M. Yunaayitiid Totenhaamiin injifatee dhiibbaa jalaa bahaa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Leenjisaan Maanchister Yuunaayitid Erik Ten Haagii fi leenjisaan Tootenhaam Anji Poostikoguluu qabxii jalqabbii Piriimer Liigii baranaa irratti argataniin haalaan qeeqamaa jiru.

Qeeqa kana ofirraa salphisuuf tokkoon isaanii injifannoon galuu laata?

''Leenjistoota lameeniifuu karaa hamaa taheen hordoffii guddaatu jira,'' jedhe xiinxalaan kubba miilaa BBC Sport, Kiriis Saatan.

''Anis sababa kanaafidha qixa bahu jedhee kanan hin tilmaamneef. Gareen lamaanuu injifachuuf carraaqqii guddaa taasisu. Galchii wlaitti dhiyoo tahus, tokkoon isaanii ni injifatu.''

Kiriis Saatan taphoota Piriimer Liigii 380 bara kanaa hundaa ni tilmaama.

Torban jahaffaa kanaaf weellisaa Pool Ismiiz, kan albama isaa 'Stream of Life' jedhu Jimaata gadhiise waliin tilmaaman.

Tilmaama isaaniin waliigaltuu? Kan keessanis tilmaamuu dandeessu.

Niwkaastil v Maanchister Siitii

Niwkaastil gahumsa gaarii agarsiisaa hin turre. Garuu qabxii argataa as gahan. Osoo torban darbe Fuulhamiin hin mo'amne tahee sa'a muraasaaf gabatee Piriimer Liigii dursuu danda'u ture.

Waggoota darban keessa Maan Siitiif morkattoota jaboo tahuu isaanii agarsiisaniiru.

Garuu gahumsa amma irraa mul'atu yoo ilaalle Maan Siitii mo'achuu danda'u tilmaama jedhu hin qabu.

Maanchister Siitiin Roodirii miidhamaan dhabeera. Garuu akkasis tahee amansiisanii mo'atu. Taphattoota isa bakka bu'anis waan qabaniif ni mo'atu.

Kiriis Saatan: 1-3 Manchister Siitii mo'ata.

Tilmaama Pool: 1-2 Maan Siitii mo'ata.

Leester Siitii v Arsenaal

Ammas Arsenaal akkuma Maan Siitii irratti taasise baasii taphattoota Leester jala dhaaba jettanii eegduu? Atalaantaa waliin yeroo morkatanis akkasuma ittisa irratti kan hundaa'an ture. Garuu dhumarratti qabxii argatte malee akkamitti akka taphatte hedduu bu'aa hin qabu.

Arsenaal karoora yeroo dheeraa baasee haala kanaan taphatee dhumarratti waancaa kan injifatu yoo tahu dinqisiifachuunii qabna.

Leester Siitii Walshaaliin Karabayoo Kaappii irratti qixa xumuruun akka leenjisaan isaanii Istiiv Kuupper qeeqamu taasiseera.

Garuu ammas obsuufii qabu.

Bara 2015-16 waancaa PL injifatanii waggaa lama ammoo sadarkaa shanaffaa fi jahaffaan xumuranii ture.

Amma garuu dhimma gabatee Piriimer Liigii keessatti hafuuti malee dhimma waancaa mo'achuu miti.

Tilmaama Saatan: 2-0 Arsenaaltu mo'ata

Pool: 3-0

Woolvis v Liiverpuul

Woolvis qabxii argachuun isaan rakkisuus taphni isaanii hagas mara badaadha nama hin jechisiisu.

Obsi deeggartoonni leenjisaa Gaarii Oneel irratti qaban garuu waan dhumate natti fakkaata.

Bara dorgommii darbe akka gaariitti hin xumurre. Baranas haala gaariin hin jalqabne.

Liiverpuuliin mo'achuu qabda dhiibbaa jedhe hedduu tahuus baatus, cimina Liiverppuul waan beekamuuf kana ni mo'ama jedheen eega.

Tilmaama Saatan: 1-2 Liiverpuultu mo'ata.

