Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Macaafi Qulqulluu umurii waggaa 400 caalbaasiif dhiyaate
Macaafi Qulqulluu umurii wagga 400, kan hundeessituu magaalaa Masachusaats keessa jiru tokkoon gara Addunyaa Haaraatti geeffame, Baha Belfaastitti caalbaasiif dhiyaachuuf jira.
Macaafi Qulqulluu Jineevaa kun gatii paawondii 5,000 hanga 10,000 gidduu baasisuu akka danda’u Caalbaasiin Biloomfiild tilmaameera.
Bara 1615’tti kan maxxanfame Macaafi Qulqulluu kun, bara 1633’tti Elizabeet Pool biyya amma Yunaayitid Isteet (US) jedhamee beekamutti geeffame.
Ingilaand magaalaa Devoon irraa kan taate Elizabeet, bulchiinsa Masachusaats keessatti magaalaa Toonton jedhamu hundeessiteetti.
Ameerikaa Kaabaa keessatti magaalaa hundeessuun, Elizabeet dubartii magaalaa hundeessitee ishee jalqabaa akka taatetti beekamti.
Macaafi Qulqulluu Jineevaa, makaanikiin fi heddumminaan maxxanfamee Macaafa Qulqulluu uummataaf dhiyaate isa jalqabaadha.
Jarraa walakkaan Macaafa Qulqulluu Kiing Jeemsi dursuun, Macaafi Qulqulluu Jinevaa jalqaba kan maxxanfame bara 1560’ttidha.
Kan amma Kibxata calbaasiitti gurguramuuf jedhu Macaafi Qulqulluun kun, qabeenyummaan isaa kan Elizaabeet Pool yoo ta’u, isheen obboleessa ishee waliin gara Kolonii Pilaaymaawzitti imaltee turte.
Macaafi qulqulluu kun kan maxxanfamee Roobart Beekar, maxxansaa Elizaabeet I, Jaames I fi VI tureenidha.
Hogganaan Caalbaasii Biloomfiild Kaarl Beneet, seenaa keessatti barbaachisummaa qabuufi US ammayyaa waliin hidhata waan qabuuf, Macaafi Qulqulluu kun feedhi addunyaa ni qabaata jedhee akka yaadu ibseera.
Tajaajila Waldaa fi hiyyeeyyi Devoon keessa jiraniif taasise yaadachuuf jecha Macaafa Qulqulluu kana abbaa Elizabeetiif kan kenne Luba Kanterburii Sir Wiiliyaam Poole ture.
Yeroo Elizaabeet du’aan boqotteetti Macaaafi Qulqulluu kun maatii ishee Devoon jiranitti deebifamee, hanga walakkaa jarraa 20ffaa keessa daldalaa Kaaba Ayerlaand tokkotti gurguramutti isaan bira ture.
Amma akka kusaa dhuunfaa keessaa tokkootti mana jireenya namicha tokko irraa calbaasiif dhiyaata.
Mi’i biroo caalbaasiif dhiyaatan keessa fakkii bara 1853 fi fakkiin 1895, lamaanuu kan artistii Viktooriyaanii, Toomaas Sidnii Kuuper jedhamuu ni argamu.