Kabajni guyyaa barsiisotaa sagaleen barsiisota Itoophiyaa akka dhaga'amu gargaaraa laata?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Olmaa barsiisaan dhaloota fi biyyaaf oolu yaadachuu fi beekamtii kennuuf guyyaan barsiisota idil-addunyaa wagga waggaan Onkoloolessa 5 kabajama.

Bara kana akka Addunyaatti yeroo 34 dhaaf, akka Itoophiyaatti ammoo yeroo 27ffaadhaf kabajama

Waldaan Barsiisotaa Itoophiyaas guyyaa barsisotaa kana Sambata, Onkoloolessa 05, 2024 akka kabajamuuf qophii adda addaa taasisaa jira.

Guyyaan kun kabbajamuun hojii barsiisotaa leellisuuf qofaa utuu hin taane, akkaataa barsiisotni of ijaaranii rakkoon isaanii furamuu danda'uu, akkasumallee mirga isaanii kabachiifachuu danda'an irratti kaka'uumsaa fi hubannoo kan uumudha.

Pireezidantii Waldaa Barsiisotaa Itoophiyaa fi Afrikaatti bakka bu'aa miseensa boordii Waldaa Barsiisotaa Addunyaa kan ta'an Dr Yonaannis Bantii, turtii BBC waliin taasisaniin, egeree fi guddina biyyaa qajeelchuu keessatti shoorri barsiisaa olaanaa ta'uu eeranii, barsiisotni Itoophiyaa garuu rakkowwaan heeduu qabaachuu himu.

Kanaafis fuulduratti biyyatti hanqinni barsiisaa muudachuu mala jedhamee sodaatama.

Bakki fi kabajni barsiisaf kennamuu malu kennamaafi waan hin jirreef, dhaloota eger gara ogummaa kanatti dhufan irratti dhiibbaa kan geessisuu ta'uu Dr Yohaannis kan himan.

"Amma namootni fedhii barsiisummaa horatanii gara damee kanaa dhufaa jiran xiqqoodha,kaan ammoo rakkoo jiru irraa kan ka'e, keessaa ba'aa jiru warri turan ammoo soorama ba'aa jiru. Tariifuulduratti barsiisaa ga'uumsa qabu dhiisi kanumti daree keessa dhaabatee bahuu dhabamuu danda'a sodaa jedhutu jira" jedhu.

Waldaan Barsiisotaa Itoophiyaa, waldaalee Ogummaa kanneen angafaa, Itophiyaa keessa jiran keessa tokko yoo ta'u, waggaa 47 dura mirga barsiisaa kabachiisuu fi gaaffi isaan qaban qaama dhimmi ilaallatu waliin furuuf hundeeffame.

Barsiisota idileen duraa irraa hanga Yuniversitii jiran dabalatee akkasumallee miseensota deeggartootaa biiroo waliin namootni kuma 700 ta'an niseensota Waldaan Barsiisotaa Itoophiyati.

Waldichi waggoota kana keessatti qulqullinni barnoota akka eegamu, mirgaa fi faayidaan barsiisotaa akka kabajamu, walabummaan dhimma barnootaa akka jiraatu fi dhimmoota Dimookiraasiif misooma biyyaa keessatti ga'ee isaa ba'achaa turuu Dr.Yohannis kan himan.iiru

Kana malees waldichi kaayyoon biroo heddu qabatee hojjataa turuu fi kaayyowwan isaa kanas akkataa fedhii miseensota fi haala yeroo waliin deemutti fooyyeffataa as ga'uu eeran.

Garuu gama qulqullina barnootaatinis ta'ee faayidaa fi gaaffii barsiisotni Itoophiyaa qaban akkataa barbaadamuun deebisuu dhabuu irratti yeroo dheeraf koomiitu ture.

Dhimma kana irratti, hanga qulqullinni barsiisaa hin jirannetti:-sadarkaa barnoota, ga'uumsii barsiisaa, qophiin leenjii kennamu, onnachiiftuun, haalli barnootaa miijataa fi meeshaleen deeggarsaa barnootaa hin jiraatin qulqullinni barnootaa salphatti waan dhufu miti jedhu Dr. Yohannis.

Yoo xiqqaate barsiisotaaf fedhiin bu'uraa guutamuun dhiibbaa qulqullina irrati ga'u akka xiqqeessu himu

Itoophiyaatti waggoota sadan darban keessa barattoota qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessaa qabxii seensa yuunvarsiitii kan argatan dhibbeentaa 5 gadi. Kun egeree biyyaattiif yaaddoodha

Waldaa Barsiisotaa Itoophiyaa haalli kun akkamitti fala argachuu akka qabu,hireen barattoota Yuniversiitii hin seenne fi kanneen seenanii qormaata ba'iinsaa hin dabaree maal ta'uu qaba isa jedhu irratti qooda fudhattoota waliin marii adda addaa taasisaa jiraachuu pirezdaantiin waldichaa Dr Yonaannis Bantii BBC'tti himaniiru.

Gaaffii Ijoon Barsiisota Itoophiyaa maali?

Gaaffiin mana jireenyaa waggoota 50 oliif barsiisotarraa dhihaataa ture. Erga waggoota dhiyoo asii hangi tokko deebii argatus ammallee rakkoo cimaa barsiisota Itoophiyaaf qormaata ijoo ta'edha.

Dr Yohaannis, gaafiin kun bara 2016 irraa eegalee sadarkaa federaalaa fi akka haala qabatamaa naannoottis ilaalamee akka hojiirra oolu murtee darbeen barsiisotni kuma 120 caalaan carraa manaa fi lafa mana jireenyaa argachuu himan.