Pool: 1-2 Liiverpuul

Maan Yuunaayitid v Tootenhaam

Maan Yuunaayitid tapha kana ni mo'ata jedheen eega. Garuu haala salphaan waan irra aanu miti.

Awurooppaa Liigiin qixa Tiwentee waliin xumuruun waan nama mufachiisu ture.

Tootenhaam irraas kubba galchiitti jijjiiruu irratti waan hafu argina. Maan Yuunaayitid Tootenhaamiin tapha caalee qofa mo'achuu hin danda'u.

Garuu haalli tapha isaanii Ten Haagiis mijataadha.

Kanaaf waanuma qalbiinkoo na jette sanatti murteessa.

Tilmaama Saatan; 2-1

Pool: 2-2

Bireentiford v West Haam

Juuliyaan Loopiteeguu qabxii argachuu barbaadu.

Karaa kamiinuu tahu leenjisaa haaraan West Haam kun deeggartootaaf qabxii argachuu barbaadu

Deeggartoonni Wst Haam jijjiirama barbaanna jennaan leenjisaa haaraan qacaraman.

Torban darbe Cheelsii fi Liiverpuuliin yoo mo'aman sana ittisni isaanii rakkoo akka qabu namatti agarsiisa.

Maan Siitii fi Tootenhaam irratti dursanii galchuun garuu ammoo kan mo'aman Bireentifoordi haala gaariin kan qindaa'anidha.

Ittisnis tahe sarara fuula duraa haala gaariin wal dubbisu.

Garuu Yoonee Wiisaa jalaa miidhameera.

Tilmaama Saatan: 2-1 Bireentordi mo'ata.

Pool: 3-1

Cheelsii v Biraayitan

Cheelsiin gahumsa gaarii yeroo hin agarsiifnetti namuu isaan qeeqaa ture.

Kunoo amma immoo nama hedduun isaan dinqisiifata.

Garuu ammas sadarkaa olaanaatti tasgabaa'uun garee taphatu miti. Tapha kana tilmaamuun hedduu kan ulfaatus tahus Nikoolas Jaaksanii fi Kool Paalmer ammas gahumsa gaarii agarsiisu jedhee waanan yaaduuf qalbiin koo Cheelsii bira jirti.

Tilmaama Saatan: 2-1 Cheelsii mo'ata.

Pool; 2-2

Everteen v Kiristaal Paalaas

Leenjisaan Everteen Shiin Daayich homaa gaaffii hin qabu dhiibbaa jalaa bahuus dirree isaanii irratti qabxii argachuu barbaadu.

Garuu waan isaanitti cimudha.

Yoo dirree isaanii irratti kan mo'aman tahe maal taphattoonni isaanii maal akka godhan tilmaamuun ulfaataadha.

Everteen ni mo'ata yaada jedhu qabaadhus galchiin osoo irratti hin lakkaa'amiin bahu jedhee hin yaadu.

Tilmaama Saatan: 1-1

Pool: 1-1

Nootiingihaam Foorest v Fuulham

Fuulham yeroo dirree isaatti taphatu natti tola. Garuu dirreen ala hagas mara miti.

Nootiingihaam Foorest sababa sadaba kaardii diimaan Giibsi Waayit dhabeera.

Taphni kun qixuma dhuma jedheen yaada.

Tilmaama Saatan: 1-1

Pool: 0-1 Fuulham ni mo'ata.

Ipsiwich Taawon v Aston Viilaa

Ipsiwiich Taawon tapha jalqabaa isaanii mo'achuuf eegaa jiru.

Gahumsa bareedaa agarsiisaniiru.

Hanga ammaa Liiverpuulii fi Maan Siitii qofatu isaan mo'e.

Aston Viilaattis galchiin ni gala. Garuu karuma hundaan falmachuun irra aanu.

Tilmaama Saatan: 1-2 A. Viilaa

Pool: 1-2

Dhumarratti tapha Barnimozii fi Saawuzhampitan ilaalla

Barnimooz akka malee qabxii sadii barbaadu. Liiverpuuliin mo'amanis tapha gaarii taphatanii ture.

Saawuzhampitan tapha gaarii jedhamu taphatu garuu asitti waan qabxii sadii argatanii galan miti.

Tilmaama Saatan: 2-0

Pool: 2-0