Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaanfa Afrikaatti itti-aanaan ergamaa addaa US aangoo gadhiisan
Gaanfa Afrikaatti itti-aanaa ergamaa addaa Ameerikaa ta’uun tajaajilaa kan turan Paayitan Kiinof fedhaan aangoo gadhiisuu isaanii maddoonni amanamoon BBC tti himan.
Paayitan bara darbe erga Ameerikaan Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa muuduu jalqabdee kaasee itti aanaa ergamaa addaa ta’anii tajaajilaa turan, torbee kana ammoo aangoo isaanii gadi dhiisan jedhame.
Paayitan Kiinof dabalatee ji’oota torba qofa kessatti dippiloomaatota Ameerikaa ergama addaa baha Afrikaa sadi aangoo gadi lakkisaniiru.
Paayitan itti aanaa ergamaa addaa ta’anii tajaajiluun alatti ji’a sadi dura yeroo ergamaan addaa Deevid Saatarfild aangoo isaanii irraa ka’anii turan yerodhaaf bakka isaanii bu’uun hojjachaa ture.
Oduu himaan biiroo dhimma alaa Ameerikaa Need Piraayis, “Dippiloomaatonni ogummaa fi muuxannoo yeroo dheeraa qaban kun sadan ergama addaa kana fudhatanii tajaajiluu isaanif gammachuutu nutti dhagaham,” jechuun BBC tti himan.
“Baha Afrikaa tasgabbiin dhabamuun, qormaatawwan siyaasaa, namoomaa fi nageenyaa deeggarsa Ameerikaa addaan hin cinne barbaada,” jechuun dubbatan.
Paayitan Kiinof itti gaafatamummaa ergama addaa irraa qofa osoo hin taane, hojii mootummaas akka gadi dhiisan maddi dhimma kanatti dhiyoo ta’e mirkaneessee jira.
Haa ta’u malee Paayitan sababa hojii gadi lakkisaniif isaanis ta’ee madda biroo irraa waanti adda bahe hin jiru.
Waraanni kaaba Itoophiyaatti erga mudateen booda Ameerikaan dhimmichi sirriitti akka hordofaniif dippiloomatota muuxannoo qaban baha Afrikaatti muudde.
Bara 2013 A.L.I tti baha Afrikaatti ergama addaa Ameerikaa ta’anii kan muudaman Jeefrii Feltmaan turtii naannoo waggaa tokkoo booda aangoo isaanii gadi lakkisan.
Bara kana ji’a Amajjii keessa ergamaa addaa Ameerikaa ta’uun muudamanii kan turan Deevid Saatarfilman ammoo turtii ji’a afurii booda bifuma wal fakkaatun itti gaafatamummaa isaanii irraa ka’an.
Ergamaa addaa ta’anii warra tajaajilanii turaniin addatti baha Afrikaatti itti aanaa ergamaa addaa Ameerikaa ta’uun tajaailaa kan turan Kiinof Paayitan miiluma Ferii Feltman fi Paayitan hordofuun aangoo isaanii gadi dhiisanii jiru.
Rakkoolee biyyoota garaa garaa keessatti mudatan qorachuun kan beekamu dhaabbata “Crises Group” xinxaalaa kan ta’e Wiiliyaam Deevisan, “Dippiloomaatii naannichatti nama muuxannoo dheeraa fi walitti dhufeenya cimaa qabu ture” jechuun cimina Paayitan ibsa.
“Nami akka isaa muuxannoo fi dandeettii cimaa qabu kan egamaa addaa haaraa deeggaru ramadamuu qaba jedheen amana,” jedha Wiiliyaam Deevisan.
Paayitan kanaan duras dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti itti gaafatamummaa fudhachuun biyyoota akka Sudaan Kibbaa fi Yamanitti hojjataa turan.