Maadriid fi Muunik: Dorgommii Chaamiyoonsi Liigii taphattoonni biyya tokkoo, Keen fi Beelingihaam, irratti wal eeggatan

Beelingihaam taphoota 36 irratti goolii 21 Maadriidiif galcheera
Ibsa waa'ee suuraa, Beelingihaam taphoota 36 irratti goolii 21 Maadriidiif galcheera
Maxxanfame

Taphni maayii xumuraa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kilaboota Piriimer Liigii Ingiliiz malee taphatamu har'a galgala ni eegala.

Dorgommii xumuratti darbuuf taasifamu kanarratti taphattoonni bebbeekamoon addunyaa, ijoollee biyya tokkoo ta'an waliif ba'uuf jiru.

Dirreen Aliyaanzi Areenaa taphoota Ingilizii akka addunyaatti maqaa guddaa qaban Harii Keen fi Juud Beelingihaam galgala sa'aatii afur irratti fuulaa fi fuulatti walitti fida.

Dursaan garee 'Ze Sirii Laayonsi' Harii Keen Baayer Muunikiif taphaa akkaan murteessaadha, kilabnisaa garuu waggaa 12 keessatti yeroo jalqabaaf bara kana [bara inni achi seene] waancaa Bundasliigaa dhabe.

Juud Beelingihaam ammoo baruma Riyaal Maadriid seene dirree Barnaaboo ho'ise.

Taphattoonni lameen faallaa walii goranii wayita Muunikitti walargan haala mudachuuf deemu arguuf namoota eegaa jiran keessaa leenjisaan garee biyyaalessaa Ingilaand nama jalqabaa ta'uun shakkii hin qabu.

Taphattoonni lameenuu dorgommii Yuuroo 2024 irratti Ingilaandiif akkaan murteessoodha.

Garuu sadarkaa kilabiitti isaan lameen keessaa eenyutu caalee mul'ata laata?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Beelingihaam erga dandeettii ajaayibaa agarsiisuun taphataa collee addunyaa kanaa ta'uunsaa hunda biratti hubatamee as kan isa mallatteessifachuuf ija miixan heddummaataniiru.

Duraan kilaba Barmiingihaam Siitiif taphataa kan ture Beelingihaam, tokko jedhee kan beekamuu eegale Boruushiyaa Doortimandi keessatti.

Ergasii kilaboonni akka Liivarpuul, Maanchistar Siitii, Maanchistar Yunaayitid fi Chelsii of harka galfachuuf hedduu yaalan.

Haata'u taphataan sarara gidduurra gidduurra taphatu, dhalataan Istaaworbiriij, Beelingihaam ija warra Ispeen baachuu hin dandeenye, paawondii miiliyoona 89n Riyaal Maadriid seene.

Maallaqa hanga kanaan kilaba maqaa guddaa qabu seenanii bakka itti eegamanitti argamuun taphataa collee Ingilaandi kana hin cimuu? gaaffiin jedhu ture.

Inni garuu bakka itti eegametti argame, tapha 36 irratti kilabichaaf goolii 21 galcheera, kubbaa 10 akka gooliif ta'utti mijeessee kenneera.

Inumaa tapha Baarseloonaa waliin taphatan lamaan irrattiyyuu goolii galchuun waan taphattoonni colleen Maadriid godhan hunda raawwate.

Nama kana Kiristaanoo Roonaaldoo waliin walbira qabuutu danda'ama. Kiristaanoo Roonaaldoo wayita Maadriid seene baayyinaan goolii galcheen Beelingihaam caalaa fudhatama argateera.

Garuu waggaa jalqabaa kilabicha seenetti waancaa hin arganne. Beelingihaam ammoo ammaan tana waancaa Laaligaa harkaa ga'achuu bira ga'eera.

Waancaa Chaampiyoonsi Liigiirraa ammoo tapha sadi qofa fagaata.

