Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan marsaa saddeettaffaaf Yukreen misaayelaan haleelte
Raashiyaa torbee saddeet keessatti iddoowwan Yukreen irratti qiyyaafatte yeroo saddeettaffaaf haleelate. Sababa kanaan naannoo baha biyyatti irratti addaan cituun humna elektririikaa akka mudate ni himama.
Akka Yukren jettutti namoonni afur ajjeefamaniiru. Tahus haleellaan miilanaa kan torbee lama booda kan adeemsifame yoo tahu miidhaa jabaa hin dhaqqabsiifne.
Misaayelota Raashiyaadhaan darbataman 70 keessaa jaatama lafaan dhaheera jetti Yukreen. Raashiyaan immoo iddoowwan irratti qiyyaafadhe 17 hunda haleeleera jetti.
Pireezidantiin Yukireen haasaa viidiyoodhaan Wiixata kaleessaa kenneen haleellaa misaayeelaa kuni humna ibsaa biyya ollaa Moldoovaas miidheera jedhe.
''Raashiyaan haleellaa shororkeessummaa jabaa qaqqabsiisuuf dandeettii qabaachuunshee Yukreeniif qofa osoo hin taane, biyya ollaafi naannoofillee yaaddoo dha,'' jedhe
''Haleellaan Raashiyaan kana dura taasifte humna elektiriikii Yukreen irratti miidhaa geessisuun, namoota miiliyoonaan lakkaa'aman waqtii qorraaa keessatti aannisaa malee hambiseeras, '' jedheera.
Raashiyaan haleellaa akka haaraattii akka jalqabdu guyyoota baayyeef himamaa tureera.
Buufata xiyyaaraa Raashiyaa lama irratti dhohinsi walitti fufaa dhaabsisuun booda Raashiyaan Misaayela kana erguu dubbatti. Dhohinsa Raashiyaatti qaqqabeefis Moskoon Yukreeniin himateetti.
Buufata xiyyaaraa kanatti hojjettoonni sadii yoo ajjeefaman, xiyyaarri lama immoo miidhaan salphaa irra gaheera, jedhe ministeerri ittisaa Raashiyaa. Yukreen dhimma kana irratti homaa hin jenne.
Haleellaan misaayilaa Raashiyaa miilanaas injinaroota elektiriikaa Yukreen irratti hojii suphaa itti baayyiseera.
Raashiyaan haleellaa qindaa'aa humna ibsaa Yukreen irratti adeemsiftu Onkololeessa 10 jalqabde. Ergasii bu'uuraaleen misoomaa biyyattii walakkaa tahu barbadaa'eera. Uummati Yukreen miiliyoonaan lakkaa'amus yeroo teempireechariin zeroo dhaa gadi tahee jirutti aanniisaa dhabeetu jira.
Biyyoonni Lixaa tokko tokko tarsiimoo haleellaa kana, yakka waraanaa ittiin jedhaniiru. Kunis bu'uuraale misoomaa uummatni nagaa itti fayyadamu waan mancaaseefi.
Haleellaan humna elektiriikii irraati taasifamu seera addunyaalessaa cabsuudhaa baatus, faayidaa waraanaa garuu ni qabaata.
Raashiyaan hunma elektiriikii haleeluun mala uummata ittiin hamilee cabsuufi gooluuf gargaaramtu malee faayidaa waraanaa qabatamaa tahee hin argattu jedhu ogeessonni.
Kunimmoo seera idila addunyaa Konveenshiniin Jiniivaa ni sarbas jedhu..