Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siitii v Niwukasil, Leester v Arsenaal, Tootenhaam v Man Untd,... eenyu mo'a?
Niwukaastil Piriimer Liigii keessatti Istaadiyeemii Itihaaditti injifatee hin beeku, bu'aan isaa inni gaariin daawwannaa 20 keessaa lama qixa ba'uu isaati. Haata'u malee, tapha sambata dhufuutiin Maanchistar Siitii injifachuu danda'aa?
Ani yeroo baayyee tilmaama kennuudhaaf akka na gargaaruuf saayinsiin fayyadama, amma garuu waa'ee seenaas yaaduun narra jira," jedha ogeessi kubbaa miilaa BBC Sport Kiriis Saatan.
Saatan bara kana taphoota Priimer Liigii 380 hunda tilmaamaa jira. Ogeessi kun taphoota Piriimer Liigii torban 25ffaa akka itti aanuun tilmaameera.
Jimaata, Guraandhala 14
Biraayiten v Chelsii
Gareen lamaan torban darbe tapha FA Cup irratti waliif bahanii Chesliin dursa qabatullee boodarra Biraayiten mo'achuu danda'eera.
Chesliin erga dhiyootii as gahumsa irraa eegamu agarsiisaa hin jiran. Ammallee sadarkaa afuraffaarra jiraatanis, dandeettiin isaanii bu'eera.
Akkuma kana ammoo Biraayitenis takka bu'ee takka ka'a. Kana waan ta'eef tapha kana abbaa mo'atu tilmaamuun rakkisaadha. Kanaaf, ani wal qixa bahu jedheen yaada.
Tilmaama Saatan: 1-1
Sambata, Guraandhala 15
Leester Siitii V Arsenaal
Torban kun deeggartoota Arsenaaliif oduu gammachiisaa hin turre. Kaa'i Haveertiz miidhamaan hanga dhuma bara kanaatti hin taphatu.
Gabreel Jeesus duraaniyyu miidhamarra kan jiru waan ta'eef Kaa'i itti dabalamee miidhamnaan Arsenaaliif yaaddoo cimaadha. Akkuma kana ammoo Bukaayoo Saakaafi Gabreel Maartineeliin miidhamarra jira.
Kan nama dhibu ammoo Arsenaal jijjiirraa tphattootaa Amajjii keesas taphataa hin bitiin hafuun isaa deeggartoota hedduu dallansiiseera.
Haata'u malee, taphattoota ciccimoo miidhaan hiriirsisuu baatus Ze Gaaners Leesteriin mo'achuuf hin xiqqaatan.
Liyaandiroo Tiroosaard sarara goolii lakkoofsisuu yoo dursi Raahim Isterliingillee bakka sana ni taphata.
Leester ammoo dorgommii FA Cup keessaa baheera. Akkuma kana ammoo tapha Piriimer Liigii darbeetiin Everteniin mo'ameera.
Leester Siitiin Fulbaana darbe Arsenaal waliin taphatanii 4 fi 2n mo'ame. Miilanas ni mo'ama.
Tilmaama Saatan:0-2
Aso Viilaa v Ipsiwiich
Ipsiwiich tapha FA Cup irratti mo'ateera. Haata'u malee, taphoota Piriimer Liiggii darban afur walitti aansuun mo'ameera. Kanaaf, kana dhaabuuf leenjisaan maal gochuu qaba?
Aston Viilaan akkuma kana FA Cup irratti Tootenhaamiin mo'atee darbeera. Haata'u mlee, taphoota Piriimer Liigii sadan darbaniin Arsenaaliifi Weest Haam waliin wal qixa bahanii, Wolvisiin ammoo mo'amaniiru.
apha kanarratti Ipsiwiich goolii ni galchu garuu Aston Viilaan caalaa lakkoofsisa jedheen yaada.
Tilmaama Saatan: 2-1
Fulhaam V Notingihaam Forest
Fulhaam bara kana keessumaa dirreesaaniirratti laafoo miti. Nootingihaam Forest ammoo bara kana cimina addaa agarsiisaa jira. Kanaaf, tapha kana tilmaamuun salphaa hin ta'u.
Tilmaama Saatan: 1-1
Maanchester Siitii v Niwkasil
Ani BBC Radio 5 kallattiin tamsaasuun ani bakka tapha kanaattin argama. Maanchester Siitiin gooliin irrati lakka'uurraa waan oolu miti.
Niwkasil Itihaad irratti seenaa gaarii hin qabu. Taphoota garee kana lamaan walitti fidan keessaa 10 walitti aansuun Maanchester Siitiitu o'ate.
