Finfinneetti mataa dubartii tokko keessaa xannachi 1.3Kg ulfaatu bahe

Dubartii wallaansa xannacha sammuu argatte

Madda suuraa, Dr Garramoo Sanbataa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Dubartiin umuriin ganna 28 tokko dhukkubbii mataa cimaa ta’ee fi dhiitaa naannoo mataa isheerratti mul’ate yaalamuuf ture kan Hospitaala Ispeeshaalitii Alarti deemte.

Ispeeshaalistii yaala sammuu fi Ispaayinaalkoordii kan ta’anii fi dursaa garee baqaqsanii yaaluu kanaa, Dr Garramoo Sanbataa BBC'tti akka himanitti, xannachi kun guddachuurraa kan ka’e yeroo yaalaaf dhuftu gaggabdoo fi dhukkubbii mataa cimaa qabdi ture.

“Mallattoo dhiita’uu waggaa lamaa oliif irra ture qabdi. Kana waliin mataa dhukkubbii fi gaggabdoos qabdi. Amalli geggeedaramuunis isheerraa mul’ata ture. Qorannoo taasifameen xannachi guddaan keessa sammuu fi buqqee mataa nyaatee fixee fuuldurattuu guddatee baheera,” jechuun haala yaaliichaan dura dubartii tanarratti mul'aa ture ibsan.

“Baqaqsanii yaaluun akka barbaachisu, yaaliin kun walxaxaa fi dhiigni akka dhangala’uu danda’u, lafeen muramee kan biraatiin akka sirreeffamu hunda hubachiisnee hojiin xannacha kana baqaqsanii yaaluu raawwatame,” jedhan.

Baqaqsanii yaaluun sammuu fi buqqee mataa kuni Hagayya 15 bara 2016 akka raawwatame kan himan ogeessi fayyaa kun, yaaliin isaa sa’aatii ja’aa fi daaqiiqaa 40 akka itti fudhate himan.

“Baqaqsanii yaaluu akkana kana muxannoo waan qabnuuf waan barbaachisu hunda qopheeffannee jalqabne. Xannacha lafee sammuu nyaatee fuulduratti bahe murree baasne. Eegasii lafee nyaatame sana murree bakka buusne”

“Yaalii sa’aatii dheeraa fudhate kanaan xannacha 1.3Kg kana guutumatti dhabamsiisnee yaalicha milkaa’inaan xumuruu dandeenyeerra,” jedhan.

Dhukkubsattuun kunis yaaliidhaan booda fayyummaa gaarirra akka jirtuu fi qorannoo yaalii booda taasifameenis wanti hundi milkaa’aa akka ture hubanneerra jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartiin ganna 28 xannachi sammuu ulfaatina olaanaa qabu jedhamu baqaqsanii yaaluun keessaa baafameef kunis guyyoota lama booda fooyya’iisa argachuun gara manaatti deebi’uus himan.

Sammuu keessatti xannachi uumamee guddachuun yeroo adda addaatti waan mudatu ta’ulleen ulfaatina sammuu (1.2Kg hanga 1.4Kg) kan caalu naannoo sammuu keessaa yoo baafamu hedduu kan baratame akka hin taanes dubbatu.

Xannachi sammuu akka uumamuuf wantoonni jala muramee kana jedhamu murtaa’ee jiraachuu baatus namootni carallaadhaaf saaxilaman carraan xannachi kuni irratti uumamuu olaanaa ta’uus himu.

“Namoonni yaala adda addaatif carallaa fudhatan, dubartoonni hormoonii bakka bu’iisaa fudhatanii fi namoota kaan irrattis mul’achuu waan danda’udha,” jedhan.

Mallattooleen sammuu keessatti xannachi uumamuu agarsiisuu danda’anis dhukkubbii mataa ganama ganamaa, dhiita’uu mataarratti mul’atu fi karaa fuulduraa duubaa fi maddiinis ta’uu mala. Kan biraa amala jijjiiruu, mufachuu fi gaggabdoos agarsiisuu malu” jedhan.

Namootni mallattoolee kunneen ofirratti yeroo arganitti gara dhaabbilee fayyaa deemanii qorannoo gochuun yaala barbaachisu argachuu qabu jechuunis dhaaman Dr Garramoon.