Dhibee waliin isaa wallaalame Kibba Itoophiyaatti harroota galaafataa jira

Harroota

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Gama kibba Itoophiyaa Godina Gofaatti harroonni dhibee waliin isaa hin beekamneen du’aa akka jiran jiraattonniifi qondaalli bakkichaa BBC’tti himan.  

Akka hoogganaan damee qonnaafi horsiisa qurxummii godinichaa Obbo Muluqan Tamasgan jedhanitti hanga ammaa harroonni 148 du’aniiru. 

Kunneenis aanota Zaalaa, Dambaa Gofaafi Saawulaa jedhamanittidha.  

Akka qondaalli kuni himanitti duuti harrootaa torban darbe eegale.  

Harroonni dhukkuba hin beekamne kanaan qabaman mallattoo dhukkubaa erga agarsiisanii booda hin turani – dafanii du’u.  

''Kanneen mallattoo agarsiisan atattamaan du’u. Akkuma mallattoon irratti mul’ateen sa’aatii muraasa keessa du’u,'' jechuun Obbo Muluqan himan.  

Mallattoo harroonni dhukkubsatan agarsiisan keessaa ofirra naannawuu, kirkiruu, yeroo harganan morma isaanii dheeressuu, akkasumas afaan isaaniin kobbayya baasu jechuun himan.

Taaten kuni jiruu guyyuu hawaasichaarratti rakkoo fideera. Jiraattonni dubbisne kanaan yaadda’uu himaniiru.

Maalummaa dhukkuba kanaa baruuf laaboraatorii Walaayittaa Soddootti erga gabaafamee booda saamuda gara laaboraatorii Sabbataa argamutti geeffamuu himan. 

Yeroo ammaa ogeeyyiin sadarkaa gandaa jiran sakattaa taasisaa akka jiran himaniiru. 

Jiraattonni harroota mallattoo dhukkubaa agarsiisan kaanirra akka dafanii adda baasan itti himamaa jira. 

Ogeeyyiin bu’aan laaboraatorii akkuma dhaqqabeen talaallii kennuun yoo barbaachise kennuuf qophiirra akka jiran ibsameera.  

Godina Gofaa keessa harroonni 35,000 ol akka jiran aangawaan ni dubbatu.

Hawaasi Itoophiyaa keessaa gara caalu harroota mi’a itti fe’uuf itti dhimma baha.

Sababa kanaaf rakkoon fayyaa harrootarra gahu keessumaa hawaasa baadiyyaa keessa jiraaturratti dhiibbaa olaanaa qaba.

Biyyoota harroota hedduu qabaachuun maqaan isaanii durarratti eeraman keessaa Itoophiyaan tokko ta’un ni beekama.