Kora dubartootaa idiladdunyaarratti Somaaliyaarraa dhiironni hirmaachuun dheekkamsa kaase

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Kora dhimma dubartootaa irratti mari'atu kan karaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii qophaa'e kanarratti Somaaliyaarraa dhiironni bakka bu'anii hirmaachuun lammiilee biyyattii dheekkamsiiseera.

Ministirri Dhimma Maatii Somaaliyaa Jenaraal Bashaar Mohammad Jaamaa fi jilli dhiirotaa kaan kora waa'ee dubartootaa qofarratti mari'atu irratti dubartoota gidduu taa'anii wayita hirmaatan suuraa agarsiisu feesbuukiisaaniirratti maxxansuu hordofeeti miidiyaa hawaasummaarratti dheekkamsi kan hammaate.

''Kora dhimma dubartootaa irratti Somaaliyaarraa dhiironni bakka bu'uun hirmaachuun mootummaan biyyattii dubartootaaf bakka akka hin kennine fi akka dhimma irraa hin qabne mul'isa,'' jechuun barreessituu beekamtuu fi falmituun mirga dhala namaa Somaaliyaa Fatiyaa Absee BBCtti himte.

Qondaalli mootummaa olaanaan tokko ammoo kora sana keessaa Somaaliyaarraa kan hirmaatan dhiirota qofa osoo hin taane dubartoonnis turaniiru jechuun BBCtti himan.

Jila Somaaliyaa miseensota afur of keessaa qabu keessa dhiirota lamaa fi dubartoota lamatu jiru jedhan qondaalli kun.

Kora Niwu Yoorkitti gaggeeffame kanarratti Somaaliyaa bakka bu'uun dubartoonni lama hirmaachuu fi garuu ammoo suuraa miidiyaa hawaasummaa irratti maxxansan keessa akka hin galchine ibsan.

Kora kanarratti biyyoota 57 irraa namoonni 197 kan galmaa'an yoo ta'u, kanneen keessaa 21 dhiirota ta'uun ibsameera.

Korri jalqaba torbee kanaatti gaggeeffamerratti suuraan hirmaattota Somaaliyaa irraa argamanii erga ba'ee booda lammiilee biyyattii baayyee mufachiise.

Jilli Somaaliyaa dubartoota ta'uun hafee dhiironni qofti mul'achuun mootummaan Somaaliyaa dubartootaaf xiyyeeffannaa barbaachisaa akka hin kennine agarsiise.

Suuraalee kora kanarratti kaafamuun X irratti maxxanfaman keessaa suuraan ministirri Somaaliyaa Jenaraal Jaamaa fi gorsaan isaanii (duraan miseensa mana maree kan turan) Abdullaahii Goodaah Baaree waliin ka'an, kan biraa ammoo iddoo walga'iitti nama gargaaraa isaaniitti jedhame waliin kan ka'an dubbii kaaseera.

''Kora sanarratti dhiira keessaa kan hirmaatan ministira kana qofa miti. Chaayinaa fi Jaappaan akkasumas biyyoota kaan irraas minsitiroota dabalatee dhiironni hedduun turaniiru,'' jechuun hoogganaasaaniif falman namni Mohammad Bashaar jedhaman.

Namni kun ministeera maatii fi misooma namaa keessatti qondaala mootummaati.

Qondaalli kun dabaluun bakka bu'oonni dubartootaa lamaan konfiraansii kanarratti hirmaatan qondaala waraanaa beekamaa Imaan Elmaan fi hojjettuu ministirichaa Saadiyaa Mohaammad ta'uu BBC'f ibsaniiru.

Kana hordofuun aarii fi qeeqni miidiyaa hawaasummaarratti babal'ate kun mootummaan Somaaliyaa ji’a Adoolessaa keessa maqaa Ministeera Dubartootaa fi Mirga Namoomaa gara Ministeera Maatii fi Misooma Namoomaatti jijjiiruuf murteesse irratti dheekkamsa ture deebisee kaase.

Maqaan ministeerichaa yommuu jijjiiramu, qondaalli waraanaa olaanaa dhaabbata basaasaa fi bulchiinsa manneen sirreessaa biyyattii hoogganan Jeneraal Jaamaa ministeera ta'uun muudaman.

Dubartoonni Somaalee waggootaaf waraana biyya keessaa yeroo dheeraa keessa turanii fi yeroo dhiyoo asitti dhiibbaa hidhattoota Islaamaa ofiin jedhan jala turan biyyattiitti nagaa buusuuf shoora olaanaa taphataniiru jedhama.

Kana malees dubartoonni Somaalee hedduun hooggantoota ta’anii hirmaannaa siyaasaa bal’aa qabaachuuf yaalii gochaa turaniiru.

Haa ta'u malee lakkoofsi dubartoota Somaalee siyaasa biyyattii keessatti iddoo ijoo irra jiranii ammallee xiqqaadha.

Namoonni hedduun ministeerri dhimma dubartootaa dhiiraan qabamuu kan morman yoo ta'u, gariin ammoo hoogganaan dhiiraa muuxannoo qabu bakka kana qabachuun homaa miti jechuun falmu.