Hubannoon nam-tolchee kan namaa yoo caale maaltu uumamuu danda'a?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Guddina teekinolojii keessatti dhimmoota akkaan beekamaa dhufan keessaa tokko waan ‘the technological singularity’ jedhamu ykn ‘the singularity’ jedhamu dha.

Yaadni the singularity qabxii yaad-rimeedhaan jiru dha. Qabxiin kunis teekinolojiin to'annoon ala tahee duubatti deebisuun sadarkaa hin danda'amnerra yeroo gahu haala jiru hubachiisa.

Qarooma ilmaan namaa keessatti haalli kuni ''haala tilmaamuun hin danda'amne'' akka tahus ibsa.

Hubannoon nam-tolchee (AI) qabxii hubannoo namootaa caalurra gahuu danda'aa?

Ilmaan namaa hubannoo nam tolchee ofiin hojjetaniin nyaatamanii qaroomni namaa gaaffii keessa galuu danda'aa?

Gaaffileen kunneen damee teekinolojiirra darbee ijoo dubbii hawaasaafi siyaasaa tahaniiru.

Dhimma singularity irratti ibsa akka nuu kennuuf Roobootiksii irratti PHD kan hojjetaa jiruuufi hundeessaa ''Guzo Technologies'' Daani'eel Geetaachaw dubbisneerra.

Singulaaritiin maali?

''Hubannoo nam-tolcheen sadarkaa singularity irra gahuun waan baayyee ulfaataa tahe dha,'' jedha Daani'el.

Dandeettii hubachuu, xiinxaluufi amala namootaarra hubannoon nam-tolchee fuulduratti yoo dhufeef jedhameetu maqaan kuni kennameef.

Hubannoon nam-tolchee Chat-GBT jedhamu kalaqoota yeroo dhihoon asitti nu dinqisiisan keessati.

Manni maree Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa fi mootummooti addunyaa biroo balaa hubannoo nam-tolcheen dhufuu malu ittisuuf seeraafi danbii of eeggannoo baasaa jiru.

Ogeessonni teekinolojii hubannoon nam-tolchee bifa akkamii haa qabaatu waan jedhu irratti ejjennoo wal-fakkaataa hin qaban.

Hubannoon nam-tolchee dandeetti hubachuufi xiinxaluu namootaa yoo darbe qabxiin sun singularity jedhama.

''Singularity''n sadarkaa hubannoo olaanaa dha'' jechuun ibsa Daani'el.

Fakkeenyaaf, hubannoon nam-tolchee amma itti fayyadamaa jirru akka namaa tahee ykn nama akka tahe yoo nu amansise hubannoo keenyarra caaleera jechuu dha.

Gama biraan hubannoo nam-tolchee fi kan namaa gidduu garaagarumman yeroo dhibu jechuu dha.

Sochiin tokko tokko hubannoo nam-tolchee yoo raawwateefi isaan booda xiinxalaafi murtoo namaa caalu yoo kennaa deeme unuuf balaa hin tahu? Gaaffiin jedhu falmisiisaa dha.

''Nama hamma nutti fakkaatutti kalaqoota nu amansiisan argaa jirra. Singularity irra gahuu baannus karaan garuu garuma achii kan geessu fakkata,'' jedha ogeessi teekinolojii kuni.

Singulaaritiin sodaachisaa dhaa?

Falmiin gama tokkoon jiru ''sheexana iddoo rafee haa dammaqsinu dha'' kan jedhu yoo tahu, inni kaan ammoo ''guddinni teeknolojii haala dhala namaa fayyaduun hojjechaa jira,'' kan jedhu akka tahe Daani'el hubachiisa.

Gaaffiin ijoo garuu adeemsa teekinolojii kanaan karaa hin beekne irratti yoo dogoggorre ofumaa akka hin badneef wabii maali qabna? Kan jedhu dha.

Daani'el, ''ogeessonni teekinolojiifi dhaaboti humna hubannoo nam-tolchee amma hubachaa kan jiran fakkaata. Sodaachaas jiru,'' jechuun ibsa.

Namoonni waan harka ofiin uuman akka to'atan yaadanillee amma garuu waan mul'achaa jiru teeknolojiin isa eegamuun caala adeemuusaati.

''Dhimmoota erga kalaqamanii booda ibsa itti dhaban, kan ifatti dubbataniifi hin dubbanne qabu. Kunimmoo balaa qaba,'' jedha ogeessichi.

Akka fakkeenyaatti haleellaa saayibariitu ka'a. Namoonni qaawwa marsariitii irra jiru arguun odeefannoo ykn maallaqa fudhachuu akka danda'an gaafa hubatan waan uumamu dha.

Ilmaan namaa caalaa hubannoon nam-tolchee qaawwa addunyaa dijitaalaa hubatee saffisa kompitaraan balaa yoo dhaqqabsiise kan ilmaan namaa caala hammaataa tahuu danda'a.

