Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaanfa Afrikaatti sababa hongeen daa'imman miliyoona 20 rakkoo hamaaf saaxilamaniiru-UNICEF
Sababa hongee Itoophiyaa, Keeniyaafi Somaaliyaatti mudateen lakkoofsi daa'imman rakkoo hamaaf saaxilamanii ji'a shan keessatti dachaan dabaluu UNICEF beeksise.
Akka gabaasa UNICEF kanaatti sababa jijjiirama haala qilleensaa, qaala'insa jireenyaa sadarkaa addunyaatti uumameen, walitti bu'insaafi hanqina omishaarraa kan ka'een beelaafi dheebuu hamaaf, akkasumas dhukkubaaf saaxilamaniiru.
Lakkoofsi daa'imman rakkoo hamaaf saaxilamanii kan Adoolessa darbe keessa miliyoona 10 ture amma gara miliyoona 10.2tti ol-guddateera.
Itti-aantuun itti-gaafatamtuu UNICEF damee Bahaafi Kibba Afrikaa Liikee Vad Dewiil ibsa dhimma kana ilaalchisuun kenniteen, rakkoo hongeen kun qaqqabsiise hambisuudhaaf carraaqqiin taasifamu xiqqaa waan ta'eef hongeen Gaanfa Afrikaatti dhalate dhaloota lamaa oliif hammaatee itti fufeera jette.
"Lubbuu daa'immaniifi maatii isaanii sababa beelaafi dhukkubaan miidhamaa jiranii baraaruuf, akkasumas dandeettii rakkoo dandamachuu isaanii cimsuudhaaf gargaarsi namoomaa itti fufuu qaba," jette.
Biyyoota Baha Afrikaa sadan keessatti daa'imman miliyoona 2 ta'an hanqina hamaa nyaata madaalawaa dhabuu waan isaan mudateef gargaarsi atattamaa akka isaan barbaachisu amanama jedheera UNICEF.
Dhiibbaa hongeen kun geessisaa jiruun maatiin eegumsi taasifamuuf balaarra bu'eera. Kun ammoo daa'imman hojii humnaaf dirqamuu, daa'imman umurii malee akka eerumaniifi dubartoota kittaanuun akka guddatu taasiseera.
Kana malees, wabiin nyaataa mirkanaa'uu dhabuufi buqqaatiin haleellaan saala irratti hundaa'e daran akka hammaatu taasiseera jedhe UNICEF.
UNICEF deeggarsa michoonni isaafi jaarmiyaaleen gargaarsaa biroo taasisan irraa argatuun Gaanfa Afrikaatti tajaajila lubbuu baraaruu taasisaa jiraachuu eereera.
Hongee sababa hanqina roobaa waggoota shaniif walitti aansee Itoophiyaa, Keeniyaafi Somaaliyaatti haala argamee hin beekneen mudateefi xiyyeeffannoo gadi aanaa waqtii itti aanuuf kennamerraa kan ka'een hanqinni maallaqaa mudachuu akka danda'us akeekkachiiseera dhaabbanni kun.
Dhuma bara kanaa daa'immanifi dubartoota miliyoona lama ta'aniif wallaansa fayyaa atattamaa taasisuu kan ibse UNICEF, daa'imman umuriin isaanii ji'a 6 hanga waggaa 15 jiran miliyoona lama talaallii dhibee gifiraa argataniiru jedheera UNICEF.
Namoonni miliyoona 2.7 ta'an ammoo bishaan qulqulluu barbaachisuuf akka qaqqabsiise kaasuun, bara itti aanu kana keessatti ammoo hojii lubbuu baraaruuf hojjetu keessatti maallaqni dolaara miliyoona 759 akka isa barbaachisu himeera.
Kana malees, hojii rakkoo jijjiirama haala qilleensaan dhufe dandamachuu keessatti hojjetuuf ammoo maallaqa dabalataa dolaara 690 akka isa barbaachisu ibseera.
Itti-gaafatamtuun kun hongeefi rakkoo inni Baha Afrikaatti qaqqabsiise furuudhaaf mootummoonni deeggarsa akka taasisan kan gaafatan yoo ta'u, "Gaanfa Afrikaatti badiinsi hamaafi deebisuu hin dandeenye kan biraan akka hin dhufne gochuuf deeggarsa hawaasa idil-addunyaa barbaadna. Lubbuu daa'immanii baraaruudhaaf, kabaja isaanii eegisuudhaaf, akkasumas carraa isaanii gara fuula duraa eeguudhaaf ammuma tarkaanfiin fudhatamuu qaba," jechuun ibiste.
Hongee Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaatti mudate lakkoofsaan maal fakkaata?
- Sababa hongeetiin namoonni miliyoona 2 ta'an qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.
- Namoonni miliyoona 24 ta'an ammoo rakkoo bishaan dhugaatii keessa jiru.
- Daa'imman miliyoona 2.7 ta'an sababa hongeerraa kan ka'een barumsa addaan kutaniiru.
- Daa'imman miliyoona 4 ta'an ammoo sababa homgee kanaan barumsa addaan kutuu danda'u jedhamee sodaatamaa jira.