Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bineensa ganna mil. 500 afaan malee karaa bobbaan itti bahu hin qabne
Saayintiistonni maalummaa bineensa daran xiqqaa ganna miliyoona 500 afaan malee fagaara hin qabne hibboo ta'ee ture bira gahuu himan.
Lafeen bineensa bishaan keessaa qalqalloo fakkaatu kanaa jalqaba bara 2017 wayita argamu, saayintiistonni lafee dhala namaa itti fakkaatee ture.
Bineensi daran xiqqaa bara durii 'Saccorhytus coronarius' jedhamuun moggaafame kun yeroof gosa bineeldotaa 'deuterostomes' jedhaman jalatti ramadamee ture.
Kunneen dhala namaa dabalatee garee bineensota lafee dugdaa qabaniif angafa warra turanidha.
Qorannoon amma godhame garuu 'Saccorhytus' guutummaatti gartuu bineeldotaa adda tahe jalatti ramadamuu qaba jedhan.
Qorattoonni Chaayinaa fi UK xiinxala X-ray baay'ee gadi fagoo ta'e bineensa kanarratti erga taasisaniin booda, bineensi kun sharariitii fi lubbu qabeeyyii xixiqqoo akka goondaa waliin garee 'ecdysozoans' jedhamu jalatti ramadamuu qaba jedhan.
Bineensi kun fagaara dhabuun isaa gaaffii saayintiistotatti hibboo ta'ee turedha.
Bineensa kana kan qoratte Emilii Karliislee BBCtti yoo himtu; "bineeldotni 'ecdysozoans' hedduun fagaara qabu, kun maaliif dhabe? Xiqqoo namaaf hin galu," jetti.
Tarii jijjiirama tirataa (evolution) keessa dhabuu hin oolle kan jettu qorattuun kun, bakka tokko taa'ee wanta hundaaf uraa tokkicha waan fayyadamuuf tarii isa hin barbaachisne ta'a jetti.
Bineensi miiliimeetira tokko qofa gahu kun galaana keessa jiraachuu akka hin oolle xiinxala x-ray qaama isaarratti godhameen hubatamuu himti Emiliin.