UStti dhohiinsa warshaa meeshaa waraanaatti mudateen achi buuteen namoota hedduu dhabame

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

US keessatti dhohiinsa warshaa dhootuwwan meeshaalee waraanaa omishu keessatti mudateen namoonni 19 achi buuteensaanii dhabamuu poolisiin beeksise.

Dhohiinsi kun Teenis irraa fageenya km 90 irratti kan argamtu kibba baha Neeshviilitti Jimaata, Onkoloolessa 10, mudate.

Ajajaa poolisii Kaawuntii Hamfireeyis kan ta'an Kiriis Deevis akka jedhanitti kanneen du'aniin alatti namoonni dhohiinsa kanaan miidhaman hospitaala dhiyeenyatti argamutti geeffamaniiru.

Dhohiinsa warshaa dhootuwwan meeshaalee waraanaa omishu kanatti mudateef hanga ammaa sababni isaa akka hin baramnes himan ajajaan poolisii kun.

Viidiyoowwan qoodaman irraa akka mul'atutti konkolaatawwaniifi warshichi mancaa'ee gubatee dirree keessa faca'eera.

Lakkoofsa namoota du'anii ilaalchisee poolisiin odeeffannoo kennuu irraa of qusateera.

Ajaajan poolisii Kiriirs Deeviis akka jedhanitti dhohiinsi jalqabaa mudachuu hordofee hojjattoonni lubbuu baraaran yeroo qaqqaban dhohiinsi lammataa mudachuun hojjattoonni lubbuu baraaran akka duubatti deebi'an godhe.

Hojjattoonni warshicha keessa hojjataa turan "achi buutensaanii dhamabeera ykn du'aniiru" jechuun dubbatan.

Qondaalli poolisii kun akka jedhanitti, dhohiinsi mudate baay'ee guddaa ta'uurraa kan ka'e fageenya km 25 irratti sagaleen dhohiinsaa dhagahameera.

Dhohiinsi warshaa meeshaa waraanaa keessatti mudate tasa kan mudateedha moo itti yaadameetu jedhamuun kan gaafataman Kiriis Deevis, "dhugaasaa bira gahuuf [itti yaadameetu] jennee ka'uu dandeenya" jechuun akka qoratan ibsan.

Bulchaa Bulchiinsa Teenis kan ta'an Biil Lii fuula miidiyaa irraatti taatee mudate "balaa rifaasisaa" jechuun ibsan.

Warshaan lafa bal'aa irratti ijaarame dhootuwwan akka C-4, TNT fi dhootuwwan meeshaalee waraanaa gurguddoofi kaan kan omishu yoo ta'u, dhootuwwan omishamanii man-kuusaa keessa jiran heddus akka ta'antu himame.

Warshaa kana kan hoogganu dhaabbata Accurate Energetics Systems yoo ta'u, balaan mudachuu hordofee warshi guutummaan hojii dhaabuu poolisiin beeksise.

FBI fi qondaalonni nageenyaa bakkichatti argamuun haalli jiru amma tasgabbaa'uu kan beeksisan Kiriis Deeviis, hanga maaltu akka mudate hanga adda baafamutti humnoonni nageenyaa guyyootaf bakkicha akka to'anis ibsan.