Buufanni anniisaa nuukilaraa Yukireen irra deebiin haleelamuun na yaaddesse - UN

Maxxanfame

Buufanni anniisaa nikulaaraa Zapporizyiyaa irra deebin haleelamuun gabaafame. Haleellaa kanaaf ammoo Yukreenii fi Raashiyaan quba walitti qabu.

Hagayya 11, 2022 buufata nikularaa Ardii Awurooppattu guddicha ta'e irratti naannoo si'a 10tti haleellaan irratti gaggeeffamuu biyyoonni lamaan wal komatan.

Haleellaa buufata nikulaaraa kanarratti gaggeeffame ilaalchisee Manni Maree Nageeyaa UN kora dhimmicharratti marii'achuuf taa'ame irratti to'ataa nikalaraa kan ta'e Raafaa'el Giroosii "yeroo yaaddeessaa" ture jechuun dubbate.

Barreessaa Olaanaa UN kan ta'e Antooniyoo Gutareez ammoo gara "balaa hamaati geessuu" danda'a jechuun dubbate.

Ogeeyyiin UN bakkicha deemun qorannoo akka taasisan Chaayinaa fi US waamicha dhiyeessan. Haata'u garuu yaanni wal fakkaatan akkasii kanaan dura dhagamee hin turre.

Naannoo buufata nikularaa Yukreen anniisaa elektirikii maddisiisu kanatti daangan lola irraa bilisa ta'e akka hundaa'uf US gaafattee turte: "Naannoo buufata nikularaa kanatti lola gaggeessun rakkoo hamaa kan uumu fi maaltu na dhibee irraa kan madduudha,"jecuun odu himaan ministeera alaa US beeksise.

Haa ta'u malee, UN'tti bakka bu'aan Raashiyaa naannicha waraana irraa bilisa gochuun furmaata osoo hin taane haleellaa fi "shororkeessummaaf" kan saaxiluudha jedhe.

Buufanni nikulara Yukreen keessati argamu kun haleellan irra dedeebin irra dhaqabee jira. Yukreen Raashiyaa himatti, Raashiyaan ammoo Yukreentu kana godha jetti.

Yukreen akka himatutti Raashiyaan buufata nikularaa kana iddoo qubsuma waraanaa gochuun achi irraa gara Yukreenitti dhukaasti. Raashiyaan ammoo kuni soba adiidha jetti.

Ejansiin nikularaa Yukreen "Enerhoatom" jedhamu "Weerartoonni Raashiyaa dhaabbata nikulara Zapporizhiyaa irra deebin haleelanii jiru" jechuun Kamisa 11, 2022 ibsee ture.

Haleellaa kanaan gamoon bulchiinsaa yoo rukutamu seensaroonni raadiyeeshinii heddus akka miidhaman gabaafameera, haa ta'u garuu miidhan nama irra gahe hin turre.

Ejansiin nikularaa Yukreen akka ibsetti sababa haleella kanaatin hojjattoota dhabbatichaa jijjiirun waan hin danda'amneef warri achi jiran halkanii guyya hojjataa jiru.

Haata'u malee haala ture amma to'achuun akka danda'ame eejansichi itti dabaluun ibse.

''Loltoonni Raashiyaa meeshadhaan nu tiksu''

Hojjattoonnni buufata nikularaa Zapporizyiyaa BBC'tti akka himanitti loltonni Raashiyaa mandhee isaanii achi godhachuun humnaan akka isaan ittisu.

Loltoonni Raashiya ji'a Bitootessaa keessa ture buufata nikularaa kana kan to'atan. Haata'u malee, buufanni nikularaa kun hojjatoota Yukreenin to'atama.

Yeroo dhiyoo asii kaasee loltoonni Raashiyaa buufata nikularaa kana "dahannoo" godhachuun rookkeettii gara Yukireenitti dhukaasu jedhamanii komatamu.

Kamisa gaafa 11, 2022 ammoo haleellaan dabalataa dhaabata Nikularaa kana irratti gaggeeffamuutu gabaafame.

UN garuu naannawa buufata nikularaa anniisaa maddisiisu kanatti lola gaggeesun "badii hin taanetti" nama geessa jechuun akeekkachiise.

Hojjattoonni buufata nikularaa kana keessa hojjatan lama BBC'tti akka himanitti sodaan isaanii loltota Raashiyaatin ukkaamfamanii fudhatamuu fi "Raadiyeeshiniin nikularaa naannicha faaluu danda'a" kan jedhuudha.

To'ataa nikularaa kan ta'e Giroosin kora UN tti Hagayya 11, 2022 taa'ame irratti haasaa taasiseen Ejansiin Anniisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) naannicha deemee akka ilaaluuf waamicha dhiyeesse.

Barreessaa Olaan UN Antooniyoo Gutereez gama isaatin: "Nageenyummaa naannoo buufata nikularaa kana mirkaneessuf bakkicha waraana irraa bilisa gochuu irratti hatattamaan walii galtee irra gahamuu qaba" jedhe.

Pirezidaantin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin ammoo, "Waraanni Raashiyaa guutummaan Zapporizhiyaadhaa ba'uu qofatu nageenya mirkaneessa" jechuun dubbate.

Buufanni nikularaa anniisaa elektirikaa maddisiisu kun kiba baha Yukreen laga Diniproo cinaatti argama.

Waraana Yukreen irratti banteen Raashiyaan bakkicha to'attus hojjattoota Yukreen achi keessaa hin baasne.