Hoolota rifeensa qaban halluu cuuphuun falmii kaase

Madda suuraa, PA Media
Hoolota halluu diim-adii [pink] cuuphaman Baha Inglaand festivaala Sufok irratti waggoota dheeraaf arguun baratamaadha.
Hoolota rifeensa qaban halluu cuuphuun, Laatitiyuud Festivaal, kan jedhamu waggaa 14 kana eegale
Garuu barsiifanni hoolota halluu dibuu kun qeeqamaa jira.
Dhaabbileen mirga bineensotaaf quuqaman RSPCA fi Peta jedhaman festivaala Laatitiyud jedhame beekamu kun ‘’naamusa kan hin qabne fi suukanneessaadha’ jechuun qeeqan.
Qindeessitoonni sagantichaa akka jedhanitti, halluu bishaaniin bulbulame kun miidhaa hin qabu, nageenyi hoolota ‘’dhimma qonnaan bultoonni irratti xiyyeefatani.’’
Hoolota halluu dibuun kun akka geeddaramu mallattoon namoota 3,000 tti dhiyaatu sassaabameera.
Hoolonni halluu bifa diim-adii [pink] qaban festivaalarratti otoo dirree keessa dheedanii argaman.
Dubbi-himtuun dhaabbata RSPCA, dhaabbati isaanii waa’ee hoolota kanaa qindeessitoota sagantichaatti akka barreessu himan.
"Bineensonni hundi gaarummaa fi kabajaan akka ilaalaman barbaanna, namoonni bineensota halluu dibu ykn bineensota kaayyoo qabatamaan hin taaneef dibuu hin jajjabbeessinu" jette.
Ibsi marsariitii festivaalicharratti ba'e: "Hoolonni kun halluu uumamaa, bishaan gargaaramuun qophaa’e dibaman.
''Qonnaan bultoonni akka qaama idileesaaniitti hoolaa halluu cuuphuun kan barame," jedhan.
Qonnaan bultoonni nageenya hoolaasaanii guyyaa guyyaan sakatta’u jedhan.

Madda suuraa, Getty Images