Amma bira gahuu baannus fuulduratti Artificial general intelligence ykn AGI hubannoon nam-tolchee damee, dameedhaan hubannoo namaa ni caala.

''Yeroos namoonni hojiin hojjenne deebisee kan nu balleessu yoo tahe faayidaan isaa kan nutti mul'atu natti hin fakkatu,'' jedha Daani'el.

Balaa hir'isuun danda'amaa?

Hubannoon nam-tolchee of-eeggannoon akka hojjetamuufi hojiirra akka oolu kan gargaaru qajeelfamni naamusaa (AI ethics) akka kabajamu ogeessonni irra deddeebiin yaadachisu.

Daani'el akka jedhutti yoo seerri hin jiraanne meeshaan waraanaa egeree keenyaa hubannoo nam-tolchee dha taha.

Dhaabonni teekinolojii ittgaafatamummaan hojjenna haa jedhaniyyu malee mana yaaliiwwan keessatti hojiin hojjetamu hamma ifa bahutti maaltu akka hojjetamaa jiru beekamuu dhiisuu mala.

''Chat GPT'n bahuun dura Open AI maal akka hojjechaa ture namni beekuu dhiisuu mala.

Gabaa irratti gaafa bahaniifi fayyadamuu gaafa jalqabnu dha kan beeknu. Gabaarra kan hin oolle harka mootummaa kan jiran jiru. Falmii siyaasaa jiruun tokko isa kaaniin balleessuuf yoo hojjete ilmaan namaa hundaaf balaa tahaa adeemu.''

Hubannoon nam-tolchee akkaan olaanaa tahe waan asoosamaa fakkatus Daani'el garuu ''waan danda'amu dha,'' jedha.

Hubannoon nam-tolchee hamma odeeffannoon itti kennameefi xiinxaletti guddachaa adeemuunsaa waan hin hafne dha.

''Karaan kana itti ittisan tokko seeraan akka bitaman gochuu dha. Manneen yaaliifi ogeessonnii yoo sakatta'amuu baatan ilmaan namaa haala hin hubanneen badii uumuu dandeenya,'' jedha ogeessichi.

'Hubannoo nam-tolchee nama caalaa leenjisuu...'

Kuni haalli itti uumamus tahe, haalli itti hin uumamne jira.

Haalli itti uumamuu danda'u humnis tahe teekinolojiin jira. Tahus ilmaan namaaf kamtu fayyada? Kan jedhu murteessuu kan danda'u namoota dha jedha Daani'el.

Amaloota ilmaan namaa keessaa waan hubannoo nam-tolcheetti ulfaachuu danda'u tokko fakkeenya filmiirraa fudhateen ibsa.

Namni tokko nu aarsee kolfa fakkeessa kolfinee deemna. Kuni miira wal-xaxaa dha. Dunna qaba, kolfas qaba. Hubannoon nam-tolchee amaloota al-kallattii tahan akka fudhatu gochuun yoo danda'ame egereen addunyaa qormaati isa eeggata.

Gama biraan ammoo hubannoon nam-tolchee haalli itti tajaajila fooyya'aa kennutu jira.

Fakkeenyaaf konkolaataawwan nama dhahanii deeman to'achuu danda'a. Haala kanaan ''hubannoon nam-tolchee matta'aa fa'iin gowwomsuun waan hin danda'amneef fooyya'aa taha,'' jedha Daani'el.

Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa guddataa jiran keessatti shoorri hubannoon nam-tolchee qabu xiqqoo miti.

Humna ardiin kuni qabdu tilmaama keessa galchuun hubannoo nam-tolchee damee qonnaa, wal'aansa, geejiba, barnootaafi dameewwan kaanirratti fayyadamuun fooyya'aa tahuu danda'a.

Akka ogeessi kuni jedhutti hubannoo nam-tolcheef mirgi kennamu eenyu hojjete, odeeffannoo akkamii fayyadamuun hojjete kan jedhuun murtaa'a.

''Hamma yoonaa sirna demookiraasiifi abbaa irree argineerra. Hubannoon nam-tolchee akka sirna mootummaa tokkootti hamma humna ijaarratutti gahuun akka danda'amu nutti mul'achuu dhiisuu mala,'' jedha.

Biyyoti hubannoo nam-tolcheen caalanii argamuuf fiigicha keessa kan galan garuu kanaafi.

Sirna ilmaan namaa bitamaniifitu dhufaa jiraa? Waan jedhu gaafii keessa jira.

Hubannoon nam-tolcheen fayyadamuun akka jirutti tahee kan miidhuu danda'u otoo hin beekiin dhufaa jira taanaan to'annoon seeraa akka jiraatuuf gorsu.

''Nutis haal amma jirruun hubannoon nam-tolchee maal akka hojjetu tilmaamuu hin dandeenyu. Sababiinsaa yaaduu kan dandeenyu hamma beekusa keenyaa qofa wwan taheefi,''jedha Daani'el.