Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haadha Ijoollee duute erga jedhamtee abbaan warraas kabiraa fuudhe booda dhufte
Ta’iin dhageettiif nama raaju kuni kan mudate Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa aanaa Dabuub Beenchii Ganda Geeduu jedhamtutti.
Abbaan warraa Obbo Miizaan Gorkeesii jedhamanii fi haati warraa isaanii aadde Baakii Kaasaa bultii ijaarratanii umrii lakoofsiisaniiru. Ilmaan saddeetis horatani.
Ittigaafatamaan waajjira Kominikeeshiinii aanichaa obbo Be’imnet Balaay BBC’tti akka himanitti abbaan warraa kuni Haati warraa isaanii waan dhukkubsatteef Gara Hospitaala Jimmaa geessee akka yaalchisuu barbaadu itti hima.
Erga Hospitaala Jimmaatti yaalii taasisaniin booda haati warraa kuni yaala fooyya’aa argachuu akka qabdu waan murtaa’eef A.L.I Bitootessa 9, bara 2016 Finfinnee Hospitaalaa Xuqur Ambassaatti Rifariidhaan ergaman.
Seenaan guddoo nama raaju kunis kan jalqabe kana booda. Abbaan warraa Obbo Miizaan erga Hospitaala gahanii kaardii baasee akka deebi’u itti himuun biraa gadi baha.
Akka jedhe garuu kaardii baasee hin deebine. Murti gara jabinaan guutame raawwachuufis seenaa sobaa qindeeffatee maatii biyya jiranitti bilbile jedhu Obbo Be’imnet.
Haati warraa isaanii fi haati Ijoollee saddeetii kun dhukkubarraa bayyanachuu dadhabdee akka boqottee fi reeffa ishees manuma qopheessaa magaala Finfinneetif maallaqa kanfaluun asumatti akka awwaalchise maatitti bilbilaan hime.
Maallaqa yaalaaf qabatee bahes sirna awwaalchaa kanatti waan fixateef maallaqa geejjibaa ittiin biyyatti deebi’u akka erganiif gaafachuun maallaqa ergisiifatee qe’eettis deebi’e.
Namni kuni erga qe’eetti deebi’een booda Boo’ee boochisee Ollaa, Firrii fi warri iddiriis bahanii gaddame. Qe’een gaddaan dhuunfatame. Diraamaa abbaan warraa hojjete namni shakke tasa hin turre.
Abbaan warraa kuni haadha ijoolleesaa saddeetii kanaaf afurtamatti taskaaras baasefi.
Tarkaanfiin itti aanu ammoo ‘erga haati warraakoo duutee maalan eega’ jechuun dubartii biraa bakka biraatii fuudhee jireenya haaraas jalqabe.
Ji’a shaniin booda wanti mudate garuu tilmaama abbaan warraa qabatee hamma kana deeme hunda kan faallessee fi waan hin eegamnetu ta’e.
Haati Ijoollee saddeetii xuqur Ambassaa turte dhukkubarraa wayyooftee daa’ima xiqqaa biyyaa akka qabdu himuun biyyatti akka ishee ergan deeggarsa gaafattee tumsa namootaatiin geejjibni mijaa’efii gara qe’eetti qajeelte.
Yeroo gandashee geessu namni duraan ishee beeku tokko karaatti arge. Garuu hedduu sodaate. Akkumaa nama du’aa ka’e argaa jiruutti naasuun wareerse.
Magaalarraa kuttee yeroo qe’ee itti ilmaan saddeet horatte geessu wanti ta’e garuu isheef waan haaraa ture.
Hammi namaa iyyee wacabbare. Ijoolleeshee osoo hin hafne akkuma nama ekeraa argeetti haadha isaanii baqatani jedhu angaa’aan dubbisne.
‘Maaltu ta’e?’ jechuun yeroo namoota gaafattuttis “Duute jedhamee Boonyee taskaarri siif baheera eessaa dhufte?’ jedhanii gaafatan.
Haati kuni gaafa kana dhageessu hedduu aartee maraachuuf geesse. Abbaan warraa sobaan haadha warraasaa akka duute hime kunimmoo waan inni nitaha jedhee hin eegne kuni baramnaan Of ajjeesuuf yaale.
Garuu battala Poolisiin qaqqabee namicha too’annaa jala oolche. Dhimma isaas abbaan alangaa qabatee ilaalaa jira jedhan, Itti gaafatamaan waajjira Kominikeeshinii aanichaa Obbo Be’imnet Balaay.
Abbaan Warraa kuni maalif kana raawwate?
Ka’umsi abbaan warraa kuni waan kana raawwateef aadaa naannicha jiruu fi ‘Toomoo’ jedhamuun beekamuun walqabata jedhu Obbo Be’imnet Balaay.
Akka barsiifata Toomoo jedhamu kanaatti namni Horii namaa yoo nyaate yookan yoo waliin dhahe gara Toomoo kanaa deemanii kadhannaa itti taasisu.
Nami kadhannaan kuni itti taasifame ammoo garaan isaa bokokee dhohee du’a jedhameetu amanama.
Nama sababa Kanaan bokokee du’e ammoo namatti darba jedhamee waan yaadamuuf abbaa warraatin ala namni biraa itti siqee hin awwaalu.
Haati warraa kuni ammoo dhukkuba ‘Rajjiijii’ dhukkubsachaa waan turteef garaan ishee bokokee ture.
kanaaf jecha abbaan warraa kuni yoo isheen duute Natu awwaala waan ta’eef natti darba jedhee yaadda’uun Finfinneetti kan gate ‘yookan ni duuti yookan beektee biyyatti hin galtu’ jedhee yaadee ta’uu mala jedhan obbo Be’imnet.