Lenjisaan ispoortii yeroo ijoolleen uffata jijjiiratan qullaa isaanii dhoksaan viidiyoo waraabe hidhaa bu’e

Madda suuraa, NCA
Lenjisaan duraanii ispoortii namni ta’e dhooksaatiin ijoollee bakka bishaan daakaatti uffata jijjiiran viidiyoo waraabe hidhaan adabameera.
UK, Portismooz irraa kan ta’e ga’eessi umurii ganna 55, Terii Neeyil, viidiyoo kunneen gara biyyaatti ergee boodarra Eejansii Yakka Biyyaalessaan (NCA) to’annoo jala oolfameera.
Hoggantuu opereeshinii NCA kan taate Daani’eel Poonal, namni kun “hawaasa keessatti bakka kabaja qabu qaba ture,” garuu “angoo isa kana fayyadamuun ijoollee kunuunsa isaa jala turan miidheera,” jetteetti.
Namni kun hidhaa wagga sadiifi ji’a ja’aan adabameera.
Neeyil yakka nama ilaaluun gocha saal qunnaamti raawwachuufi suuralee badaa daa’immanii kaasuu akka raawwate mana murti Winchestar Kiraawunitti amaneera.
Dabalataanis yakka saalaa daa’ima ganna 13 gadii irratti raawwachuuf qindeessuu raawachuus amanuun, suuraalee saalaa badaa ta’an qabaachuunis yakkamaa ta’eera.
Viidiyoon kunneen kan waraabaman kutaa uffata jijjiirana bakka bishaan daakaa jiru keessattidha. Neeyil yeroo sanatti mana barnootaa bishaan dakaan qacaramee hojjechaa akka ture NCA ibseera.
Viidiyoo tokko irratti korojoo barcumarra ka’ee, kaameeraa dhoksaan waraabuu sireessuun booda, ijoollee dhiiraa qullaa jiran waliinn yemmuu odeessu ni mul’ata.
Viidiyoo biraa bara 2013’tti waraabame irratti, mucaan dhiira tokko mana isaatti dhaqna erga dhiqatee booda uffata isaa uffachaa ture. Neyil mucaa kanaaf fooxaa kennaa yeroo isa waliin odeessu ni mul’ata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qorattoonni NCA eenyummaa ijoollee viidiyoo kunneen irratti argamanii hunda kan adda baasan yoo ta’u, ijoollen kunneen ergasii “ gorsa argatanii, fayyummaan xiinsammuu isaanis eegameera.”
Neeyil viidiyoo kunneen hiriyyaa isaa leenjisaa kubbaa miillaa ta’eefi wagga 20 oliif wal beekan Awustiraaliyaa jiraatutti ergeeera.
NCA akka jedhutti namichi viidiyoon kun ergameefis poolisii Federaalaa Awustiraaliyaan to’annoo jala oolfamee hidhaa wagga 20’n adabameera.
Aadde Poonal dabaluun gochii Neeyil raawwate “fedhii saalaa ofii isaafi yakkamaa akka isaa kutaa addunyaa biraa keessa jiraatuuf oluu ture,” jetteetti.
Dhadachaa Mana murtiif maatiin tokko: “ Guyyaa gaafaa Terii Neeyil namummaa ilma keenya ganna 12 akka mulqeefi qulqullummaa ijoollummaa isaa akka hate barre jireenyi keenya geeddaramera,” jechuun yaada isaanii barreessaniiru.
“Ilmi keenya waanti uumame tarii balleessaa ofii isaa akka ta’etti itti dhaga’ame.”
Miidhamaan tokko: “Ijoollummaakootti eeyyamakoo malee viidiyoo akkanaa warabamuukoo baruun akkaan waan jireenyakoo keessa waanan hin beekne dhibameetti natti dhaga’ame,” jedheera.
“Yeroo tokko tokko waan naratti raawwatame yaadaa, qalbiinkoo ni bada. Nan aaraa, wanta darbe duubatti deebi’ee geeddaruu waan hin dandeenyeef nan gadda.”












