‘Ammatti Yukireenitti haleellaa bal'aan hin barbaachisu’-Puutin

Maxxanfame

Pirezedantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutin ammaan tanatti Yukireen irratti haleellaa bal'aa raawwachuun nu hin barbaachisu jedhan.

Puutin kana kan dubbatan, guyyoota muraasa darban Yukireenitti waraanni erga banamee asitti haleellaa boombii garmaalee hamaa ta’e raawwachaa turuu hordofuun.

Puutin iddoowwan haleeluuf karoorsine ''harka caalaa haleelleerra, kanarra Yuukiren balleessuuf kaayyoo hin qabu,'' jedhan Puutin.

Kanatti dabaluun, Puutin kaayyoon Raashiyaan dhiirota 300,000 loltummaaf gurmeessuu torban lama keessatti galmaan geenya jedhan.

Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin kana kan dubbatan, Yuukireen erga weeraranii ji’oota saddeet kan dhiyaate yoo ta’u, ammatti loltoonnisaanii akka jabduutti Yukireen keessatti danqamaniiru.

Magaalaa guddoo Kaazaakistaan Astaanaatti yaa’ii hoggantoota naannicharratti erga hirmaatanii booda gaazixeessitootatti wayita dubbatan, Yuukreenitti iddoowwan haleeluuf itti akeekne 29 keessaa 22 hunkuteessineerra, iddoowwan torban hafan waraanni keenya ni haleela,’’ jedhan.

Kana booda haleellaa baayyeen hin barbaachisu, waan galmaan geenyu kan biraalle qabna,’’ jedhan.

Puutin Raashiyaan dhimmitee Yukireen balleessuu hin barbaaddu, garuu Yuukireen weeraruu keenyatti hin gaabbinu jedhan.

''Waanti amma ta’aa jiru laaffisuuf haala gaariirra hin jiru,’’ jedhan.

''Taatullee yeroo kamiyyuu yoo Raashiyaan hin haleelamne haaluma walfakkaatu keessa turra,’’ jedhan.

''Kanaafuu waan hunda sirnaa fi yeroo isaatti raawwachaa jirra,’’ jedhan Aab Puutin.

Pirezedant Puutin dhiroonni 220,000 amma yoonattii loltummaaf gurmeeffamuu kan eeruun yoo ta'u, isaan keessaa 16,000 lolaatti bobbaafamaniru jedhan.

Puutin kana haa jedhaniyyuu malee, namoonni lolaaf akka gurmaaa’an waamichi dhiyaate booda Raashiyaatti mufii uumee dhiiroonni kuma kudhanitti lakkaa’aman biyyoota ollaatti baqataniiru.

BBC’n ragaan argate akka agarsiisutti lenjii salphaa qoftii akka kennamu,   namoonni gurmeeffaman otoo leenjii gahaa hin argatiin dirree waraanatti ergamu.

Kun otoo haala kana jiru BBC Tajaajilli Raashiyaa, loltoota biyyattii 7,500  kanneen waraana Yuukireen irratti du’an adda baasera.

Namoonni lola kanaarratti miidhaman ragaa sirriin kanaa ol ta’a jedhamee kan amanamu.

Sirumayyuu loltoota haaraa gurmeeffaman keessaa muraasni ajjeefamuusaanii gabaasni agarsiisu baheera.

Puutiin hariiroo biyyoota Gamtaa Raashiyaa durii kanneen biroo waliin qabaachaa jiran wayita dubbatan, waraanni Yuukireenitti gaggeessaa jiran’’amala isaanii’’ hin miine jedhan.

Biyyoonni muraasni yaadda’uun kanuma jiru, garuu odeeffannoo bal’aan kenneefiin jira jedhan.

Xinxaltoonni akka jedhanitti garuu, dhiibbaa Raashiyaan naannichatti uumaa  turte gadi hir’ateera.

Hoogganaan Kaazakistaan Kaassiyim-Jomaart Tokaayiv dhimma waraana Yukireen ilaallaturratti Puutin irraa hiiquuf dhama’aa turan.