Indiyaatti hakiimni gudeedamtee du'uu hordofee kumaatamni hiriira bahan

Dubartoota Hindii Kaalkaataatti hiriira mormii bahan.

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hakiimni leenjirra turte hospitaala mootummaa Kaalkaataa keessatti gudeedamtee du'uun booda dubartoonni kumaatamaan lakkaa'aman Lixa Beengaalitti Roobii kaleessaa hiriira bahan.

Shamarreen ganna 31 Kooleejii Fayyaa RG Kar leenjii hakiima tahuu irra turte Jimaata darbe gudeedamuufi ajjeefamuun torbee booda hiriirri Roobii kuni isa guddaafi bal'aadha.

Dubartoonni hojiifi haala jireenyaa garagaraa irraa waamicha miidiyaa hawaasaa irratti taasifameef deebii kennan, magaalaa Kaalkaataa fi Lixa Beengaal hunda keessatti Roobii galgala hiriira bahaniiru.

Magaalawwwan Indiyaa biroo Deelihii, Mumbaayiifi Puunee fa'i keessatti hiriirri xixiqqaan biroo adeemsifamaa ture

Hiriira Kaalkaataatti adeemsifameen dhiirota Hospitaala RG Kar hakiimni kuni itti ajjeefamte qabachuuf yaalaniifi poolisii gidduu walitti bu'insa uumameen hiriirtonni nagaa jeeqamaniiru.

Poolisiin namoota walitti qabaman bittinsuufi jecha gaasii kan biife yoo tahu konkolaataawwa poolisii muraasnis miidhaan irra gaheera.

Iddoowwan kaaniitti garuu dubartoonni kutannoodhaan waraqaa dhaadannoo, dungoofi xombora akkasumas alaabaa biyyaa qabatanii hiriira kana bahan. Dhiiroti muraasnis isaaniitti makamanii turan.

Dubartoonni hiriira bahan kunneen ''Haqa barbaanna'' sagalee jedhu dhageessisaa kan turan yoo tahu qola cilalluus afuufaa turan - innis akka mallattoo abdiitti ilaalama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Halkan qixxee Indiyaan guyyaa walabummaa waggaa 77ffa waan kabajjuuf sagaleen mormii kanaa geeddaramuu jalqabe.

Faaruun alaabaa naannichatti dhagahamu jalqabe. Kana gidduutti roobni roobuu jalqabnaan hiriirtonni dibaabee qabatanii keessa deemuu jalqaban.

Gaazexeessituun miidiyaa biyya keessaa, ''dubartoonni hanga kana baay'atan halkaniin hiriira bahuun akkasitti mul'atee hin beeku,'' jedhan.

Halkan dheekkamsaa fi sodaa dhoksuu hin danda'amne ture.

Dubartiin daa'imashee waggaa 13 wajjin halkan walakkaa booda hiriira kanatti makamte, ''hiriirri akkasii kuni wayii sirreessuu danda'a yoo taheef akka argituufi waa'ee mirgashees haa beektu,'' jette.

Dubartiin kaan ammoo, ''kabaja tokkollee hin qabnu, gatiin keenya hamma sa'aafi re'eetti ilaalamaa,'' jette.

''Yoom bilisummaa keenya arganna? Sodaa malee hojii keenya hojjechuuf hangam eeguu qabna? Waggaa 50 biraa?,'' jechuun barataan biraa ammoo gaafatte.

Hiriirri mormii kuni dheekkamsa akkatti qondaaloti dhimma hakiima gudeedamte kana qabanitti hammaate.

Hakiimni leenjituu kuni hojii sa'atii 36 booda gaafa Kamisaa kutaa walgahii keessatti hirribni ishee dage. Sababii kutaan addaa ciisichaaf tahu hin jirreefis achumatti rafte.

Guyyaa ittaanu walakkaan qaamashee qullaa taateefi madoofteeti kan waayeellan ishee kan ishee argatan.

Boodarra poolisiin himannaa gudeeddiin wal-qabatee hospitaalicha keessa kanneen hojii tola-ooltummaa irratti bobba'an to'ateera.

Haa tahu malee, waan mudateerratti himmannaan irra dibameetu darbame jedhu jira. Kanaan booda dhimmichi gara poolisii federaalaatti dabarfameera.

Dubartii dungoo qabattee, harka irratti barreefama ''Haqa barbaanna'' jedhu barreeffatteettu.

Madda suuraa, Reuters

Kaalkaataan leecelloo gahaa qabaachuu baattus hiriirri Reclaim the Night jedhame kuni rogaan kan qindaa'e ture. Qindeessitoonni dubartootaafi sababa saala isaaniin kanneena moggaatti baafaman hiriiraaf waaman.

''Dhiirotis hiriira kana akka deeggaraniifi taajjaban waamichi taasifameefi ture,'' jedhan qindeessitoonni.

Namooti siyaasaa akka hirmaatan eeyyamanillee alaabaan paartii kamiyyuu gara hiriiraatti akka hin dhufne dhorkanii turan.

Hiriirri akkasii kuni Hindii keessatti adeemsifamuun kan jalqabaa miti.

Gudeeddii dubartoota irratti gahu mormuun bara 1978tti Boombee keessatti hiriirri adeemsifamee ture. Isa boodas yeroo garagaraatti hiriirri wal-fakkaataa adeemsifamaa ture.

Hiriirri Kaalkaataatti adeemsifame kuni magaalota biraan kan hordofame tahus kuni garuu isa guddicha.

''Halkan to'anneerra. Waan akkasii takkaa arginee hin beeknu. Waan tahee hin bekne dha. Qondaaloti akka dammaqan ergaa dabarseera jedheen yaada,'' jette hiriirtuun Chaayitaalii Seen jedhamtu.