’eliiwwan hin dhagahan. Maal akka dhohaa jiru hin beekan. Maaltuu akka ajjeessuu, gudeeddii raawwatuufi hatu hin beekan.’’

Haata’u malee warra Awurooppaa nyaataafi boba’aadhaaf gatii olaanaa kanfalaa akka jiran himuun, garuu ammo ‘‘lammiilee Yukireen waraaqsa walfakkaataadhaaf lubbuu isaaanii kanfalaa jiru’’ jedhan.

‘‘Mariin deebii’ee taa’amuu waan danda’amu natti hinfakkaatu’’ jedhan abbaan alangaa kun.

Gareewwan lamaanuu karaa jaarsummaa UN’n daldala miidhaanitiif Adooleessa keessaa waliigaltee mallatteessan illeen, erga jalqaba torbanoota weeraraatiin, Yukireeniifi Raashiyaan mariidhaaf waliin taa’aanii hin beekan.

Abbaan alangaa kun mana murtii idil-addunyaa irratti himachu kan barbaadan ta’ulleen, oggeessoonni kun rakkiisaa ta’u akka mulu himu.

Fakkeenyaa Raashiyaan ykn Yukireen seera hundeeffama mana murti yakkaa idil-addunyaa Room hin mallatteessine.

Abbaan alangaa kun garuu himannaa seeraa banuudhaaf raga fi raga- baatoota walitti qabuudhaaf walta’insii idil-addunyaa barbaachisaa ta’u himu.

Raashiyaan erga Kersoonii baateen booda Yukireen milkaa’ina guddaa argachu himte

Looltoonni Raashiyaa magaalaa Yukireen kan gara Lixaatti argamu gadhiifte bahu hordofee, waraanni Yukireen naannawa Kersoonitti milkaa’ina olaanaa galmeessuu dubbate.

Looltoonni Yukireen magaalaa ijoo gara Kaabaatti Kersoon irraa fageenya kilomeetire 50 irratti argamtu Snihurivka to’ate.

Yukireen dhiheenya Kersooniin kallattiiwwan lamaan gara fuulduraatti imalaa jiraachuu beeksifte.

Adeemsichi torbanoota fudhachuu danda’ulleen Raashiyaan magaalicha keessaa bahuu beeksiftee jirti.

Tarkaanfiin gadhiisanii bahu kunis Raashiyaadhaaf waraanichaan akka kufaatii olaanaatti ilaalameera. Garuu ammo Aanga’oonni Yukireen daba ta’u mala jechuun shakkiin ilaalaa jiru.

Ta’us waraanni Raashiyaa baayyeen magaalaa Kersoon keessaa gadhiisee bahuusaatiif ragaan omtu hin jiru.

Ajajaa Olaanaan Yukireen Janaraal Valeriy Zaluzhny guyyaa Kamisaa akka jedhaniitti, waraanni Raashiyaa bahu mirkanneessuus ta’e haaluu osoo hin kaasiin garuu waraanni isaanii injifannoowwan bu’aa qabeessoo ta’an galmeessaa jiraachu dubbataniiru.

Janaraal Valeriy akka jedhaniitti, waaraanni isaanii addawwan waraanaa lama laga Diiniipiroo irraa gara Lixaatiin argamaniin gara fuulduraatti imalaa jiru.

Kiloomeetira torba gara fuulduraatti dhiibuu kan danda’an ‘’guyyoota darban’’ keessa yoo ta’u, loltoonni kallattiiwwan gama Kaaba-bahaa fi liixaatiin duratti imalaa jiru.

Waaraabbiiwwan viidiyoo akka agarsiisaniitti, loltoonni magaalaa Snihurivka erga seenaniin booda, jiraattoonni maannichaa adabaabaayiitti bahuun wayita simatan mul’atu.

Bulchaan naannoo Snihurivka toora telegraamii isaanii irratti ergaa dabarsaniin, ‘‘har’a gammachuu hedduutu jira’’ jedhan.

BBCn milkaa’ina bulchiinsichaa yeroofi kisaaraawwan qaamaa walabaatiin mirkanneessuu hin dandeenye. Gabaasaaalee kan bahan garuu erga waraanni Yukireen walitti fufiinsaan injifannoo galmeessaniin booda.

Raashiyaan erga Yukireeniin weerarteen booda, magaalaa guddoonni jalqabaafi dhumaaf hara looltoota Raashiyaa seente Kerson turte.

 Baatii Fulbaanaa irra kaasee ammoo Raashiyaadhaan akka qaama biyyasheetti lakkaa’amte turte. Kunis kan ta’e erga kenniinsi sagalee ummataa bulchiinsoota Yukireen Raashiyaadhaan to’atamanii fi hawaasa addunyaatiin balaaleeffatameen booda ture.

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin ergaa karaa TVn dabarfamee keessatti hin hirmaanne. Janaraarri Yukireen Vaaleriy akka jedhaniitti Raashiyaan erga sararriiwwan dhiyeessitii isheefi hidhanni izzii ishee burjaaja’een booda baqachuu malee filmaata biraa hinqabdu.

Ministeerri Ittisaa Yukireen Guyyaa Kamisaa akka beeksiisaniitti, Raashiyaan meeshaa baasuuf yoo xinnaate torban tokkoo akka itti fudhatuufi gochaa diinsaanii raaguun salphaa akka hintaane dubbatan.

Ittigaafatamaan Nato Jens Stoltenberg akka jedhaniitti, Raahiyaan dhiibbaa olaanaa keessa ta’unshee ifa ta’ulleen, ‘‘haalli lafarra jiru maal akka uumuu ilaaluun’’ barbaachisaadha jedhan.