Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Putiin mootii jaarraa 18ffaa lafa babal'ifannaan beekaman waliin of fakkeessan
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin mootii jaarraa 18ffaa keessa ture 'Peter the Great' kan dinqisiifatan ta'uun ifatti beekamus amma ammoo ofii isaanii isa waliin walfakkeessaniiru.
Putiin duula amma Raashiyaan Yukireen irratti bante babal'ifannaa lafaa mootiin Raashiyaa duraanii kun waggaa dhibba sadii dura gaggeessan waliin walfakkeessaniiru.
Kunis weerarri Yukireen irratti banan babal'ifannaa lafaa ta'uu amanan isaan jechisiiseera.
Fedhiin Impaayera ijaaruu Puutiin Yukireen keessatti gaaga'ama fidaa kan jiru yeroo ta'u, biyyootni ollaa akka Estooniyaa ammoo yaada Putiin kanaan ''gonkumaa fudhatama kan hin qabn''e ittiin jedhaniiru.
Putiin yaada kana kan kennan saayintiistotaafi dargaggeeyyii hojii uuman waliin yeroo mariyatanittidhaa.
Waayee IT fi Teknoloojii haasa'uu dura waayee siyaasaa duubbatan. Waraanni Yukireen irratti banan olaantummaa siyaasa naannoo qabachuu (geopolitical dominance) akka ta'e dubbatan.
Gama kanaanis 'Peter the Great' modeela isaanii ta'uu dubbatan.''Warra Siwiidin waraanee lafa irraa fudhate jettanii yaaddu ta'a'' kan jedhan Putiin, Waraana sanan Peter Impaayera Raashiyaa ijaare jedhan.
''Garuu kan isaa deebifate malee kan isaanii hin fudhanne'' jechuun warri Islaav jaarraa hedduuf lafa san jiraachuu dubbatan. Keenya deebisnee to'achuun of cimsuun gahee keenya jedhan Putiin.
Bulchiinsi Peter babal'ifannaan Raashiyaa jabeessuu isaaf ragaadha jedhan.
Putiin Guraadhala 24 Yukireeniin wayita weeraran oppireeshinii waraanaa murtaahaa ta'e akka gaggeessaniifi imammata Naazummaa Yukireen jiru dhabamsiisuuf ta'uu dubbatanii ture.
Haata'u malee amma dubbii isaanii alanaan duulichi to'annoo lafaa ta'uu mirkaneessan.
Bara Peter magaalaa guddoo Raashiyaa St Petersburg bakka ammaatti yeroo hundeessan warri Awurooppaa beekamtii hin laanneef jedhanii amma garuu ni laatu jedhan.
Yaadni Putiin kun biyyoota Baalkaan hin gammachiifne. Ministirri Haajaa Alaa Estooniyaa Ambaassadar Raashiyaa ofitti waamanii ilaalcha Putiin balaaleffataniiru. Yaadni ''deebifachuu fi of cimsuu'' dheekkamsiiseera.
Putiin seenaa duubatti deebi'anii ilaaluun haala ammaa akka simutti yoo dubbatan eeggannoo guddooni.
Peter Ilaacha, aadaa fi saayinsii warra Lixaa waan dinqisiifataniif biyyoota lixaa keessa deemanii yaadota kana madaqsuun Raashiyaa ammayyeessan. Putiin amma carraa hariiroo warra lixaa waliiin qaban wayyeessuu waan qaban hin fakkaatu.
Putiin haasaa beektota biyyattii waliin godhan kana keessatti jechoota akka 'future', 'confident', 'victory' itti dhimma bahaa turan.