Arsenaal dirreen ala goolii roobsee darbamoo Niiwkaasil ammas waancaaf darba?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Niiwkaasiliifi Arsenaal dirree St Jeems Paarkitti waancaa Kaarbaawoof darbuuf tapha dhaqaa galaa isa lammataa har'a galgala taphatu.

Arsenaal tapha jalqabaa dirreesaa Emireetsitti goolii Alekzaander Isaakiifi Antonii Goordon keessummeessuun 2-0n injiftameera.

Galgala kana Arsenaal yoo xiqqaate garaagartummaa goolii sadiin injifachuutu irra jira.

Niiwkaasiil injifannoosaa eegsifata yoo ta'e ammoo waggaa 56 booda yeroo duraaf waancaa arguuf fiixeerra gaha.

Arsenaal tapha kanaaf kan dhiyaatu Dilbata darbe Emireetsitti Maanchistar Siitiirrattii goolii shan roobsee tokko itti galuun injifannoo guddaa wayita dhadhamettidha.

Arsenaal qabxii kana jijjiiruu danda'aa?

Gareen Mikeel Arteettaa Niiwkaasiliin injifachuun salphaa akka hin taane beekamaa ta'us, gareen Eedii Haaw taphoota walitti aanu lama dirreesaatti gooliin lamaafi isaa ol itti galee injifatamee beeka.

Amajjii 18 Barnimaaz St Jeems Paarkitti imalee 4-1n injifateera. Fulhaamis Guraandhala 1, 2-1n injifateera.

Dhukaastotnimmoo dirreen ala goolii lakkoofsisuuf rakkoo akka hin qabne agarsiisaniiru. Bara dorgommii kana yeroo shan goolii sadii fi isaa ol dirree alagaatti lakkoofsisaniiru. Taphoota shan keessaa sadiirratti goolii shan galchan.

Leenjisaa Mikeel Arteettaa ''tapha kana dura yaada kenneen xiinsammuun garee kanaa tapha marsaa jalqabaafi amma erga Siitii injifannee booda jiru adda addaa jira. Nuuf kan itti aanu xumuraaf gahuudha. Kun hangam waan guddaa akka ta'e ni beekna'' jedhe.

Arteettaan taphni Siitii ittiin injifataniifi haalli itti injifatan kaka'umsa guddaa akka itti hore dubbateera.

Haata'u malee seenaa waancaa Karabawoo yoo ilaallu Arsenaal tapha marsaa duraa mo'amee isa lammataatti qabxii jijjiiruun milkii guddoo hin qabu.

Yeroo lama qofa mo'amee ka'ee marsaa lammataatti injifachuun darbuu danda'e.

Ammoo Arsenaaltu seenaa dorgommichaa keessatti yeroo xumuraaf kana rawwachuu danda'e. Innis bara 1986-87 Tootenhaam irratti.

Niiwkaasil madaasaa bara 2023 ittiin dagataa?

Niiwkaasil waggaa lama dura waancaa Karabaawoof qaqqabee Maanchister Yunaayitidiin 2-0n injifatamee dheebuu waancaa baroota hedduun itti fufuuf dirqame.

Bara sana taphattootnisaa waancaa injifachuuf fiixeerra gahuu isaaniin miira keessa galanii akka turan dubbatee, seenaa sana bara kana madaa san ittiin dagachuuf itti fayyadamu jedhe leenjisaa Eedii Haaw.

''Oduu dursaa jirra jedhu dagadhaa. Dirree keenyatti jifachuuf hiree argachuun akkam gaariidha'' kan jedhu Eedii Haaw tapha kana irra aqabxii gaarii argachuuf waan danda'aan mara akka godhan dubbate.

Arsenaal Amajjii kana filannoosaa sarara duraa bal'isuuf gabaa bahee ture. Jifataa Astoon Viilaa, Oole Waatkiinsiin fudhachuuf yaaluus osoo homaa hin bitatiin gabaan galte.

Ammoo taphattootuma amma jiraniinuu goolii galchuuf rakkachaa hin jiru. Liigicha keessatti Arsenaal garee goolii hedduu galche isa lammataadha.

Bara dorgommii kana taphoota 13 irratti goolii sadiifi isaa ol lakkoofsisaniiru.

Taphni galgala kanaafi taphootni liigichaa itti aanan Arsenaal gabaa of miliqsuun gatii baasuufi dhiisuu agarsiisu. Miikeel Arteettaan garuu tibba jijjiirraa taphattootaa ji'a Amajjii kanaan gammadaa akka hin taane ibseera.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.