Dorgommii kubbaa miillaa guddicha Awurooppaa kanarratti hanga ammaatti taphoota saddeet irratti goolii afur galchuun, kubbaa afur ammoo akka gooliif ta'utti mijeessee kenneera Beelingihaam.

Taphataan kun ammas waancaa 15ffaa qabatee magaalaa Ispeen, Maadriid galuuf tattaaffiirra jira.

Garuu fageenya gabaabduu waancaa bira ga'uuf isa hafte milkiin xumuruuf, kilaba liigii isaa duraanii ta'e Baayer Muunik fi taphataa biyyasaa Harii Keen caalee argamuu qaba.

Beelingihaam fi Keen keessaa abbaan waancaa Chaampiyonsi Liigii kana mo'ate dorgommii badhaasa Ballon d'Or bara kanaaf filatamaa ta'a.

Leenjisaan Muunik Toomaas Tuheel gareen isaa Beelingihaam dura dhaabbachuuf mala addaa dhahachuu akka qabu eere.

''Juud nama addaati,'' jedhe.

''Bundasliigaa kana keessatti dandeettii ajaayibaa agarsiisaa ture. Akkaataan inni itti of fooyyessaa deeme eenyummaasaa ammaa akka hubannu nu taasiseera. Nami milkaa'ina akkanaa gonfatu nama haala fi amala addaa qabuudha,'' jedhee jaje Tuheel.

Taphataan Maadriid hunduu dhiibbaa qomee (uffata mallattoosaanii ta'e) jala ta'anii taphatu. Innis dhiibbaama akkasii jala ta'ee kilaba kana waliin taphata. Nutis kana beekna. Kanaaf malaa fi fala qopheeffanna.''

Bara darbe Hagayya keessa paawondii miiliyoona 100n Tootanhaam irraa gara Baayer Muunik kan deeme Harii Keen, dandeettii kilabasaa duraanii keessatti agarsiisaa ture asittis irraa duubatti hin jenne.

Tapha hundarratti kilaba Bundaliigaa kanaaf goolii 42 galcheera, goolii hedduu galchuun kan beekame bara dorgommii 2017/18 yoo ta'u innis goolii 41 ture.

Harii Keen barumsa jalqaba Muunik seeneen goolii dila kana lakkoofsisuun guddoo jajameera, liigicha keesatti rikardii Roobart Lewaandowskiin qabame bira ga'uuf goolii ja'a qofatu isa hafa.

Lewaandoskiin taphoota liigii Budasliigaa Jarmanii keessatti goolii 41 galchuun rikardii qaba, Keen amma liigicha keessatti goolii 35 galcheera, garuu tapha saditi hafaaf.

Keen gooliiwwan tapha hundarratti galche 42 keessaa 35 liigicha keessatti galche
Ibsa waa'ee suuraa, Keen gooliiwwan tapha hundarratti galche 42 keessaa 35 liigicha keessatti qofa galche

Muunik amma waancaa Bundasliigaa keessaa ba'eera, leenjisaan kilabichaa Toomaas Tuheel xumura dorgommii bara kanaatti gadhiisee deema.

Carraan tokkittiin kilabichi qabu waancaa Chaampiyoonsi Liigiif falmachuudha, leenjisaan Maadriid Kaarloo Anselootiin ammoo kana bareechanii beeku.

Akka Muunik isaan qoru gamanumaa hubataniiru.

''Nuti garee adda addaa lama, kan haalli tapha keenyaa wal hin fakkaanneedha, gonkumaa wal hin fakkaatu,'' jedhan leenjisaan Maadriid.

''Raawwii isaan agarsiisaa jiran, akkaataa isaan itti of fooyyessaa jiran yoo ilaallu baayyee nama sodaachisu. Garuu kun dorgommii xumuraaf taasifamu keessaa tapha isa jalqabaati. Kanarratti ni ilaallanna. Dhugaan jiru garuu taphattoota ciccimoo hamoo ta'an waliin morkachuuf deemna.''