Sababa 'imaltoota machaa'aniin' xiyyaarri kallattii jijjiiruuf dirqame

Xiyyaarichi (suuraan kuusaa keessaa fudhatame) deebi'ee lafa deemuu ka'e dhaqqabeera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarichi (suuraan kuusaa keessaa fudhatame) deebi'ee lafa deemuu ka'e dhaqqabeera
Maxxanfame

Xiyyaarri Landanii ka’ee gara Ameerikaa Niiw Jersii imala eegale imaltoonni lama machaa’uun isaanii hin oolle jedhaman erga ‘’jeeqan’’ booda kallattii isaa jijjiiree Meyiin qubate.

Daandiin Qilleensa Yunaayitid akka beeksisetti, balaliin lakkoofsa UA883 Jimaata ganama ture buufata xiyyaaraa Hiitiroow irrraa kan ka’e.

Xiyyaarichi bulchiinsa Niiw Jersii magaalaa Newaark qubachuuf yaade. Haa ta’u malee, kallattii isaa jijjiiree Buufata Xiyyaaraa Baangor qubachuuf dirqame.

Ibsa Daandiin Qilleensaa Yunaayitid BBC’f ergeen, imaltoonni lama machaa’uun isaanii hin oolle jedhaman poolisiin xiyyaararraa buuseera.

Imaltoonni lamaan kunneen balalii daandii qilleensichaa gara fuulduraatti taasifamurraas ni dhorkamu jedhame.

Akka ragaan FlightRadar agarsiisutti, xiyyaarichi sa’aatii torbaaf Garba Guddaa Atilaantikiirra erga imalee booda ofirra deebi’e.

‘’Balaliin Yunaayitid lakkoofsa 883 imaltoonni machaa’an fakkaatan erga jeeqan booda ganama kana Baangor qubateera,’’ jedha ibsi dhaabbatichaa.

‘’Humnoonni nagaa kabachiisan imaltoota lamaan erga buusan booda balaliin irra-deebi’ee gara Buufata Xiyyaaraa Libertii Niwaark argamutti qajeele.

‘’Dhimma kana kan qorannu yoo ta’u maamiltoonni imala gara fuulduraa xiyyaara Yuaanyitidiin taasifamurraa dhorkamaniiru.’’

Xiyyaara kanarratti imaltoonni 150 fi hojjettoonni dhaabbatichaa 10 turan.

Eegasii xiyyaarichi lafa dhaquu fedhe deebi'ee balali'ee nagaan qubateera.

Bulchiinsi Balalii Federaalaa Ameerikaa taatee kana ‘’jeequmsa imalaa’’ jechuun ibse.

Poolisiin Baangor gama isaan qondaalonni isaanii imaltoota lamaan buusuu ibse.

Dabalees, Eegdota Daangaafi Gumurukaa akkasumas Biiroo Qorannoo Federaalaa (FBI) kan Ameerikaa qorannicha taasisaa jiran tumsuullee beeksise.