Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa keessatti aangoo waraanaan qabachuuf abbaluun yoom xumurama, Yoom maariitti amanuun jalqaba?
Itoophiyaa biyya seenaa waggaa hedduu qabdu, ammoo dimokiraasiif daa'imaa......
Bara 1974 warraaqsi barattoota yuunvarsiitii Itoophiyaa kufaatii mootii Haayile Sillaasee fide. Tokko jedhee paartii mormituu biyyicha keessatti akka dhalatuufis karra saaqe.
Paartii Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa fi Sosochii Sooshalistii Uummattoota Itoophiyaa Hundaa kan jedhus yeroo sana keessa hundeffame.
Yeroo sana biyyattiitti sirna dimokiraasii barattoonni qabsaa'aafii turan ni dhufa abdiin jedhu ture. Garuu Koloneel Mangistuu Haayilamaariyaam akkuma aangoo qabataniin sirna sooshalizimii waan hordofaniif ifni Dimokiraasii abdatame ittuu dukkanaa'e.
Kun qabsoo hidhannoo biyyicha keessatti akka dhalatu taasise. Ergasii paartiin karaa nagaa aangootti dhufe meeqa?
Garaagarummaan ilaalcha siyaasaa yeroo sana ture gidduu isaaniitti qoqqoodinsa uumuun osoo sirni dimokiraasii hin dhufiin hafe.
Mangistuu Haayilemaariyaam maaliif yeroo sana karaa nagaa paartilee mormituu waliin mari'achuu dadhabe?
Seen-duubee inni waraana keessatti qabumoo aadaa marii nagaa Itoophiyaa keessaa sana dura dhabamuutu sababa?
Miseensi duraanii KFO fi yeroo gabaabaaf ammoo qondaala mootummaa tahuun hojjechaa kan ture Nageessaa Odoo Duubee tibbana BBC' waliin turtii taasiseera.
Deebiin isaa seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti injifannoon kan barame karaa waraanaa malee karaa marii nagaa miti jedhe.
Qabsoon aangoof godhamu Itoophiyaa keessatti karaa humna waraanaa malee karaa marii siyaasaa takkaa galmaan gahee hin beeku.
Dargiin humnaan aangoo qabatee mormitoota isaa irratti ajjeechaa raawwachuun dhuma irratti waraana finciltootaan innis angoo irraa fonqolchame.
Akkasuma wal harkaa fuudhinsi aangoo bara 2018 MM Abiy Ahimedii fi Haayile Maariyaam Dassaaleny gidduu ture dursee fincilli biyyicha keessatti hammaatee ture.
Sana booda ammoo wal dhabdeen siyaasaa biyyattii keessaa naannoo Tigiraay keessatti waraanni akka dhohuuf sababa taheera jedha Nageessaan.
Gaafiin isaa bu'uuraa garuu Itoophiyaan yoom maraammartoo kana keessaa baatee karaa nagaa aangoo walitti dabarsuun waliin gara dimokiraasiitti ceeti? kan jehdhudha.
Mariin siyaasaa karaa nagaa maaliif milkii dhabe?
Seenaa siyaasa Itoophiyaa yeroo dhiyoo keessatti abdii guddaa uummanni irra kaawwatee ture bara 2018 yeroo MM Abiy Ahimed gara aangootti dhufe ture.
Mormitoonni biyya keessaa fi alaa hirmaannaa dirree siyaasaa bal'aa akka qabaatan abdatame. Kan baqatanii ture biyya galan. Kan hidhaa turan hiikaman.
Gareen aangoo irraa kaafamee fi olaantummaa isaa dhabe mufate. TPLF garee ifatti bulchiinsa MM Abiy mormuun hanga waraanaatti deemedha.
Naannoo Oromiyaa keessatti sochiin siyaasa paartilee mormituu daangeffamuu jalqabe. Hoggantoonni ABO fi KFO mana hidhaa galfaman.
WBO bosonatti hafe humna mootummaa waliin wal waraanuu itti fufe. Naannoo Amaaraa keessattis gareen hidhate Faannoo jedhamu sochii jalqabe.
Gaaffiin jiru MM Abiy Itoophiyaatti sirna dimokiraasii jabeessuuf abdataman maaliif haala akkasii kanaaf saaxilaman kan jedhudha.
Yeroo gabaabaaf sadarkaa naannoo Oromiyaatti Biiroo Abbaa Alangaatti muudamuun kan hojjetaa ture Nageessaa Oddoo Duubee ''Paartileen mormituu biyya alaatii galanis tahe kaan yeroo MM Abiy aangoo qabatu siyaasaa fi bulchiinsa biyyattii keessaa qooda wayii nuu kennu jedhanii eeguu hin hafne,'' jedhe.