Niwkasil yeroo dhumaatiif Siitii kan mo'ate Fulbaana 2000 goolii Alaan Shiirar lakkoofsiseen ture.
Tilmaama Saatan: 2-1
Saawozihaampitan v Barnimaawoz
Barnimaawoz tapha kana hin mo'atu taanaan baayyee na ajaa'iba. Saawozihampiten bara kana akka hin taane ta'aniiru. Tapha 'FA Cup' dirreesaaniirratti Barnilee waliin taphatanirrattillee deeggartootasaanii gammachiisuu hin dandeenye.
Gama kaaniin ammoo Barnimaawoz sirriitti gurmaa'oodha. Gareen kun sarara hundarratti madaalawaadha. taphatana isaanii Jastiin Kiluuvert ammoo cimina addaarratti argama.
Tilmaama Saatan: 1-3
West Haam v Biraayiten
Biraaiten qe'eerraa fagaatee yeroo taphatu laafaadha. Weest Haam ammoo taphoota sadan darban keessaa qabxii tokko qofaa argate.
Bara darbe Guaandhala keessa west Haam 4-2n Bireentifoordiin mo'atee ture.
Bara kana ammoo goolii akka kanaa baayyeen ta'uu baatus dubbiin kanuma bara darbe ji'uma kana keessaa waliin wal fakkaataa ta'a jedheen yaada.
Tilmaama Saatan: 2-1
Kiristaal paalaas v Everten
Ji'a darbe Evertenitti kan deebiye Daavid Mooyes hojii ajaa'ibaa hojjeteera. Everten darbii Marsiisaayid irratti Liiverpuul kan Liigicha dursaa jiru kurkurse.
Mooyes Everten ammallee akka fuulduratti deemu gochaa jira. Haata'u malee, taphataa kaardii diimaan jalaa adabamuu dabalatee tapha Roobii galgala Liiverpul waliin turerratti miidhamuun isaa hin oolle.
Kiristaal Plaas garuu yeroo ammaa kana cimina gaariirratti argamu. Taphataan isaanii Jiin Filiip Mateetaa dhaabuudhaaf rakkisaa ta'aa jira.
Tilmaama Saatan: 1-0
Dilbata, Gurandhala 16
Liiverpuul v Wolvis
Wolvis tapha darberratti Aston Viilaa mo'ataniiru. Akuma kana FA Cup irratti yeroo isaan Bilaakbarn mo'atan daawwachaan ture.
Haata'u malee, dirree Liiverpuul, Anfiild irratti Wolvis mo'icha argata jedhee hin yaadu.
Liiverpuul tapha Everten walii walqixa bahe sanarraa gara mo'achuutti deebiyu jedheen eega. Leenjisaan Liiverpuul Arnee Silootiifi itti-aanaan isaa sababa kaardii diimaatiin tapha kanarratti teessumarratti hin argaman.
Taphni 14 hafee yeroo jirutti Liiverpuul lammaffaara kan jiru Arsenaaliin qabxii torbaan caalee dursaa jira.
Taphattoonni Liiverpuul qabxii Guudisan Paarkitti gatan yaaduun seetoon taphachuun Wolvisiin mo'achuun isaanii kan eegamudha.
Ani tapha kanarratto Mohaammad Saalaan ni lakkoofsisa, Liiverpuul sirriitti amansiisee mo'ata.
Tilmaama Saatan 3-0
Tootenhaam v Maanchester Ynaayitid
Tapha kanarratti tilmaama laman kenna. Tokko faallaa tilmaama ani kennuu ta'uu haalli itti danda'u ni jiraata.
Fulbaana darbe Tootenhaam gara dirree Maanchester Yunaayitid deemee 3-0n adabee deebiye. Kun garuu amma waan ta'uu danda'u hin fakkaatu.
Tootenhaam amma taphattoonni isaa ciccimoon miidhamarra turan deebiyaafiif jiru. Haata'u malee, tapha kanaaf hangam gahumsa guutuun qaqqabuu danda'u kan jedhu gaaffiidha.
Maanchester Yunaayitid ilaalchisee ammoo tibba kana keessa gabaasa ba'aa jiran tokko tokko yeroon ilaalu, taphattoonni leenjisaa haaraa Ruuban Amoorim waliin gammachuu hin qaban.
Kilaba kana ilaalchisee dirree keessaafi dureen alatti wanta baayyeetu deemaa jira.
Ani akkan yaadutti, Ruuben amoorim walakkaa bara tapha kanaarra wan dhufeef yeroon isa barbaachisa.
Tilmaama Saatan: 1-2 ykn 4-0
Oduufi xiinxala akkanaa argachuuf BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.