'Qul. Sinodoosii Itoophiyaa murtee deebi'ee akka ilaalu gaafanna' - Abbootii amantaa Tigraay

Maxxanfame

Dureewwan Ortodoksii Naannoo Tigraayitti argaman murtee Qulqulluun Sinodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa murteesse akka hin fudhanne beeksisan.

Ibsa dureewwan kunneen Kamisa baasaniin Manni Kiristaanaa murtee dabarsite keessa deebitee akka ilaaltu gaafatan.

Tibbana qaamni olaanaa Mana Kiristaanichaa walgahii atattamaa taa'en abbootii amantaa Naannoo Tigraayiitti mudama kennaniifi fudhatan jedhaman aangoo lubummaa irraa mulquu ibseera.

Murteen kuni dureewwan naannichatti argaman 'ittiin bulmaataafi beekamtii Mana Kiristaanichaa malee' muudama raawwachuu isaanii ibsu hordofee akka ta'e ibsame.

Murtee kana hordofuunis abbootiin amantaa Ortodoksii Naannoo Tigraayitti argaman Kamisa kaleessaa deebii kennaniiru.

Ibsa baasaniin, murteen Qul. Sinodoosii Ortodoksii Itoophiyaa dabarse ''... balaaleffannaa homaa gatii hin qabnee waan ta’eef fudhatama hin qabu,'' jedhan.

Dabaluunis, murteen darbe deebi'ee akka ilaalamu gaafatanii kanaan achi tarkaanfii akka fudhatan Mana Kiristaanaa akeekkachiisan.

‘‘Bataskaannii Ortodoksii Itoophiyaa murtee isaa kana keessa hin deebi’u yoo ta’e, murtoo ulfaataa fudhachuuf’’ akka jiran himan.

Haata’u malee, murtoo ulfaataan jedhan kun maala akka ta'e ifa hin goone.

Dabaluun, murteen darbe isaanirratti ''... dhiibbaa homaa kan hin qabneefi deemsi kun yeroo xiqqoof illee gufachuu akka hin dandeenye mirkaneessuu barbaanna,’’ jedhan.

Dureewwan Tigraay dhimma waraanaan walqabateen Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa waliin dhibdee seenan, mana kiristaanichaa irraa adda bahuun caasaa bulchiinsaa haaraa hundeessaniiru.

Caasaa ‘‘Manbara Salaamaa Kassaate Birihaan’’ jedhuun hundeessan garu Manni Kiristaanatti beekamtii akka hin kennineef ibsiteetti.

Waraanaa Tigraayiitti waggoota lamaan darbaniif gaggeeffamaa tureen wal qabatee walitti dhufeenyi bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa fi abbootii amantaa naannichatti argaman laaffateera.

Dureewwan amantaa Naannoo Tigraay waraana naannicha keessatti adeemsifame Manni Kiristaanaa maallaqaafi meeshaa deeggarteetti jechuun himatu.

Dureewwan amantaa, hordoftoota akkasumas manneen Kiristaanaa naannicha keessa argaman irratti miidhaan yeroo gahu callisteetti jechuun komatu.

Himannaa kana Manni Kiristaanaa hin fudhattu.

Eegasii Qaamni Olaanaa Mana Kiristaanichaa yeroo waraanaa manni Kiristaanattii eegumsa barbaachisu gochuu dhabuun ''dhiifama'' gaafateera.

Taatullee dureewwan Naannoo Tigraay ''gahaa miti'' jedhanii akka amanan dureen kana dura BBC’n dubbise himuun isaanii ni yaadatama.

Osoo kuni kanaan jiruuti, Ephis Qophosoota filachuufi boodarra muuduu dureewwan amantaa naannichatti argaman kan beeksisan.

Qaamni olaanaa bataskaanichaa muudama kennama jedhame dursee adeemsichi ‘’qanoonaafi seera bataskaanichaa kan diigu’’ ta’u ibseera.

Filannoon ''seera bataskaanaa kan hin kabajne, giddugaleessummaa bataskaanaa kan sarbu fi tokkummaa mana amantittii kan hubuudha,'' jechuun adeemsa kanarra dhorkaa kaa'uu ibse.

Sagantaa filannoo dureewwan amantaa gaggeeffama jedhame duras mootummaan federaalaa akkasumas bulchiinsi yeroo Tigraay gidduu akka seenu gaafattee turte.

Ta'us, dureewwan Tigraay murtee isaanii itti fufuun Ephis Qophoosota muuduu beeksisan.

Kana booda ture, tibbana Qul. Sinodoosiin yaa'ii taa'en aangoo isaaniif kennamee fi danbii mana amantichaa cabsuun muudama Iphis Qoophosota sagalii gaggeessaniiru jechuun kan balaaleeffate.

Dureewwan amantaa Tigraay, Qul. Sinodoosii murtee dabarse ''deebi’ee akka ilaalu waamicha dhiyeessaa dogoggora isaa kan hin fooyyeessine yoo ta’e, nutis murtoo ulfaataa fudhachuuf kan dirqamnu ta’uu beeksisuu barbaanna,’’ jedhan.

Haaluma walfakkaatuun baatiiwwan muraasaan dura abbootiin amantichaa Naannoo Oromiyaas beekkamtii bataskaanaatiin alatti phaaphaasoota 26 muuduu ibsuu isaanii hordofuun hokkorriifi muddamni uumameera.

Booda garuu erga walitti dhiyaatanii mari’ataniin booda haalli gama naannoo Oromiyaatiin bataskaanitti mudatee ture hanga tokkoo kan tasgabbaa’e fakkaata.

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa jaarmiyaan amantii hordoftoota miiliyoona hedduu qabdu, darbees dhimma hawaasummaafi siyaasaa biyyattiirratti dhiibbaa guddaa uumtudha.

Haalli siyaasaa biyyattii keessatti mudatan qooda ishee jijjiiraa jiru. Waggaa kana keessammoo gaaffiin irratti dhihaatee ture bataskaanattii qoraa jira.