''Paartileen kunneen biyya kanaaf mul'ata qabna jedhaniiti qabsaa'aa turan. Yeroo waamicha godhameen galan aangoo siyaasaa kaayyoo isaanii ittiin galma gahan nuuf qoodu jedhanii eeguun jira.''
Nageessaan paartilee mormituu Itoophiyaa keessaa socho'aa turan garaagarummaa guddaa waan qabaniif mootummaan bakka tokkotti fedha isaanii deebisuuf akka rakku ibsa.
''Fakkeenyaaf ABO fi Ginbot 7 gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Gaafa ABO galu warri Ginbot 7 deeggaran gammachuu hin qaban.''
Itti dabaluun hoggantoonni ABO biyyatti galanis gammachuu akka hin qabne ibsa. Waliigaltee isaan mootummaa waliin taasisan ifa tahuu baatus bulchiinsicha keessaa qooda qabaachuuf waan eegan jiraachuu mala.''
''Haalli mootummaan yeroo sana keessa ture hidhattoota karaa nagaa galan hiikkachiisuun (DDR} fi lenjii haaromsaa kennuun gara bobbaafamuu qabanitti erguuf mootummaan qophii gahaa waan qabu natti hin fakkaatu.''
Erga aangoon ministera muummee Obbo Haayilemaariyaam Dassaaleny irraa gara MM Abiyitti darbee biyyattii keessatti qabsoon hidhannoo bifa ammaa kanaan itti fufa jedhee hin yaadne jedha Nageessaan.
''Qabsoo hidhannoorraa ol guddanneerra jedheen amana ture. Ergasii naannoo Oromiyaa fi Amaaras dabalatee deebinee qabsoo hidhannoo kana keessatti kufne.''
Kufaatii kanaaf mootummaa qofa itti gaafatamaa gochuu qofa osoo hin taane aadaamti siyaasa uummata biyyattii keessaa rakkoo qaba jedha.
Uummanni marii siyaasaatti amanuu qaba. Qabsoo hidhannoo deeggaruu osoo hin taane wal dhabdee siyaasaa mariidhaan hiikuu kan jedhu uummanni dhiibbaa qaama tokkooyyuu malee gochuu qaba jedha.
Seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti mootummaan ejjennoo mataa isaan yoo deemu malee yeroo hedduu uummata dhaggeeffachuun hin jiru jedha Nageessaan.
''Sagalee uummataa dhaggeeffatanii murtoo dabarsan jijjiiruu fi gara uummataa goruun akka mo'amuutti ilaalama. Waan aangoo dhabe itti fakkaata.
Paartii mormituu keessaa qaamni tokko yoo mootummaa waliin mariitti taa'ee nagaa buusu ''akka gansummaatti'' ilaalama.
Seenaa biyyattii keessatti qaamni lama wal waraanee osoo guutummaa guutuutti wal hin mo'atiin waliigaltee nagaarra kan gahame waliigaltee Piriitooriyaa yoo tahe malee argamee hin beeku jedhe.
''Aadaan siyaasa akkasii cabuu qaba. Mootummaanis tahe paartileen mormituu humnaan gara aangootti deemuurra karaa nagaa waliigaluun baramuu qaba.''
Biyyoota adunyaa kaan keessa riphee lolaa fi mootummaan mari'atee waliigala. Biyya keenyatti garuu ''akka gantummaatti'' ilaalama.
Akkuma amantii keessatti karaan tokko kan jireenya bara baraa tokko ammoo kan badinsaa jedhamu sana tahuu hin qbau. Siyaasni Itoophiyaa mariitti yoo dhufu akka badinsaatti ilaalamuu hin qabu.
Maraammartoo kana keessaa bahuu qabna kan jedhu Nageessaan abdii guddaan ture kan bara 2018 tahuu hima.
Paartileen mormituu Itoophiyaa keessatti dorgomanii filannoo mo'achuun aangoo ministira muummee qabatanii hin beekan.
Hanga ammaatti kan mul'ate qaamni mo'ate guutummaa guutuu sirna ture diiguun kan mataa isaa diriirsuu akka tahe kan kaasu Nageessaan osoo paartileen mormituu amma jiran aangoo qabatanis sirna amma jirurraa waa hedduu hin jijjiiran jedha.
Siyaasa kennannii fudhachuu.....
Mootummaan Itoophiyaa paartilee mormituu isa duraa dhaabbatan filannoo irratti hirmaachuun yoo mo'atan aangoo akka fudhatan waamicha gochaa ture.
