Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan miisaa'eela dandeettii niikulaaraa qaban Beelaaruusiif kennuuf
Raashiyaan michuushee kan taatee Beeraaluusiif sirnawwan misaa'eelii dandeettii niikulaaraa fageenya gabaabaa qaban baatii dhufaa keessatti ni kenniiti jedhan pirezidaantiin biyyattii Vlaadmiir Putiin.
Putiin akka jedhaniitti, sirniiwwan iskander-M ''gosawwan niikulaaraa kan ta'an baalistikiifi kiruus miisaa'eeloota dhukaasuu kan danda'aniidha.''
Siroonni kunneenis dandeettii fageenya kiilomeetira 500 furgugfamu qabu.
Erga Putiin Guraandhala 24 irratti Yukireen weeraree kaasee Raashiyaafi biyyoota Lixaa jidduutti muddamni cimeera.
Erga yeroo sanaatii kaasees Putiin yeroo garaa garaatti meeshaalee niikulaaraatti akka fayyamadamu malu kan kaasee yoo ta'u, kana akka jidduugaluu biyyooota Lixaa akeekkachiisuutti kan fudhatanis jiru.
Putiin haasaa St. Perersburg keessatti taasisaniin, Beeraalusin xiyyaara waraanaashee fooyyeessuun gargaaruun, akka meeshaalee niikulaaraa baataniif ni taasifan jedhan. Kunis gaaffii Mr Lukashenko irraa dhiyaatiif deebii ta'u himan.
Kun osoo kanaan jiruu Dilabata ganama keessa magaalaa Kiyiiviitti dhohiinsi hedduun dhagahamuti gabaafame.
''Ambulaansiifi lubbu baraartoonni bakkicha jiru. Gamoowwan lama keessaa namoota baasuun gaggeeffamaa jira'' jedhera.
Maddi oduu AFP akka gabaaseetti, magaalichatti gamoo mana jireenyaatu rukkutame.
Sambata kaleessaa ammoo Yukireen humnootiin Raashiyaa waraana torbanootaan booda magaalaa guddoo bahatti argamtu Severodonetsk 'gutummaatti to'ataniiru' jettee turte.
Magaalattii qabachuu jechuunis Raashiyaan amma naannoo Luhansk hundaafi ollaa Donetsk qabachuutti dhiyaattee jirti jechuudha. Naannoolee lamaanis bakka indastiriin DOnbas hedduun itti argamudha.
Pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zelenskii haasaa Sambata taasiseen, magaaloota Raashiyaan qabaman hunda ''deebiifne ni qabanna'' jechuun dhaadatan.
Garuu ammoo waraanni Raashiyaa waliin gaggeeffamaa jiru sadarkaa miira cimaa keessa galuu kaasuun, haleellaafi badiin dabalataa umamamu maal akka fakkaatu akka hin beekne himeera.
Haleellaa Raashiya guyyaa Jimaataa gara kaabaa fi lixa Yukireeniitti dhukaafteen, yoo xinnaate namoonni sadii ajjeefamanii baayyeen jijjigaa jalatti awaalamu qondaaltoonni magaalaa Saarnii himan.
Rookkeetiiwwan muraasinis Beeraalus irraa furgugfaman jetti Yukireen. Beeraaluus Raashiyaadhaaf deeggarsa loojistiik dhiyeessaa jirtu, garuu ammoo loltoonni ishee ifatti waraanicha keessatti hirmaataa hin jiran.
Tajaajilli tika Yukireen akka jedheetti haleellaan miisaa'elliiwwan kunneenis yaalii Raashiyaan Beeraaluus gara waraanichaatti galchuuf taasisaa jirtuutti.
Raashiyaan Severodonetsk to'achunshee marii dippilomaasii warra Lixaa osoo hin taa'amiin torbaniin dura dhagahame. Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidanis marii Nato hordofuun walgahii G&tiif gara Jarmaniitti ni balalii'u.
Baatiiwwan dhiheenyaa keessa michoonni warra Lixaa dhimma waraana kanaarratti kan of qusannaa agarsiisan yoo ta'u, MM UK Booris Joonsana ammoo Sambata darbe waraana kanaan Yukireen Raashiyaa mo'achu qabdi jedhan.
''Yukireen yeroon harka itti kennatu amma miti'' jedhan. Pirezidaantiin Indooneshiyaa Jookoo Widodoo kan G& irratti hirmaachuf jiranis Yukireeniifi Raashiyaan gara mariitti akka deebii'an akka gaafatan himan.
''Waraanni dhaabbachuun hidhanni nyaataa addunyaa deebii'uu qabaata''jedhan.