Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poostikaardiin namaaf ergame waggaa 121 booda iddoo itti ergame dhaqabe
Poostikaardiin karaa poostaa namaaf ergame tokko waggoota 121 booda bakka ergame sana dhaqabe. Taateen kun UK keessatti raawwate.
Kaardiin kennaa ayyaana Qillee ykn dhaloota Yesuus Kiristoos sababeeffachuun bara 1903 ergame, magaalaa Siwansii Daandii Kiraadok, gamoo Siwaansii jedhamutti ergame waggaa 121 booda dhaqabe.
Hojjettoonni mana poostaa poostikaardichi dubartii yeroo sana gamicharra jiraataa turte Liidiyaa Deevis jedhamuuf ergame jedhan.
Kaardiin kun amma kan ergameef firoota ishee walitti fiduuf gargaara jedhameeti.
Manni Poostaa Royaal Meel jedhamu, poosti kaardiin kun akka hin banneef siistama isaaniitti deebi'uun akka taa'u hime.
Waggaa 100 oliif mana poostichaa keessa ture. Yeroo sana ergamee nama ergameef sana argachuu waan hin dandeenyeef gara mana poostichaatti deebi'ee ture.
Posti kaardii kana nama Ewarti jedhmautu barreesse. ''L'' jechuun kan barreesseef yoo tahu, ''baay'een gadda'' waan naa ergite sana fudhachuu hin dandeenye jedhe.
''Nan gadda, garuu haala gaarii keessa jirta jedheen abdadha'' jedhee barreesse.
Ewarti itti fufuun giphii [kiisii] keessa Shilingii kudhan qabadheera. Kanaaf gatii baaburaaf yaaddoo hin qbau jedhe.
Dhuma irratti Liidiyaadhaan ''Jiilbertii fi Joon argachuu hin dagatiin'' jedhee booda ''Hunda keessan nan jaalladha'' jechuun mallatteessee erge.
Henerii Darbii namni jedhamuu fi Ofisera komunikeeshinii 'Swansea Building Society' jedhamuu osoo poostaawan ergaman sirreessaa jiruu poosti kaardiin kun bu'e jedhe.
Eenyuuf akka ergame odeeffannoo muraasan karaa oonlaayinii argadhe jedhe.
''kanaaf karaa miidiyaa hawwaasaa maxxansuun namni isheetti dhiyaatu ykn fira ishee tahee beekuun yoo jiraate ni dhufa'' jennee maxxansine jedhe.
Heneriin namni Joon jedhamuun poosti kaardicha irratti maqaa dhahame nama haadha warraa isaa Maariyaa fi ijoollee isaa jaha waliin bakkicha jiraachaa turu tahuu hime.
"Isaan keessaa kan hangafaa Liidiyaadha. Yeroo poosti kaardiin kun ergameef umuriin ishee wagaa 16 taha.
Dubbii himaan Royal Meel, ''carraa poosti kaardiin kun gara siistema keenyaatti deebifamuuf qabu guddaadha. Waggaa 100 caaluuf erga dhabamee turee ammas achumaan akka hin banneef deebi'uu qaba'' jedhe.
''Yeroo meeshaan kamiyyuu siistema keenya keessa tahu, bakka jedhametti geessuuf dirqama qabna,'' jedhe.