Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa konkolaataa barsiisota Yunvarsiitii Dambidoolloo mudateen namoota sadii lubbuun darbe
Balaa konkolaataa otobisii barsiisota Yunvarsiitii Dambidoolloo kanneen barnoota dhum-torbee kennanii deebi’aa turan qaqqabeen barsiisonni lamaafi konkolaachisaan yoo du’an, barsiisonni 12 ammoo miidhaa qaamaaf saaxilaman barame.
Yunvarsiitii Dambidoollootti dursaa garee Kominikeeshii kan tahan Obbo Roobeeraa Bashir BBC’tti akka himanitti, balaan kun Dilbata waaree booda naannoo sa’aatii saddeetii qaqqabe.
“Yunvarsiitiin keenya barnoota dhum-torbee (Weekend) iddoowwan adda addaatti kenna.
Barsiisonni kunneenis Ayiraatti barnoota kennanii osoo deebi’aa jiraniidha balaan kun kan isaan qaqqabe.”
“Ka’umsa balaa kanaa ilaalchisee odeeffannoo hanga ammaatti qululleeffanneen konkolaataa fe’isaa tokko hoolaa irraa baqachuutti daandiisaa gadhiisee konkolaataa barsiisota yunvarsiitii keenyaatti bu'e.
''Konkolaataan kunis barsiisoota 30 tahan fe’ee kan ture yoo ta'u, balaa kanaan namoota sadii lubbuusaanii dhabaniiru,” jedhan.
Balaa konkolaataa Laaloo Qilee, bakka Marfoo jedhamutti qaqqabe kanaan kanneen miidhaman qaamaa isaan irra qaqqabee yeroo ammaa hospitaala Ayiraatti yaala argachaa jiraachuus himan.
Yunvarsiitichi miidhaa qaamaafi lubbuu balaa kanaan barsiisota irra gahetti hedduu gadduufi reeffi barsiisota balaa kanaan lubbuu isaanii dhabanis Wiixata ganama gara bakka dhaloota isaaniitti gaggeeffameera.
Haaluma walfakkaatuun, bara darbe Caamsaa 20 bara 2023ttis balaa konkolaataa barsiisota Yunvarsiitii Madda Walaabuu kanneen kaampaasii Shaashamanneetti barsiisuuf imalaa turan qaqqabeen lubbuun barsiisotaa fi hojjettoota Yunvarsiitii Madda Walaabuu18 darbuun ni yaadatama.
Itoophiyaatti sababa balaa konkolaataatiin lubbuun namaa darbuufi miidhaan qaamaafi qabeenyaa qaqqabu oduu guyyuu dhagahamu ta’aa erga dhufee bubbuleera.