Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dureessi kachachaluun mucaa godhate haadha warraasaa duraaniif $1bln akka qoodu murtaahe
Dureessi Kooriyaa Kibbaa Cheey Tee-woon haadha warraasaa duraaniif maallaqa biyyattii woonii tiriiliyoona 1.38 akka qoodu itti murtaahe. Maallaqni kun gaayilli diigamuusaatiin maallaqa akka qoodamu murtaahe isa olaanaadha.
Gaayilli Cheeyfi haadha warraa isaa kan diigame waggaa 10 dura wayita inni jaalallee haadha warraasaarratti qabaterraa mucaa godhachuun baramuu booda.
Manni Murtii olaanaa Sewuul Roh So-Yaang kan waggoota 35f haadha warraa dureessa kanaa turte qabeenya isaa qooddachuuf mirga qabdii jedheera.
Manni Murtii bara 2022tti dhaddacha ooleen Roh qabeenya abbaa warraashee duraanii hanga maallaqa biyyattii woonii biiliyoona 66.5 ta'u akka qooddattu murteessee ture.
Murtee haaraa murtaaheen garuu gaheen Roh gara tiriiliyoona1.38 ol guddate.
Cheey abbaa qabeenyaa fi dura taa'aa tokkummaa kaampaniiwwan gurguddoo hedduu SK Group jedhamuu yoo ta'u, qabeenyisaa maallaqa biyyattiin tiriiliyona 4 ta'a jedhamee amanama.
Abukaatoon dureessa kanaa manni murtii ''yaada gartokkee Roha qofa fudhatee murteesse'' jechuun akka ol iyyatu himeera.
Ammoo gaaffii Roh kaampaniiwwan abbaa warraashee duraanii keessaa hiree akka qabaattu dhiyeessite kufaa godheera.
Maallaqni dheedhiin akka kennamuuf murtaahe garuu qabeenya dureessa kanaa keessaa harka 35 ta'a.
Manni Murtichaa murtee dabarse keessatti ''akka haadha warraasaatti, Roh qabeenyi SK Group fi sochiin daldalaa Cheey akka dabalu gumaachiteetti waan ta'eef murteen kun sababa gahaa qaba'' jedha.
Haati warraa dureessa kanaa intal pireezidantii duraanii Kooriyaa Kibbaa, Roh Tii Woo yoo taatu abbaashee waliin danqaalee daldalaa abba warraashee duraanii kana miidhan irraa dhorkaa turan.
Manni Murtii Cheey ''dhaddacha irratti amalasaa badaa kanatti gaabbii qabaachuu homaa hin agarsiifne...nama tokko qofa fuudhurrattis kabaja qabu hin mul'isne'' jedha murteen darbe.
Maallaqni Rohif akka kennamu murtaahe abbaan warraashee duraanii isheedhaan alatti haariiroo jaalalaa qabaachuusaatiin miidhama irra gahe ilaalcha keessa galcheeras jedha Manni Murtii.
Abukaatoon dureessa kanaa garuu hariroon sababa haadha warraa isaatti siyaasa wajjin walitti siiqeef maamillisaa buufachuu caala miidhamuu hime.
Kaampaniin abbaa qabeenyaa kanaa semookondaaktaroota, kemikaalotaa fi omishaalee telekoomii adda addaa omishuun addunyaarratti gabaa guddaa qaba.