Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bor waan hojjettu tarreessuun akkamitti dhiphinarraa si oolcha?
Tarii yoo rafuu kaatu hirribni sin qabu yoo ta'e, fallisaa qalamaa fudhattee waraqaarratti tarreessuun fayidaa qaba jedhu ogeeyyiin.
Hirribni si qabuu didee, tarii boru hangamin hojjadha jettee yaadda'u dandeessa.
Keessattu hojiin eegaltee, garuu hin xumurre yoo jiraate si yaaddeessuu mala.
Qorannoon hojjettoota dhaabbata IT Jarmanii tokkorratti gaggeeffame akka agarsiisutti, warri dhuma torbanitti hojiin hin xumuramiin hafe qaban, kaan caala
dhuma torbanitti waa’ee hojiisaanii yaadu jedha .
Qorattuun Yunivarsiitii Tiyir, Kiristiin Siyirek akka barreessitetti" hojii torban tokko keessatti goolabamuu qabu otoo hin xumuriin hafuun xumura torbeerratti hojjattoota hirriba dhoowwa," jechuun barreessite.
Namoonni hojiin isaanii hin xumurre Sambattanirra hirriba dhabu, hirribni isaanii ni jeeqama.
Keessattuu Dilbata halkan hirribarraa jeeqamu dandeessa.
Yoo ganama ni rafta ta'e, hirriba dhabuu dandeessa. Boru hojiitti waan deebituuf hojii hin xumurretti deebita waan ta'eef .
Kanaaf yaaddoo hirriba na fhabsiisu akkamittin dhaaba?
Yeroo murtaa'eef kitaaba dubbisuu, hoolotakee lakkaa'uu, fi yaadda'uurra fagaachuudha.
Hargansuu fi miira naannoo keerratti irratti xiyyeeffadhu. Yoo ta'uu baatemmoo ibsaa ibsitii wanta hojjachuu barbaaddu hunda tarreessi.
Qorannoo Ameeerikaatti gaggeeffame wanta hojjattu tarreessun fayidaa akka qabu akeeeka.
Pirofesar Maayikeel Iskulin, daayreektarri Laaboraatoorii Niwuroo Saayinsii fi giddugaleessa qorannoo Yunivarsiitii Baaylor jedhamu fi Ameerikaatti argamuuti.
Iskulin namoota qorannoorratti hirmaachise keessaa garee tokkoon otoo hin rafiin dura akka waan guyyaa sana galmaan ga'an hunda akka barreessan gaafate.
Garee lammaffaa ammoo wanta boru xumuruu qaban hunda, akkasuma hijiiwwan guyyoota muraasa keessatti hojjatan akka barreessan itti hime.
Gareewwaan laman keessa kan hirribni dafee qabe garuu i garee isa lammataati.
Hojii sammuu keessa si naaanna'u gumeessi toora galchi.
Saayintistoonni qorattoonni namoota fedhasaanitiin qorannoo kanarratti hirmaatan qofarratti hin hundaa'an, saayintistoonni qorannoo' polysomnography' jedhamuun mirkaneessaniiru.
Qorannoon kunis sensaroota(sensors) mataa fi qaama namaa iddoowwan birootti hidhaman gargaaramuun dambaliiwwan sammuu keessatti umaman to'achuu, hargansuu fi sochii qaamaa hordofuu dabalata.
Hirriba dura wanta boru hojjattu waraqaa ykn bilbilarratti barreessuun yoomin rafa? jedhanii yaadda'uu ni hambisa.
Pirofesar Maayikeel Iskulin akka jedhanitti namoonni hojiin muddaman wanta hojjatan 10 ol yoo tarreessan daqiqaa 15'n namoota wanta hojjachuu qaban dursanii mugu jedhan. Kanaaf wanta hojjattu gumeessi barreessi jedhu.