Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan hidha guddicha Yuukireen haleellaan lolaan manneetii irra bahe
Haleellaa misaayela Raashiyaan hidha guddicha magaalaa lixa Yukreen jiru irratti raawwate balaa lolaa uumuudhaan jiraattonni iddoo balaan hin jirretti akka baqatan aangaa’oonnii gaafatan.
Magaalli naannoo hidha kanaa bakka pirezidaanti Volodmir Zeleniskiin itti dhalatanidha.
Iddoon 22 aanaa lama keessa miidhaaf saaxilamuu hogganaan magaalicha oleeksaandaar Viikuul kaleesa akeekkachise. Garuu amma haalichi to'annoo isaanii jala tahuu ibsaniiru.
Sekoondii tokko keessatti bishaan kuubiikii meetira 100 iddoo caban keessa yaa’uu fi haala sodaachisaa ta’een bishaan ol kaʼaa jiraachuu aangaa’ooni himan.
Raashiyaan haleellaa Yuukireen ofirraa qolachuuf irratti gaggeesite haaloo bahachuuf haleellaa kana gaggeesite jetti Yukreen.
Haleellaa hidha kana hordofee Pirezidaantiin Yukreen Voolodimiya Zelenskii Raashiyaa “biyyaa shororkeessitootaa” jechuun ibse.
“Isin sodaataa ulfina hin qabneedha, kan dirree waraanaa baqate fageennan miidhaa geessisuun uumataa nagaa lolu,” jechuun Zelenskiin kan magaalaa Kryvyi Riitti dhalate kaleesa galgala ibse.
Jechi kuniin injiffannoo dhiheena kana loltoonni Yukreen naannoo Kaarkiivitti argatan irra kan ka’e.
Milkaa’inni Yukreen hagam akka ga’u garuu BBCn hin mirkaneeffanne.
Ibsa isaa keessatti Zelenskiin hidhichi xiyyoo waraanaaf faayida tokkoo kan hin qabne jedhan.
Haleellaa kana hordofee hanqinni bishaanii magaalaa weerara Raashiyaa duraan jiraattota 600,000 qabu kana mudate. Aangaa’oonni garuu haalasaa to’achuu akka danda’an himan.
Haleellaa misaayela raawwatame jedhama kanarratti Mooskoon hanga amma waan jedhu hin qabu.
Ammaan dura garuu Raashiyaan humna tajaajila ibsaa rukutuun baha Yukreenitti uumataa miliyoonaan lakka’amurraa ibsaa fi ho’a mulquu dubbatteetti
Kaleesa ganama Zelenskiin magaalaa Iziyuum kan loltoonnisaani Raashiyaarra deebistee to’atte daawwateertaniiru.
Loltoota haleellaa ofirraa qolachuu gaggeesan galateeffachuun, alabaan Yukreen magaloota fi gandoota Raashiyaan to’atame hunda keessatti akka deebi’uu waadaa gale.
Saffisni loltoonni Yukreen lafa to’achaa jiraniin loltoota Raashiyaa akka tasaa qabateera, iddoo gariitti loltoonni Raashiyaa uffatasaani baafachuun uumataatti makamuu himan.
Raashiyaan loltoonnishee magaaloota naannoo Karkiivii gariin keessa bahuu himteetti- ta’us kuni baqa akka ta’e fudhachuu diduun,loltoonnisaani of gurmeessaa jiran jetti.
Kunis garuu biyyoota lixaa fi Raashiyaa keessas fudhatama hin qabu.
Erga loltoonni Yukreen naannolee Raashiyaan to’ate deebistee to’atte himanaan yakka waraana loltoota Raashiyaan gaggeeffame mul’ateera.
Jiraattonni naannoo karkiivii magaalaa Balakiliyaa loltoonni Raashiyaa buufata poolisii magaalichatti dhiphinaa cimaa uumataa nagaa irratti gaggeessuu BBCtti himan, namoonni garii to’annoo jalatti ibiddaan gubamuu himan.
Raashiyaa irra deddeebiʼuudhaan uumataa nagaa irratti xiyyeeffachuu waakateetti.
Ammaatti Raashiyaa naannolee Yukreen shan keessaa tokko to’ateetti, garuu magaaloonni naannoo Donbaas kan jalqaba waraana to’annoo Raashiyaa jala galeetti Yukreen haleellaa gaggeessaa jirti.
Magaalaa guddicha Yukreen Kiiv dabalate naannolee kaabaa fi kaaba bahaa biyyattii jiran Bitootessa to’achuu dadhabuun, Mooskoon amma magaalaa Donbaasitti kan waraanan dura to’annoo loltootasaani jala jirutti xiyyeeffateetti.
Guyyaa Wiixata Kiremiliin, “karoorri Raashiyaa ganama qabattee hanga milkaa’utti” oppireeshiniin jalqabame ittima fufa jechuun ibsan.
Loltoonni Yukreen haleellaa ofirraa qolachuu naannoo lixa Kaarsonitti gaggeesaa jirti, garuu sochiin isaani kaan saffisamiti.