Garuu waamicha dhugaa onneerraa maddedhaa? Paartileen kunneen yeroo uummta keessa socho'uun duula gaggeessan bilisummaa hangamii qabu?
Biirolee isaan godinaalee fi aanaalee irratti bananii hojjetan qaama nageenyaa mootummaan hin miidhamanii?
Nageessaan rakkoon kun ammas Itoophiyaa keessa jiraachuu kaasuun mootummaan qondaalota isaa gara gadii jiraniif kallattii kennuu akka qabu amana.
Tarkaanfii guddaa jedhamee kan fudhatamee fi mariin mootummaa fi paartii mormituu walitti fide kan Taanzaaniyaatti WBO waliin gaggeeffamedha.
Mootummaan Itoophiyaa fi WBO Taanzaaniyaatti yeroo lama marii nagaa gaggeessaniiru.
Garuu gaaffii aangoo siyaasaa gama lamaaniin dhiyaate irratti osoo walii hin galiin hafan.
Ergasii hidhattoota WBO keessa kan turanii fi hoggantoota akka Sanyii Nagaasa fa'a waliin mootummaan waliigaltee raawwachuun hoggantoota garichaa galaniifis muudama kenne.
Kun naannoo Oromiyaatti guutummaatti nagaa buusaa? Har'as wal waraansi waan hin dhaabbanneef nagaa waaraan qe'ee uumattaatti hin deebine.
Nageessaan nagaa buusuufis tahe biyya itti fufsiisuuf waliigalteerra gahuuf kennanii fudhachuun baramuu qaba jedhe.
''Bakka aangoo murteessaa fi mul'atus tahu biyyaaf jecha mootummaanis waan kennu qabaachuu qaba. Qaamni mootummaa lolus waan dhiyeesse keessaa gariin dhiisee gara waliigalteetti dhufuun amaleeffatamuu qaba'' jedhe.
Gama biraan paartilee karaa nagaa socho'aniif dirreen siyaasaa bal'achuu akka qabu kaasa.
Uummanni aadaa siyaasa marii nagaa osoo gabbifate dhiibbaa gochuu danda'a.
Paartileen siyaasaa miseensota isaanii irraa deeggarsa maallaqaa yoo hin arganne socho'uuf akka rakkatan kan ibsu Nageessaan uummata waliin hojjechuun murteessaa tahu hima.
ABO fi KFO naannoo Oromiyaa keessa socho'anii uummata dammaqsuuf akka rakkatan paartileen kunneen himaa turan.
Hogganoonni isaanii fi miseensonni isaanii hidhamuun waan barame tahe. Kun ammoo maraammartoo siyaasaa Itoophiyaan keessatti kufte keessaa ishee hin baasu jedha.
Paartileen siyaasaa hanga faayidaa biyyaalessaa waan miidhu hin goonetti mootummaan bilisaan akka socho'an eeyyamuufii qaba jedha.
''Qondaalota isaaniifis gorsa kennuu qabu.''
Paartileen mormituu miidiyaa jabaa waan hin qabneef imaammata isaanii bilisaan uummataaf dhiyeessuuf yeroo rakkatan mul'atu.
Miidiyaan gudduna dimokiraasiif bu'uura. Miidiyaaleen biyya keessaa ammoo irra jireessi kan mootummaa waan tahaniif yeroo qilleensaa gahaa paartilee mormituu irraa ka'uuf yeroo qillensaa waan hin kennineef ilaalcha gama lamaan jiru argachuuf uummannis akka rakkatu kaasa Nageessaan.
''Miidiyaaleen biyya alaa jiran irra caalaa paartilee mormituu deeggaru. Yoo mootummaa deeggara jedhamtellee akka yaadakee dubbattuuf carraa siif hin kennan.
Qaamni nageenya mootummaa nama tokko paartii mormituu keessaa hidhe ykn ajjeese yoo jedhu gabaasanii yeroo hoggansi mootummaa ajjeefamu ammoo akka mo'ichaattoi ilaaluun hafuu qaba. Falmii yaadaa gama hundaan miidiyaa keessummeessu ijaaramuu qaba'' jedhe.
Itoophiyaan marii biyyaalessaa jalqabde jabeessitee akka itti fufuu qabdu kan himu Nageessaan isa qofa osoo hin taane heera mootummaa haaromsuun barbaachisaa akka tahe hima.
Hiikkaa heera mootummaaf ammoo mana maree federeshinii osoo hin taane manni murtii walaba tahee ijaaramuu akka qabu amana Obbo Nageessaan.