Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siwiidinitti dhalataa Eertiraaf hakiimni jijjiiraa qaama keesso namtolchee jalqabaa raawwate himatame
Oggeessi wal’aansaa baqaqsanii hodhuu Xaaliyaan, wal’aansa seelii namtolchee (stem cell) ujjummoo qilleensaaf jijjiiruu yaalee namootni yaalicha irratti hirmaatan du'uu isaaniif Siwiidinitti himatame.
Pawuloo Machiyaarinii, yeroo tokko oggeessa wal’aansa jijjiirraa qaama namaa namtolchee beekamaa kan ture yoo ta’u, himata irratti dhiyaate lamarraa bilisa ta’eera.
Namootni sadii inni Iswiidin keessatti wal’aane lubbuun isaani darbeera.
Abbootiin alangaa, Machiyaariniin hidhaa wagga shaniin akka adabamu gaafatanis manni murti garuu beekaa dhibamtoota kunneen hin miine jedheera.
Ogeessi kunis irra deddeebiin himata irratti dhiyaate haaleera.
Machiyaariniin beekkamtii kan argate bara 2011’tti yemmuu wal’aansa keessoo qaama nama qaama namtolcheen jijjiiruun addunyaa irratti isa jalqabaa ta’e, Hospitaala Yunivarsitii Karolinskaa Iswiidin jiru keessatti gaggeessuun ture.
Hojiinsaa ujummoo qilleensaa namtolchee istem seelii waliin fayyadamuun, namoota qaama gummaachan hin hin qabneef abdii kenneera.
Barataan lammii Eertiraa Andemaariyaam Bayanaa, wal’aansa jijjiiraa qaamaa kan namtolchee jalqabaa kan argate bara 2011 yoo ta’u, sababa rakkoo infeekshiniin wagga lamaa fi walakkaa booda lubbuun isaa darbeera.
Wal’aansa isaa booda, “Baayyeen sodaadhe ture, wa’ee wal’aansichaa baayyeen sodaadhe. Garuu filannoon jiraachuu fi du’uu jidduu ture,” jechuun BBC’tti himee ture.
Namootni biro lama kan hospitaala Karolinsikaatti wal’aansa kana argatanis lubbuun isaanii darbeera.
US irraa Kiristoofar Laayelsi bara 2011’tti walaansa kana erga argatee ji’oota muraasa booda lubbuun isaa darbeera. Yesim Seetir, kan umuriin ishee ganna digdamman keessa turte bara 2011’tti wal’aansa kana argattee bara 2017’tti lubbuunshee darbeera.
Haarmeen lammii Raashiyaa Juuliyaa Tuulik dabalatee namootni biyya biraatti wal’aansa kana argatan biroos, lubbuun isaanii darbeera.
Boodarra Machiyaariniin dhaabbata beekamaa Karoliniskaa irraa ari’ameera. Dokumantariin TV boodarra hojjetame, shakaloota rifachiisoo inni yeroo wal’aansa isaatti gaggeessi saaxilee, abbootiin alangaa yakka rawwachuun isa qorataniiru.
Dhimmi kun dhumaratti mana murtii bulchiinsa Solnaatti dhiyaate, achitti himata yakka haleellaa hamaa fi miidhaa qaamaan himatameera. Ta’us garuu dhukkubsattoota isaa kunneeniin ajjeesuun hin himatamne.
Abbaan murti Boheern Sikaansibarg akka jedhutti, wal’aamsi kun “hojii mirkanaa’aa fi saayinsii” waliin kan wal hin simne manni murti abbootii alangaa waliin waliigaleera.
Manni murtii dhukkubsattoota sadan irra miidhaan qaamaa cimaa ga’uusa argachuu ibseera.
Ta’us garuu Machiyaariniin himata haleellaa irraa bilisa ta’era sababiin isaas, beekaa miidhaa kana geessisuun isaa waan hin mirkanoofneefiidha.
Machiyaariniin wal’aansi kun lubbuu dhukkubsattootaa olchuuf kan raawwatamedha jechuun, yakka kam hojjechuu isaa yeroo hunda haaleera.
Ta’us garuu, namni iccitii kana baase Dr Maatiyas Korbaskiyoo, murteen kun shira akka ta’ee fi carraan wa’aansi kun milkaa’uu akka hin turre SVT’tti himeera.
Murteen beellamaa kennamuun isaa kun wagga lama dhufaniif hojii irraa akka dhorkametti tura jechuudha.