Haata'uu malee , fedhii jiruu fi rakkolee bulchiinsaa addan addaa, bifa wal fakkaatun deemuu dhabuun ammallee madda komii barsiisota ta'ee itti fufeera.

Qaala'iinsi jireenyaa yeroo yeroon dabalaa deemu ammoo mindaa barsiisotaa durayyuu gaafii yeroo dheera ture caalattuu hammeesse.

Kana malees, dhimma faayidaa barsiisotaa ilaallatan biroo akka rakkoo bulchiinsa gaarii, sadarkaa guddina barsiisotaa, leenjii, yeroo daballii mindaa fi kanfaltiin ji'aa harkifachuu dabalatee gaaffiwwan biroo barsiisotni qaban irratti waldichii barsiisota bakka bu'ee falmaa jira.

Barsiisotni sadarkaa addaa addaas ta'ee waldaan barsiisotaa Ministira muummee Itoophiyaa Dr. Abiy fi Ministeera barnoota Dr. Biraanuu Naggaa dabalatee qaamolee dhimmichi isaan ilaallatu waliin marii taasisaa turaniin barsiisotaaf waadan galamaa ture.

Haasawa yaa'ii paarlamaa irrattis Dr, Abiy ga'ee barsiisotni biyyaaf oolaniif kajfaltiin isaanif malu akka kanfalamaafi hin turre eeruun barsiisotaaf galatni akka malu ibsuun ini yaadatama.

Mindaan barsiisotaa irratti Dr. Abiy haalli diinagdee fi jiruun lammiilee akka tasgabbaa'u gochuun akka fayyadaman hojjachuun alatti addatti barsiisotaaf mindaa dabaluun furmaata waaraa akka hin taane ibsanii ture.

Garuu rakkoo fi gaaffileen barsiisotni waltajjii adda addaa irratti kaasan gaaffiidhuma ta'anii itti fufu moo yoom furmaata fooy'aa argatu isa jedhu irratti Dr. Yohannis, dhimmaa barsiisotni Yuniversiitii faayidaa mana jireenya keessatti hin hammatamne jedhu sirreessun amma karaa qabataa jirachuu himan. Kanfaltiin durgoo manaa quubsa miti jedhamee komiin jiraatus amma ta'e deebii argateera jedhan.

Kana malees barsiisotni yeroo qorannoof qu'annoo dhiyeessan akkasumallee waraqaa qorannoo dhiyeessan fi barattoota qorannoo hojjatan gorsan kanfaltiin jiraachu akka qabu gaafi gaafatameen deebii argachuu eeran.

Kan barsiisota hanga sadarkaa 2ffaa jiranis kuufama kanfaltii darbee jedhamu bara 2020 booda hojiirra deebi tokko, ramaddiin barsiisota hojjataa mootummaa kaan caala akka xiyyeeffannoo argatu sivil servisii waliin itti dhiyeenyan hojjatameen deebii argateera jedhu Dr. Yohannis.

Gaaffiin barsiisota waggoota dheeraf ture dhawataan deebi'aa deemus, akkuma haalli qaala'iinsa jireenyaa yeroo yeroon dabalaa deemu fi gaaffii kutaalee hawaasaa kanneen biroo dabalaatuma deema. "Gaaffii keenyarraa ka'ee amma waanti fooyya'e heddudha, ammas yeroo fudhata malee abdiin gaaffiin barsiisotaa hin deebi'u jedhu hin jiru.''

Akkuma hojjattoota mootummaa kanneen biroo haala humna biyyatti giddu galeessa godhateen,barsiisotnis qabeenya biyyatti irraa qixa akka fayyadamaniif caasaa haaraa hoojatamu keessatti xiyeeffannoon akka kennameef Dr. Yohannis dubbataniiru.

Dhiyeenya kanammoo ministeerri barnoota ogummaan barsiisummaa kabajaa akka qabaatuufi jireenya barsiisotaa fooyyessuuf mootummaan xiyyeeffannoo kennuu fi baankii barsiisotaa hundeessuf yaaduu ibsee ture.

Waldaan Barsiisotaa Itoophiyaas deggarsa gama motummaan tasifamuun alatti pirojeektota adda addaa rakkoo dinagdee barsiisotaa furuu danda'an hojjataa jiraachuun eerameera.

Kabaja Guyyaa Barsiisotaa Idil-Addunyaa

Guyyaan Barsiisota Idil-Addunyaa bara 1966 tti konfiraansii Addaa sanada dhimma barsiisotaa qopheessuu Faransaayi Paarisitti taasifame yaadachuuf kabajama.

Dhaabbanni Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) fi Dhaabbanni Hojjataa Idil-addunyaa (ILO) Onkoloolessa 5, 1994 irraa eegalee guyyaan barsiisota Idil-Addunyaa waggaa waggaan akka kabajamuu murteessan.

Ergasii as taatee waggaa waggaadhaan raawwatamu ta’uun, oolmaa barsiisotni dhaloota fi addunyaaf oolan yaadachuuf akkasumas hojii isaaniif beekamtii kennuuf kabajama.

Guyyaan kun barsoosotni ogummaa isaanii akka jaalatan of kennanii beekumsa isaanii akka dhaloota dhaalchisaniif kaka'uumsa guddaa uuma. Gatii isaan baasanifis kabaja fi beekamtii kennuudha.

Guyyaan Barsiisota Addunyaa kabajamu beekamtii fi dinqisiifannaa barsiisota addunyaa maraa qofaa utuu hin taane mirgii fi faayidaa barsiisota akka kabajamuuf guyyaa itti sagaleen barsiisotaa dhaga'amu ta'ee tajaajila.