Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanguddoota 'falfaltuudha' jedhamuun ajjeefaman
Qabiyyeen viidiyoo kanaa miira keessan jeequu mala
Giddugaleessaan torban tokko keessatti maanguddoon tokko qarqara galaanaa Kiliifii, Keeniyaa keessa jirutti ajjeefamu.
Namoota ‘falfaltuu’ jedhanii haala suukaneessaan ajjeesuun bakkeewwan Afrikaa garagaraafi kaanitti ni mudata.
Haa ta’u malee, waggaatti namoonni 70 bakkee Keeniyaa kanatti akka ajjeefaman inni gabaafame baay’eedha.
BBC Africa Eye kanneen haleellaa kanarraa lubbuun hafan, maatiifi namoota badii kana keessatti qooda qaban dubbisuun sababa ajjeecgaa duuba jiru qorateera.
Qorannoon kuni maanguddoon kuni namoota isaan kunuunsuu qabaniin – maatii isaaniin akka irratti xiyyeeffatamuufi lafa isaanii dhaaluuf akka ta'e bira gaheera.