Faransaayitti hiriira deeggarsa Paalistaayinirratti poolisiif hiriirtonni walitti bu'an

Madda suuraa, Reuters
Magaalaa guddoo Faransaay Paaris keessatti hiriira deeggarsaa Paalistaayinootaa mootummaan biyyattii ''dhorkamaadha,'' jedhe bittimsuuf gaazii imimmaanessuu fi konkolaattotaa bishaan biifan fayyadame.
Ministirri dhimma biyya keessaa Jeraald Darmaniin kanneen dhorkaa kanaaf hin bitamne ''qaabeenya uummataa mancaasuuf qophaa'u waan ta'eef to'annoo jala oolu,'' jedhan.
Dhorkaan kun wayita labsamee jirutti guyyaa Kamisaa deeggartoonni Paalistaayiin kumootaan lakkaa'aman magaalaalee akka Paaris, Liil, Boowdoowfi kaan keessattis walitti qabamaniiru.
Pireezidantiin biyyattii Imaanu'eel Maakroon uummatni walqoodinsa akka hin uumne gaafatan.
''Gaachanni tokkummaa jibbaafi wantoota humnaa oliirraa nu eega,'' jedhan dhaamsa gama Viidiyoon dhaamaniin.
Faransaay dhorkaa kana kan keesse dhibdeen Hamaasiifi Gaazaa dhalachuu hordofee biyyoota kaan keessattis sochiin jibba warra Jiiw ni babal'ata sodaan jedhu biyyoota Awurooppaa keessatti dabaluu sababeeffateeti.
Mootummaan dhorkaa kaahuu sa'aa muraasa booda dhalattootniifi deeggartootni Paalistaayin 3,000 ta'an magaalaa guddoo Paarisitti bahaniiru. Hiriira kana adda kutuuf Poolisiin konkolaataa bishaan biifu, aara ija nama gubuufi kaanis fayyadameera. Namootni 10 ol to'annoo jala oolaniiru.
Hiriirtoonni dhaadannoo ''Israa'el ajjeestuudha'' jedhuufi ''Paalistaayin ni injifatti'' jedhu alaabaa Paalistaayiin waliin qabatanii bahan. Hiriira magaalaa Liil keessatti gaggeefameenis akkasuma namootni 10 to'atamaniiru.
Deeggartootni Paalistaayin dhorkaan kun bilisummaa yaada ofii ibsachuurratti yaaddoo uuma jechuun, uummata Paalistaayin cinaa dhaabbachuu isaanii agarsiisuu akka itti fufan dubbatu.
Namni hiriira kanarratti argame tokko yaada Rooyitarsiif kenneen biyya ejjenno feetu qabachuufi yaadakee ibsachuu dandeessu keessa jirra ''isa kaaniif hayyamanii isa kaaniin dhorkuun haqa hin qabu'' jedhe.
Gama kaaniin Magaalaa guddoo Jarman Barliin keessattis qophii hiriira deeggarsaa Paalistaayin gaggeefamaa jiru dursee dhorkaan kaahameera.
Sabaabni ammoo akkuma Faransaay jette jibba warra Jiiwitu leellifama, jeequmsatu jajama kan jedhudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pireezident Makroon ''walqoodinsa akka idila addunyaatti jirutti daballee walqoodinsa biyyaalessaa akka hin uumne'' jechuun dhaaman.
Ammoo Hamaasiin ''dhaabbata shororkeessaa du'a Israa'elotaa barbaadudha'' ittiin jedhan.
Haleellaa Hamaa Sanbata xiqqaa darbe Israa'el irratti baneen walqabatee lammiileen Faransaay 13 lubbuu dhabaniiru.
Makroon warra du'uu isaanii mirkaneessaniin cinaatti, lammiileen isaanii 17 eessa akka jiran wallaaluu dubbataniiru. Tarii kanneen hidhattootni Hamaas butan keessa ta'u yaadni jedhus jira.
Warra kana biyyatti deebisuuf Faransaay Israa'eliifi qaamolee kaan waliin ta'uun ni hojjetti jedhu Makroon.
Makroon ''Israa'eel mirga balaarraa of ittisuu qabdi'' jedhanii, garuu ammoo miidhaa namoota nagaarra gahu hanqisuuf dirqama dimookrasii qabdi jedhnaiiru.
Faransaay warra Jiiw 500,000 dachiishee keessa kan jiraachiftu yoo ta'u, kunis biyya Awuroooppaa kamuu n caala.
Gama kaaniin uummatni Amantaa Islaamaa hordofu kan Faransaay keessa jiraatu miiliyoona shan akka ta'u tilmaamama. Kunis biyya Awurrooppaa kamuu ni caala.












