Maanchister Siitiin kaleessa akkamiin balaa abiddaa fi mo'amuurraa oole?

Madda suuraa, Getty Images
Kaleessa Maanchister Siitiin balaa lama irraa oole. Balaa ibiddaa tapha Kilab Biruuj waliin taasisan dursee istaadiyeemii keessatti mudatee fi tapha irratti galchii dursee irratti lakkaa'ame ture.
Peep Gaardiyoolaan yeroon balaa abiddaa sana argu ''miiidyaaleen mo'amuu keenya eeganii gabaasuuf qophaa'aa turan amma nurraa bu'anii mata duree argatan'' jedheen yaadaa ture.
Maanchister Siitiin dorgommii Shaampiyoonsi Liigii gara tapha mo'atanii darbuutti ce'uuf tapha kaleessaa injifachuun dirqama itti tahee ture. Garuu dursee Itihaad irratti galchii kan lakkoofsise Kilab Biruuj Ture.
Kun deeggartoota Maan Siitii hedduu naasisee ture. Haa tahu malee, balaa abiddaa sanaanis namni hin miidhamne.
Maanchister Siitiinis dursamuu irraa ka'ee taphicha mo'atee carraa isaa bal'ifate.
Garuu ammas balaa ulfaataatu fuuldura isaanii jira. Tapha mo'atanii darbuu kan walitti dhufan Bayern Munik ykn Riyaal Maadirid waliinidha.
Kileboota 36 keessaa maanchister Siitiin 22ffaa irra jira. Shaampiyoonaan bara 2023 Maanchister Siitiin jalqaba irratti taphuma mo'atanii darbuufiyyuu waan gahan hin fakkaatan ture.
Maan Siitii ittisa fi cinaa fuulduraatiin rakkoo akka qabu tapha kaleessaa irratti argameera. Gaardiyoolaan dhiphina guddaa keessa ture.
Garee Gaardiyoolaan leenjisu daqiiqaa 45 keessatti yaalii galchii qiyyeeffannaa isaa eeggate [shot on target] osoo hin taasisiin yoo bahu kun kan jalqabaati.
Gaardiyoolaan bishaan dhugaatiif dirree cina kaa'ame dhiitaa, mataa ofirraa ciraa aarii fi dhiphina isaa ibsataa ture.
Barri kun kan Maanchister Siitii hin fakkaatu. Piriimer Liigii keessatti Liiverpuul qabxii 12 isa caaleera.
Shaampiyonsi Liigii ammoo taphoota lama dabalataa yoo mo'ate qofa gara kileboota 16tti makama.
Maanchister Siitiin yeroo 11 walitti aansee tapha mo'atanii darbuu Shaampiyoonsi Liigiif dhaqabeera. Osoo kaleessa mo'amee jiraate rikardiin kun ni caba ture.
Gaardiyoolaan tapha mo'atanii darbuu itti aanuun Riyaal Maadirid ykn taphataa duraan Gaardiyoolaan leenjisaa ture Viinseenti Koompaaniidhaan kan leenji'aa jiru, Baayern Munikiin morkata.
Osooma taphicha mo'atee darbeeyyuu Maanchister Siitiin bara kana gahumsa guddaa irra kan jiru Atileetiikoo Maadirid ykn Baayern Liiverkuseen morkata.
Kun ammoo salphaa miti. Liiverpuul mo'amus sadarkaa tokkoffaan marsaa kana xumuree gara tapha mo'atanii darbuu garee 16tti darbeera. Baarseloonaan lammaffaan yoo xumuru, Arsenaaliifi Aston Viilaanis akkasuma kallattumaan darbaniiru.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












