Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
YouTube viidiyoowwan sobaa haquu akka dhaabe beeksise
YouTube waraabbiiwwan viidiyoo sobaa filannoo pirezidantummaa Ameerikaa bara 2020 ilaalchisee maxxanfaman haquu akka dhaabu beeksiise.
Dhaabbanni miidiyaa hawaasaa kun ibsa guyyaa Jimaataa kenneen akka himeetti, filannoo 2024 gaggeeffamuun dura tarkaanfii jijjirraa imaamata bara 2020 kan jijjire ta'uu hime.
Imaammanni amma baasee kun Waxabajjii 2 irraa kaasee hojiirra kan oolu ta'uu himeera.
YouTube fi miidiyaalee hawaasaa kaanis erga filannoo bara 2016 booda oduu sobaa siyaasaa ittisuu irratti dhiibbaa olaanaan irra gahaa ture.
Miidyaan hawaasaa qabeenyummaansaa kan Google ta'e kun akka jedheetti, sababii jijjirama amma jiruutiin kan ka'e imaammanni kun hojiirra oolfame.
''Haala qabatamaa ammaatti, yoo qabiyyeewwan kanneen haqnuutti oduuwwan sobaa muraasa hambisuu ni dandeenya ta'a, garuu ammoo osoo miidhaa qaqqabsiisuu malu qabatamaan hin hambisiin haasaa namoota siyaasaas danqurratti dhiibbaa taasisuu danda'a'' jedheera ibsa baaseen.
YouTube filammoo 2024 dhufuun walqabtee imaammatasaa akka jijjiru himee ture. Garuu ammoo jijjirama immaamatichaatiif maddi maal ta'uu akka malurratti bal'inaan hin dubbanne.
BBC yaada dabalataa argachuuf dhaabbaticha qunnamee ture.
Dhaabbatichi itti dabaluudhaan, filannoon wal qabatee imaammatawwan oduu sobaa gara biraa hojiirra akka oolchu himeera.
Fakkeenyaaf, filannoon eessattiifi attamiin gaggeeffama jechuun qajeelfamawwan dogongorsan nan haqa jedheera.
Imaammanni oduuwwan sobaa filannoo bara 2020 keessa kan bahee yoo ta'u, haaluma kanaanis waraabbiin viidiyoo Donaald Tiraamp namoota hiriiraaf bahan Amajjii 6, 2021 akka Kaaptool keessaa bahaniif waamicha taasiseen akka haqamu ta'eera.
Viidiyoon sunis sababii Tiraamp sobaan filannoon hatameera jechuun dubbataa tureef jeequmsa kaasa jedhamee yaadaamuun haqame.
''Kunis filannoo sobaati, garuu harka jarreessaan kanaa keessatti hin taphannu nuti,'' jedha ture vidiyoon haasaa Traamp. ''Bakka qabaachutu nurra jiraata. Kanaaf, gara mana keessanii galaa,;isiin jaalanna; isin namoota addaati.''
Akkasumas, viidiyoon qorattoota koree Kongisarii US jeequmsa Kaapitool maxxanfamee ture haqameera bara 2022ti.
Sababiin isaas, hasaa sobaaTiraampi filannoorratti irra dedebiin taasise kan qabatedha.
Dhaabbatichis dhorkaa YouTue Tiraamp kan hordoftoota miiliyoona 2.7 ol qabu irra ka'ee ture bara kana Bitooteessa keessa kaaseera.
Erga yeroo sanaatii kaasee pirezidantiin duraanii US viidiyoowwan gaggabaaboo 20 ta'an duula filannoo isaatiin wal qabatee maxxanseera.