Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan namoota 'barbaadaman' Ameerikaan akka dabarsitee kennituuf gaafatte
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa namoota Ameerikaa jiraatan 'barbaadaman' dabarfamanii akka kennamaniif tumsi akka taasifamuuf ambaasaaddara Ameerikaa gaafate.
Poolisiin Federaalaa gaaffii kana kan dhiyeesse Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa kan ta'e Ervin Maasingaaf ta'uu Poolisiin Federaalaa ibsa Caamsaa 10, 2024 baaseen eereera.
Itoophiyaan "nagaafi tasgabbii biyyattii jeequudhaan nan isaan barbaada" namoota jettu akka dabarfamanii kennamaaniif tumsi kan gaafatame Komishinarri Poolisii Federaalaa Jenraal Dammallaash Gabre-mikaa'eliifi Ambaasaaddar Erviin Maasiingaa marii Jimaata gaafa Caamsaa 10, 2024 taasisanirratti ta'uun ibsameera.
Komishinarri Poolisii Federaalaa Demmellaash Gabre-Mikaa'el "biyya Ameerikaa keessa taa'uudhaan namoonni nagaafi tasgabbii keenyaa jeequudhaan barbaadaman dabarsitee kennuudhaan" gama Ameerikaatiin tumsi akka taasifamuuf Ambaasaaddarichaaf gaaffiisaanii dhiyeessaniiru.
Waa'ee qaamolee "nagaafi tasgabbii biyyattii jequudhaan barbaadamu" jedhamanii eenyu akka ta'an ibsi Poolisii Federaalaa hin eerre.
Ambaasaaddar Erviin Maasiingaa gamasaaniitiin, Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yakkamtoota Ameerikaan barbaaddu dabarsee kennuudhaan gumaacha inni taasiseef galata dhiyeessuun isaanii eerameera.
Biyyi isaaniis Poolisii Federaalaa Itoophiyaatiif deeggarsawwan wal fakkaatu akka taasiftuuf gahee isaanirraa eegamu akka bahan AMbaasaaddar Masiingaa himuusaanii ibsa kanarratti eerameera.
Itoophiyaafi Ameerikaan waliigaltee yakkamtoota dabarsanii waliif kennuu qabaachuu baatanis, Itoophiyaan waggoota muraasa dura dhalataa Itoophiyaa ajjeechaa namoota lamaatiin Ameerikaan barbaadaa turte Yohaannis Nasibuu nama jedhamu dabarsitee kennuun ishee ni yaadatama.
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa Biiroo Qorannoo Federaalaa Ameerikaa (FBI) waliin hariiroo qabu caalaa cimsuudhaaf Ambaasaaddarichi gahee gamasaanii akka bahan Komishinarichi waamicha dhiyeessaniiru.
Embaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru Ambaasaaddarichi Komishinaricha waliin mariyachuu ilaalchisee ibsa baaseen gama namoota barbaadaman dabarsanii kennuutiin wanti eereeru jiraachuu baatus, raawwii seeraa ummataafi qaamolee haqaa ilaallaturratti mariyataniiru jedheera.