"Nama gurraacha kaansariin gogaa hin qabu jedheen yaada ture"

Isaar Neenes yeroo ganna 20 kaansariin gogaa akka ishee qabe barte.
Yeroo tokko hiriyaa ishee waliin osoo bashannantuu waanti akka dhiitoo xiqqoon biqilee argitee hiriyaan ishee akka mana yaalaa deemtu gorsa.
Mana yaalaa deemtee torbee tokko booda kaansarii gogaa akka ta'e itti himame. Sana booda naatee akka aarte yaadatti.
Baay'ee kan ishee naasise ammoo gogaa nama gurraachaa keessa keemikaalli melaanin jedhamu guddaa waan ta'eef hoo'a aduu guddaadhan hin miidhamu oduu jedhutu sammuu ishee keessa ture waan ta'eefi.
Kanaan dura namni magaalli yookin gurraachi kaansarii gogaatin qabamuu waan hin dandeenyef aduu cimaa ta'e irraa of eegun hin barbaachisu jettee amanti ture.
Kanaaf ammoo kireemii aduu ittisu dibachuun hin barbaachisu jettee yaaddi ture Isaar. "Amma garuu waantin hubadhe gogaan bifa fedhe yoo qabaate iyyuu gogaadhuma. Kaansariin qabamuun nama kamiyyuu mudachuu danda'a," jetti.
[Meelaniin jechuun keemikaala qaama namaa keessatti halluu rifeensaa, ijaa fi gogaa kan omishuudha. Meelaniin guddaan kan omishamu yoo ta'e halluun ijaa, rifeensa fi gogaa namaa ni gurraacha'a.]
Waggaa shan booda kaansariin gogaa deebi'ee waan na qabus, "dursee waanan bareef waldhaanaa carallaa hin fudhanne; keemikaalota dhangala'aa qaama keessatti argaman (lymph nodes) keessaa tokko balleessuu qabu turan."
Waggaa kudhan booda Isaar amma bilisa taatee jirti. Yeroo ijoollummaa ishee kaastee hanga guddattutti kireemii aduu ittisu dibattee hin beektu.
Yeroo ammaa kana wiirtuu qorannoo kaansarii UK tti argamu tokko waliin ta'uun namoonni akka isheetti ilaalcha dogoggoraa akka hin qabaannef hojjataa jirti.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wiirtun qorannoo gaggeessen kaansariin gogaa Melaanoomaa jedhamu namoota hanga warra adii osoo hin taane, namoota gurraacha fi warra Eshiyaa irratti xiqqaatee mul'ata jedhame.
Haa ta'u garuu waldaa ogeeyyii dhibee gogaa UK tti ogeessa kan ta'an Dr. Ofeeliyaan akka jedhanitti kaansariin gogaa namoota gurraacha irratti gaafa mul'atu baay'ee hamaa fi erga hammaatee kan baramu ta'uu himan.
Kanaaf ammoo akka fakeenyatti sirbaa beekamaan duraanii Boob Maarlen gogaa qaama isaa hamma tokko geeddaramee sadarkaa cimaa irra erga gahee booda kaansarii Melaanomaa ta'uun barame. Kan du'es sababuma kaansarii gogaa kanaani.
"Gogaa keenya guutummaatti ilaaluu qabna. Keessumaa namoonni gurraachi fi magaala ta'an, faana miilaa, miila, barruu harkaa fi qeensa isaanii ilaaluu qabu," jedhu Dr. Ofeeliyaan.
Hawaasa keessatti "gurraachi homaa hin ta'u", naannoo hoo'atiin dhufe" ilaalchonni jedhan jiru.
Namoonni kana jedhan warra keemikaalli melaanin guddaan qaama keenya keessa jira jedhanii warra yaadaniidha jedhu Dr. Ofeeliyaan.
Melaaninin guddaan gogaa qaama namaa gurraachessus, "uumamaan aduu ittisuuf kan namaaf kennamuudha," jedhu ogeessi kun.












