Doorsisi haleellaa boombii masaraawwan mootummaa UStti hammaannaan hojjettoonni baafaman

Maxxanfame

Masaraawwan mootummaa bulchiinsota US ja'a keessa jiran erga doorsisi haleellaa boombii irratti hammaatee booda qullaatti hafan. Hojjettoonni akka hin seenne dhorkaman.

Dubbi himtuun mootummaa Kentaakii doorsisi kun bifa ergaa email'n baayyinaan gaggeeffamaa ture jedhan.

Ergaa doorsisaa qondaalli US kun baayyinaan masaraawwan mootummaa US keessa jiran hedduutti ergamuu ibsan kana BBCn sakatta'eera.

Akkaataa kanaan masaraawwan mootummaa 24 qiyyaafannoo haleellaa jala galaniiru.

Hedduunsaanii kora qaama seera tumuu kan baranaa isa jalqabaarratti akka cufaman murtaa'eera.

Doorsisarra kan darbe garuu hanga ammaa boombiin argame hin jiru, Biiroon Qorannoo Federaalaa US- FBI qorannoo gaggeessaa jira.

Ergaan doorsisaa karaa email ergame jedhame kun ''meeshaan dhohuun miidhaa geessisu hedduun'' masaraawwan mootummaa keessatti hidhamanii jiraachuu isbu.

Boombiin sa'atii muraasa keessatti dhoha jedha ergaan doorsisaa kun.

Hedduunis sababa kanaan akka du'an waadaa seene qaamni doorsisa kana erge.

Doorsisa dhohiinsa boombii kana kan qorataa jiru FBI ''garuu doorsisa dhagahamaa jiru ilaalchisee odeeffannoo qabatamaa fi quubsaa ta'e hin arganne,'' jedhe.

''FBI doorsisa haleellaa boombii kana xiyeeffannoon hordofa, sababni isaa balaan kun yoo mudate lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafata,'' jedhe jaarmiyaan seera hojiitti hiiku.

Ergaan doorsisaa kun korri seera baastotaa eegaluuf wayita jedhu bal'inaan raabsame.

Walga'ii kanaaf jecha seera baastonni hedduun waajjiratti argamu.

Kanneen doorsisa haleellaa facaasan carraa kana fayyadamuuf jedhan.

Bulchaan Kentaakii Andii Bashaar toora X isaaniirratti akka barreessanitti, erga doorsisi aanga'oota waajjira masaraa mootummaatti ergamee booda, poolisiin Kentaakii gamoo masaraa mootummaa qulqulleesseera.

Ta'us garuu yeroo sanatti namni hunduu nagaa ta'uu fi waajjirri isaanii ''doorsisa walfakkaataa masaraawwan mootummaa kaan keessatti mudatan akka quba qabuu fi qophii akka ta'e,'' ibsan.

Poolisiin yeroo sa'atii sadi hin guunne keessatti gamoo sana guutuu qulqulleesse, qullaatti hambise.

Erga wanti hunduu qulqullaa'ee, gamoon sun guutuun nagaa ta'uun mirkanaa'ee booda miseensonni seera baastota ta'an kora guyyaa 60 eegalaniiru.

Dubbi himaan masaraa mootummaa Joorjiyaa Gaabreel Isterliing doorsisa masaraawwan mootummaa US keessa jiran irra ga'aa jiru quba qabaachuu X irratti barreessan.

''Ergamtoonni jalqaba bara 2023 irratti hookkara kaasuuf karoorsan jiru. Dhiphinaa fi sodaa babal'isuu barbaadu. Kana akka raawwataniif hin eeyyaminaafii,'' jedhan.

Bulchiinsonni kaan- Wyoming, Oklahoma, Nebraska, Missouri fi Maryland, doorsisi kun isaan qaqqabeera.

Bara haaraa kana jala doorsisi haleellaa hawaasa US keessa faca'aa jiru kana qofa miti.

Guyyoota ayyaanaa qondaaltonni hedduun ni doorsifamu, irratti qiyyaafatamu.

Manasaaniitti bilbilanii doorsisa boqonnaa nama dhorku irraan ga'u, qaamoleen kunneen ifatti hin beekaman.

Ergaan doorsisaa kun guyyaa ayyaana yaadannoo dhaloota Yasuus Kiristoos irratti miseensota Kongiresii hedduu qaqqabeera.

Tujaarri (biiliyoonarri) Joorji Sooros fi Abbaan Alangaa Teeksas Keen Paaksiton kanneen dhiheenya kana akkaan doorsifaman keessaati.

Ministeerri bulchiinsa Maine Shenna Bellows erga Pirezidantiin duraanii US Doonaald Tiraamp filannoof dorgomuuf ga'umsaa fi bu'uura seeraa hin qabu jettee dubbattee booda doorsisa haleellaa isheerra ga'een wallaansoo qabaa turte.

Kutaaleen biyyaa US hedduun qaamoleen doorsisaa fi jeequmsa akkanaa facaasan adabbii cimaan akka isaan eeggatu murtee dabarseera.